Somaaliyaatti namoonni gondaadhaan mirqaanuun yaaddoo uume

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Somaaliyaa sanyii goondaa tokko qoricha sammuu si'eessitu jechuun adda baaseera. Tarkaanfiin kuni kan fudhatame, namoonni gosa gondaa kanaa bishaaniin erga affeelaniin booda hurka bishaanichaa akka xuuxan erga beekameen booda dha.
Gondaan manaa foolii qaban kunneen maqaan saayinsii isaanii taappiinoomaa seesaayil jedhama. Asiidii foormiik jedhamus qaama isaanii keessaa qabu.
Kana dura shimbbirroowwan gosa gondaa kana baay'inaan nyaatan 'machaa'anii' akka ture namoonni himan jiru. Qondaalli nageenyaa miidiyaa Somaalii Keebil jedhamutti haasa'an namoonnis kaayyooma wal-fakkaataaf gondaa kana fayyadamaaa jiru jedhan.
''Dudduuba gondaa kanaa kutanii, xuwwee keessatti qadaadanii yeroo muraasaa erga danfisaniin booda, biratti walitti qabamanii hafuurasaa ulatu, achiin ni mirqaanu jedhan viidiyoo armaan gadii irratti
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
''Waan kuni dhugumaa jedhamuun yeroo gaafataman, ''eeyyee-achiin mataan lafaan mara,'' jedhan.
Inumaayyuu yeroo ammaa namoonni gosa gondaa kanaa ijaa barbaadaa jiraniif ''hanqinni'' uumameera jedhan.
Hakiimonni asiidii formiik jedhamutti bu'uun nama lafaan maruufi balaqqamsiisuu danda'a jedhaniiru.
Kanaaf, waan kana manatti hin yaaliinaa.












