Namtichi haleellaa magaala Jarman raawwateefi IS waliin hidhata qaba jedhame harka kenne

Angawoonni Jarmanii namichi haleellaa jumlaa meeshaa qara qabuun raawwachuusaa amane miseensa garee Islaamik Isteet (IS) jedhamuun ta'u akka shakkamu adda baasan.

Abbaan alangaa sababa seera iccitii Jarmaniitiin maqaa maatii shakkamaa kanaa osoo hin eeriin, Issa Al H jechuun waameera. Dargaggeessi ganna 26 kunis haleellaa lubbuu namootaa galaafatee, kaan madeesse sana raawwachuu amanuu poolisiin beeksiseera.

Haleellaa guyyaa Jimaata Hagayya 23, 2024 magaalaa Solingen keessatti raawwatameen, qophii kabaja seenaashee kan waggaa 650 kabajaa turte irratti namoonni sadii ajjeefamuun, saddeet ammoo madaa’an.

Sambata darbe ammoo gareen IS haleellaa kana duuba akka jiru ibseera.

Chaansilarri biyyattii, Olaaf Scholz ''gocha suukaneessaa'' jechuun haalicha ibsan.

Nammoonni haleellaa sanaan ajjeefaman dhiirota lama kan umuriinsaanii 56 fi 67, akkasumas dubartii ganna 56 ta'uu qondaaltonni himaniiru. Kana malees namoota madaa’an keessaa afur ammallee haala cimaa keessa jiru.

Namoonni miidhaaan irra gahe hundi morma isaanii irra meeshaa qara qabuun kan waraanaman ta'uu poolisiin beeksiseera.

“Namni nuti guyyaa guutuu barbaadaa turre amma to’annaa jala ooleera,” jechuun Ministirri Biyya Keessaa kutaa Kaaba Raayiin-Westfaaliyaa, Herbart Re'uul, Sambata galgala TV mootummaa ARD’tti kan himan.

Weebsaayitiiwwan oduu Jarman Bild fi Spiegel akka gabaasaniitti, shakkamaan kunis uffata dhiigaan faalame uffatee harkasaa poolisitti kennate.

Shakkamaan kunis amma qorannooo yakka ajjeechaa, yaalii ajjeechaa fi ''shakkii cimaa garee shororkeessummaa biyya alaa waliin hidhata qabaachuun'' qoratamaa akka jiru waajjirri abbaa alangaa ibsa baaseen beeksiseera.

Shakkamaan kunis lammii Sooriyaa ta’uu poolisii fi abbootiin alangaa kan mirkaneessee yoo ta'u, miidiyaaleen Jarmanii akka gabaasanitti, namni kunis Muddee bara 2022 keessa Sooriyaa biyya waraanaan barbadooftee bahuun Jarman seene.

Marsariitii oduu Bild akka gabaasetti, taattee kana hordofuun qondaaltonni garee hojii addaa (SEK) wiirtuu baqattootaa shakkamaan kana waliin hidhata qabu weeraruun nama biraa achitti to'ataniiru.

Poolisiin daa'ima ganna 15 kan waa'ee haleellaa kanaa dursee beeka jedhamee shakkame tokkos to'annoo jala oolcheera.

Akka Bild gabaaseetti, giddugalli baqattootaa kun Fronhof - addabaabayii gabaa giddugaleessaa Solingen, bakka haleellaan kun itti raawwatame irraa gara 300m fagaatee argama.

Solingen, magaalaan Jarman kan indaastirii sibiilaatiin beekamtu, jiraattota gara 160,000 qabdi. Dusseldorf irraa gara bahaatti gara 25km (15 miles) fagaattee gargamti.

Angawoonni magaalattii haleellaa Jimaata darbe naannoo sa'aatii 22:00 (21:00 BST)tti raawwatameen booda namoonni naannoo Fronhof akka gadhiisan gaafataniiru.

Qophii guyyoota sadiif hundeeffama magaalatii yaadachuuf karoorfame ture sanarrattis namoonni gara 75,000 ta'an akka hirmaatan eegamaa kan turan ture yoo ta'u, qophiichi haqameera.

Kantiibaan magaalaa Solingen, Tiim Kurzbaach boodarra, "warri Solingen keessa jirru hundi keenya rifaatuu, sodaafii fi gadda guddaa keessa jirra" jedhan.

"Magaalaa keenyatti haleellaan kun mudachusaatti onnee na cabsa. Warra dhabne yeroon yaadu imimmaan natti dhangalaasa."

"Namoota ammallee lubbuu isaaniif qabsaa'a jiran hundaaf nan kadhadha. Akkasumas namoota taateen kun mudate hundaaf mararfannaa guddaan qaba," jedhan.

Namoonni daraaraa fi shugguxii dungoo bakka haleellaan biyyattii guutuu naasisee sun itti raawwatee geessuun kaa'aa jiru.