Gaggeessaa Sudaan Al-Burhaan irratti yaaliin ajjeechaa gaggeeffame

Madda suuraa, EPA
Gaggeessaa Humna Waraana Sudaan kan ta'an Jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan irratti yaaliin ajjeechaa gaggeeffame.
Dubbi Himaa Humna Waraanaa Sudaan kan ta'an Nabiil Abdallaa BBCtti akka himanitti yaalii ajjeechaa ajajaa waraana biyyattiirratti kan gaggeesse Humna Addaa Sudaan (RSF)dha.
Humni Addaa kan Waraana Sudaan wajjin lolatti jiru waa'ee ajjeechaa isatu raawwate jedhamee kana ilaalchisee homaa hin jenne.
Dubbi himaan Humna Waraana Sudaan kun akka jedhanitti, yaalin ajjeechaa kan gaggeeffame kutaa Baha Sudaan bakka Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan waraana haaraa eebbisiisaa jiranitti.
Yaalin ajjeechaa kan raawwate haleellaa misaa'elaa bakka humni waraana biyyattii haaraa leenji'e eebbarra jirutti yoo ta'u, sagantaa eebbaa kanarratti gaggeessan walii galaa Humna Waraana Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan argamanii ture.
Haleellaa misaa'elaa gaggeeffameen namoonni shan du'uun ibsameera.
Haleellaa misaa'elaa sirna eebba waraanaa irratti gaggeeffame kanaan miidhan Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan irra gahuufi dhiisuu waanti barame hin jiru.
Rooyitars ammoo buufata waraanaa baha Sudaan irratti haleellan gaggeeffame diroonidhaan ta'uu namoota ijaan argan waabeffachuun gabaase.
Halleellan kun kan gaggeeffame bakka Humni Waraana Sudaan buufate magaala daangaa Galaana Diimaa, Poort Sudaan, irraa fageenya 100km irratti argamtutti.
Oduun yaalii ajjeechaa gaggeeffamuun kan dhagahame mootummaan Sudaan haal-duree kaa'ee Humna Addaa (RSF) wajjin mariyachuuf fedhii qabaachuu yeroo agarsiisetti.
Mootummaan Sudaan kan isa waliin lolatti jiru Humna Addaa wajjin mariif akka taa'u kan beeksise jaarsummaa Ameerikaan dhiyeessiteeni.












