MM Abiy Ahimad Sudaanitti imaluun haala nagaan bu'uurratti mari'atan

Madda suuraa, Office of the Prime Minister
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad guyyaa har’aa Sudaan keessatti karaatti nagaa buusuun danda’amurratti mari’achuuf Sudaan seenan.
Daawwannaan bulchaa Itoophiyaa kuni erga Sudaanitti waggaa darbe waraanni eegalee as yeroo jalqabaaf kan taasifamedha.
Waajjirri Ministira Muummee Abiy Ahmad akka beeksisetti, daawwannaan isaanii kuni ''kutannoo tasgabbii Sudaaniif furmaata waaraa barbaaduu itti fufedha.’’
MM Abiy yeroo magaalaa Port Sudaan gahan Ajajaa Waraanaa Sudaaniifi bulchaa biyyattii Janaraal Abdul Fattaah al-Burhaaniin simatamaniiru.
MM Abiy dhihoo paarlaamaatti dubbii taasisaniin bulchiinsi isaanii keessoo dhimma waraana Sudaan keessa seenuurraa of qubachuu ibsaniiru.
Itoophiyaan biyyoota ollaa Sudaan baqattoonni kuma hedduu itti baqatan keessaa tokko yoo taatu ofiis walitti bu’iinsi keessaa hin caamne.
Keessumaa baha Sudaan kan Itoophiyaa daangessutti lolli babal'achuun gabaafamaa jira.
Sababa kanaan bulchiinsa Senaar kibba-baha Sudaanitti argamturraa namoonni 130,000 buqqa’uu malu jedhaniiru dhaabbileen gargaarsaa.
Waraanni Sudaan keessa adeemaa jiru lubbuu lammiilee Sudaan qofa osoo hin taane lammiilee biyyoota alaa biyyattii keessa jiraatanis balaarra buuseera.
Lammiileen Itoophiyaa keessumaa lolichi daangaa Itoophiyaatti dhihaataa jiraachuu ibsuun hawaasi idil-addunyaa akka birmatuuf waamicha taasisaniiru.
Yaaliin kana dura Sudaan keessa nagaa buusuuf qaamolee garagaraan taasifame ija hin godhanne.
Waraanni Sudaaniifi Humni Addaa Sudaan Ebla waggaa darbe eegalee Sudaaniin to'achuuf lola hammaataa gaggeessaa jiru.
Sababa lola kanaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman yoo baqatan, kumaan kan lakkaa'aman immoo lubbuu dhabaniiru.
Lolichi biyyoota ollaa jiraniif yaaddoo nageenyaa uumuun isaa ni yaadatama.












