Dhugaatti goondaan foolii fuudhuun nama kaansarii qabu adda baasuu dandeessii?

Goondaa mukarra jirti

Madda suuraa, Getty Images

Guyyaa Kaansarii Addunyaa: Gondaan foolii fuudhuun kaansarii adda baasuu dandeessi jedhe qorannoon haara.

Anteenaa isaaniif haa toluutii, goondaan fincaan hantuutaa irraa kaansarii suunfachuu dandeesseetti jedha qorannoon haaraa. Dhukkuba kaansarii adda baasuu kan danda’u garuu gondaa qofa miti.

Galata miira suufuu cimaa qabaachuusaanii, goondaan gara fuulduraatti dhukkuba kaansarii namaa adda baasuu danda’u taha jedhe qorannoon haaraa kuni.

Ammatti garuu saayintistoonni yeroo jalqabaaf gondaan dhukkubicha hantuuuta irratti adda baasuu dandeesseetti jedhan.

‘’Goondaan fincaan hantuutaa irraa kaansraii akka suunfachuu dandeessuuf daqiiqaa kudhan keessatti leenji’uu dandeessi,‘’ jechuun barreessan qorannoo kanaa Baaptiisee Piikiyuuree BBCtti himaniiru.

Piikuuyeen qorannoo isaanii kan jalqaban bara 2017 yoo tahu, seelii fayyaafi kaansarii qabu kan laaboraatorii keessatti tolfame akka adda baasaniif goondaa leenjisaa turan.

Amma garuu gareen isaanii waan caalu dalagaa jira: Yeroo ammaa goondaan seelii dhala namaa kaansarii qabu hantuuta irraa adda baasuu danda’aniiru.

Goondaa foolii xiraa’u akka adda baasan leenjisuu

Goondaa baalarra teesssu

Madda suuraa, Getty Images

Piikuuyeen akka jedhanitti gareen isaanii mala xenografting jedhamu fayyadame- kunis kaansarii harma namaa irraa fuudhanii hantuutatti dabarsuun keessatti akka guddatu godhan.

Sana booda hantuuta fayyaa fi kan seeliin kaansarii keessatti dabarfamerraa samuuda fincaanii fuudhan.

‘’Yeroo leenjii kennaa turetti goondaa iddoo geengoo tahe tokko keessa keenyee, nyaata immoo akka badhaasaatti fincaan hantuutaa kaansarii qabdu bira keenye,’’ jedhan.

Goondaan yeroo badhaasa argattu, foolii seelii kaansarii isa wajjin dhufutti gatii walitti hidhaniif adda baasuu danda’u.

‘’Seelonni akka warshaati hojjechuuf galtee barbaadu, achiin immoo haftee oomishu. Seeliin kaansarii qabu haftee oomishuu irraan kan ka’ee fooliidhaan adda baafamuu danda’a,’’ jedhu.

Qorannoon kuni addatti akka ibsutti seeliiwwan kaansarii qaban kompaawundii iddoo tokkotti hin ititne gatii qabaniif fincaaniifi hafuuraan adda baafamuu danda’u.

Yeroo leenjiin goondaaf kennamaa turetti erga badhaasni nyaataa kaafamellee, iddoo samuudni fincaanii seelii kaansarii qabu yeroo dheeraa turaniiru.

Goondaan kaansarii dhala namaa adda baasuuf fayyaduu laataa?

Saree barcuma irra teessu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ammaaf nu fayyadaa hin jiran jedhan Piikuuyeen, ‘’sana baruudhaaf fincaan namaa irratti yaalii taasisuu qabna, tahus samuuda fincaan hantuutaa irratti yaalii gochuurra kan namaa wal-xaxaa taha,’’ jedhan.

Goondaa foolii kaansarii namaa akka adda baastu leenjisuun, dhimmoota kanneen akka umrii, saala, haala nyaataafi foolii namni tokkoon tokkoo qabu tilmaama keessa galchuu gaafata jedhan.

Tahus qorataan kuni qorannoosaa akka jabeessee itti fufuufi goondaan leenjiif yeroo dheeraa hin fudhattu akkasumas baasii xiqqaan dhukkuba adda baasuu danda’u jedhan.

‘’Faayidaan gondaa inni tokko gurmuun jiraachuu isaaniifi odeeffannoo walii qooduu isaaniiti, ‘’ jedhan.

Piikuuyeen akka jedhanitti tuuta goondaa keessa harki 10 yoo leenji’an warra kaaniif odeeffannoo dabarsuu danda’u.

‘’Kanaaf odeeffannoon haala kanaan yoo tamsa’e, hundasaanii leenjisuutti yeroo hin guubnuu,’’ jedhan.

Hojimaatni akkanaa kanniisa irratti hojjeteera garuu kan gondaa qorannoo dbalataa gaafataa jedhan ogeessi kuni.

Goondaatiin ala awwaanis illee seelii kaansarii fayyaafi kan kaansarii qabu adda baasuu akka danda’an qorattoonni Ameerikaa mirkaneessaniiru.

UK’ttis qorannoon taasifame akka agarsiisutti saroonnillee samuuda dhiigaa kaansarrii fiixee gadameessaa akka suufan leenji’an harka 99 adda baasuun milkaa’aniiru.

Soofii Aziiz dhaabbata tola oolaa saroota dhukkuba adda baasuu leenjisu keessatti hoggantuu qorannoo fi beeksisaati.

Akka isheen jettutti, ‘’kaansarii gama adda baasuun qorannoon ilbisoota irratti taasifamu qorannoowwan mummee kaaniif deeggarsa tahuu mala,’’ jedhan.

‘’Waa’ee bineeldotaa fi ilbisootaa hammuma baranne, waan gaarii barra. Akkatti gondaan kaansarii adda baastu saayintistoonni adda baasuun isaanii fakkeenyaaf waan qorannurratti odeeffannoo guutuu akka qabaannu godha,’’ jedhan.