Misirroon cidhasaarratti misirrittii dabalatee namoota afur ajjeesuun booda ofis ajjeese

Konkolaataa fi ibsaa alaa

Madda suuraa, Getty Images

Atileetiin qaama miidhamaa fi loltuun duraanii lammii Taayilaand cidhasaarratti of ajjeesuun dura misirrittii fi namoota biroo sadii ajjeeseera jechuun poolisiin BBCtti himeera.

Chaaturoong Suuksuuk dargaggoo ganna 29 fi Kanchaa Pacheentuyeekiifi dubartiin ganna 44 gaafa Sanbataa kaaba-baha Taayilanditti wal-fuudhan.

Akka gabaasoti jedhanitti misirrichi akkuma tasaa sagantaa cidhaa dhiisee bahee qawwee qabatee deebi'e. Achiin misirrittii, haadhashee nama ganna 62, obboleettishee nama ganna 38 ajjeese.

Rasaasa dhukaafameen keessummoonni lama biroo madaa'uun hospitaala yoo geeffaman isaan keessaa tokko lubbuun darbeera.

Akka poolisiin jedhutti Chaatuuroong battala sanatti, ''machii akkamalee keessa ture,'' tahus sababa maaliin gochaa kana akka raawwate hin beekamne. Meeshaa waraanaa manaa qabu bara darbe seeruma qabeessaan bitate jedhe.

Miidiyaaleen Taayilaand keessummoota cidharra turan waabeffachuun akka himanitti misirroon lameen cidharratti wal-falmaa turan.

Kana malees Chaaturoong garaagarummaa umrii gidduu isaanii jirutti itti dhagahama ture.

Haa tahu malee hamma yoonaa waan jedhame jette jettee waan taheef ragaa walitti qabatanii dhimma kana akka cufan hime poolisiin.

Akka miidiyaaleen Taayilaand jedhanitti Chaaturoongiifi Kanchaanaan wal fuudhuu isaaniin dura waggaa sadiif wajjin jiraataniiru

Chaaturoong wal-dorgommii qaama miidhamtootaa Eeshiyaatti bara darbe Indooneeziyaatti taasifameen meedaaliyaa meetii argateera.

Dorgommii idila addunyaa qaama miidhamtootaa World Abilitysport Games Taayilaanditti qophaa'u irratti akka dorgomu eegama ture.

Miilasaa mirgaa kan dhabe loltummaa lafoon humna waraanaa Taayilaand daangaa eegu deeggaruuf yeroo leenjia'aa turetti.

Taayilaanditti namoota jumlaan haala kanaan ajjeesuun waan baratame tahuu baatus qawwee qabachuun garuu seeraan waan eeyyamamu dha.

Baatii darbe gamoo qananii Baangkook keessa jiru keessatti namoonni sadii ajjeefamaniiru..

Onkololeessa darbes poolisiin duraanii daa'imman 37 rasaasaafi albeedhaan oolmaa daa'immanii keessatti ajjeeseera.