Hiriyoonni daamuu horsiisuun fudhatama argatan waa’ee hojiisaanii maal himu?

Madda suuraa, BBC+GETTY IMAGES
“Injinariingiin qaccee sanyii kanniisni akka nama hin hiddine taasisu ni jira.
Nuti garuu bifa sanaan osoo hin taanee kanniisa uumamaan nama hin hiddinefii biyya keenya keessa jirtu gara magaalaatti fidnee guddisaa jirra” Zarihuun Wadaajoo.
Dargaggoo Zarihuun Wadaajoo waggoota muraasa dura ture hojii barsiisummaa dhiisuun Magaalaa Adaamaa keessatti qurxummiifi illeentii dabalatee beeyladoota biroo horsiisuufii kuduraafii muduraa omishuu kan eegale.
Kana malees hiriyaasaa Yoonaas Gabra-Kiroosfii kunneen biroo waliin ta’uun waggoota sadan darbaniif qonna magaalaan kanniisa horsiisuun damma omishaa turaniiru.
Haa ta’u malee amala nama hidduu kanniisa walqabatee kanniisa magaalaa keessatti horsiisuun qormaata mataasaa kan qabudha.
“Dammi nyaataafis ta’e diinagdee keessatti hiyyummaa hir’isuuf barbaachisaadha. Haa ta’u malee kanniisa magaalaa keessatti horsiisuuf kanniisa nama hiddutu jira” jedha Zarihuun.
Yeroo keessa innifii hiriyaansaa Yoonaas nama lammii biyya Turkii ta’efii Mahaammad jedhamuun walbaruufii waa’ee kanniisaa waliin haasa’uu kan himu Zarihuun, hariiroon lammii Turkii waliin eegalan hojiisaanii ammaatiif ka’umsa akka ta’e dubbata.
“Waa’eema kanniisaa wayita haasofnu ‘biyya kiyyatti kanniisni nama hin hiddine nijira. Kanaafuu kanniisa nama hin hiddinerratti waliin osoo hojjennee’ jechuun odeeffannoo nutti hime” jechuun haala ture ibsa.
Zarihunfii Yoonaas odeeffaannoo ‘kanniisni nama hin hiddine jirti’ jedhu kan dhagahan ALI Onkololeessa 2016 ture.
Odeeffannoo argatan bu’uura godhachuun waa’ee kanniisa nama hin hiddinee qorachuu eegaluu kan himu Zarihuun, “kanniisni nama hin hiddine kun kanniisa damma-daamuu ta’uusaa barre” jedha.
‘Kanniisichi Oromiyaa keessa bakka baay’ee jira’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maalummaa kanniisa nama hin hiddinee erga baranii booda kanniisicha barbaacha Itoophiyaa keessa gara iddoowwan garagaraa imaluusaanii Zarihuun hima.
Kanniisni damma-daamuu naannoo Oromiyaa keessa iddoowwan baay’eetti akka argamtu hubachuusaaniis dubbata.
“Naannoo Oromiyaa keessa bakka baay’ee jirti. Fakkeenyaaf Arsii, Baale, Wallagga keessa bakka baay’ee jira” jedha.
Dabalataan kanniisni kun Naannoo Kibba Itoophiyaa, Godina Walaayittaa keessatti akka argamtus hima.
Dammi kanniisni kun omishu faayidaa qorichummaafii galii fooyyee kan argamsiisu ta’us qorannoon irratti adeemsifamee akkaataa uummanni irraa fayyadamaa ta’uu danda’uun akka irratti hin hojjetamnes hima.
Imala gara iddoowwan eeramanitti taasisaniin amala kanniisichaa qorachuu kan himu Zarihuun Wadaajoo, boodarra kanniisicha gara magaalaa Adaamaa fiduun qorannoo dabalataa irratti taasisuu dubbata.
“Sana booda magaalaa Adaamaa keessatti manuma keenya keessatti jalqabne. Amma gaagura qorannoo irratti adeemsifnu gaagura 10 qabna” jedha. Waliigalattis yeroo ammaa gaagura kanniisa damma daamuu 15 akka qaban himeera.
Dabalataan “Wanti inni jibbu maali? Maal jaalata? Maaltu isa miidhuu danda’a? Maal soorata? Kan jedhu qorannoo irratti adeemsifnee barree jirra” jedheera.
Hanga ALI Onkololeessa 2017’ttis lakkoofsa gaaguraa qaban gara 100’tti ol guddisuuf hojjechaa akka jiranis himeera.
Qonnaan bultootaaf dhiyeessuu hanga damma biyya alaatti erguu…
Zarihunfii waahillisaa Yoonaas, dorgommii kalaqaa akka biyyaatti taasifamefii miidiyaa Korporeeshinii Birodkaastingii Itoophiyaa -EBC irratti adeemaa ture Naggaadiraasirratti hirmaachuun sadarkaa lammaffaa qabachuun xummuran.
Kanaanis badhaasa maallaqaa birrii kuma 700 argatan. Dabalataan baankiiwwan garagaraa hojii eegalan fiixaan akka baasaniif liqaa dhiyeessuuf waadaa galaniiruuf.
“Akkuma dhageessan Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa birrii miliyoona 10 sinin liqeessa jedheera. Baankiin Misoomaa immoo karoora keenya dhugoomsuuf dhibbaan dhibbatti isinin qarqaara nun jedheera” jedheera.
Yeroo ammaatis rakkoon isaan qaban hanqina iddoo hojii ta’uu kan hime Zarihuun, iddoo hojii argachuuf qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatuuf gaafii dhiyeessaa jiraachuusaanis himeera.
Gaagura kanniisa kanaaf ta’u omishaa jiraachuu himuunis, gaaguraafii kanniisicha gabaaf dhiyeessuun dabalataan qonnaan bultootaaf taajila leenjii kennuufis karoora akka qaban himeera.
Kana malees damma kanniisa nama hin hiddine omishanii gara biyya alaatti erguun galii argachuuf yaada a kka qabanis himeera.












