Mootummaan Sudaan jaarsummaa Ameerikaatiin Humna Addaa (RSF) waliin mariyachuuf

Madda suuraa, Reuters
Gaaffii Ameerikaan dhiyeessiteen mootummaan Sudaan Humna Addaa wajjin waliin mariyachuuf tole jedhe.
Humni Waraanaa Sudaanifi Humni Addaa (RSF) lola itti jiran karaa nagaan waliin mariyatanii akka furaniif gaaffii kan dhiyeesse Ameerikaa yoo ta'u, mootummaan Sudaan ammoo haal-duree kaa'un mariyachuuf waliigale.
Marichi jaarsummaa Ameerikaatiin kan gaggeeffamu yoo ta'u Siwizaraanditti akka mariyatama.
Kanaan dura yeroo garaa garaatti mariin qaamolee lamaan gidduutti akka gaggeeffamu yaalin heddu godhamus hin milkoofne.
Humni Addaa (RSF) magaalota to'ate keessaa hanga bahutti wajjin taa'ee marii hin gaggeessu jedhee ture mootummaan Sudaan.
Haa ta'u gaaffii marii nagaa Ameerikaan amma dhiyeessite fudhachuun RSF waliin mariif akka taa'u Ministiirri Dhimma Alaa Sudaan beeksise.
Ameerikaan jaarsummaan gidduu seenunshee kun waraana qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamee lubbuu heddu gaaga'e kana goolaba jedhamee abdatama.
Lola Humna Waraana Sudaanifi Humna Addaa (RSF) gidduutti ji'oota 15 gaggeeffamaa jiruun namoonni kumaan lakkaa'aman du'aniiru.
Sababa waraana kanaan lammiilen biyyattii miliyeena 10 ol ta'an qe'eerraa buqqaaniiru.
Rooyitars Ministeera Dhimma Alaa Sudaan wabeeffachuun akka gabaasetti, Sudaan qondaalota Ameerikaa waliin marii gaggeessuf gaaffii dhiyeessite.
Sudaan Tiriibun ammoo mootummaan Sudaan maricharratti hirmaachuf haal-duree kaa'era.
Haal-dureewwan kanaan eenyu mariirratti argamuufi argamuu akka hin qabne kan ibsuudha.
Mariin kun torbee lama booda akka gaggeeffamu ibsamee jira. Saawudii Arabiyaafi Siwizarlaand marii Ameerikaan qindeessiturratti argamuun qaamolee wal-waraanan lamaan ni mariisisu.












