Kileboonni Shaampiyoonsi Liigii irratti hirmaatan kaffaltii hangamii argatu?

Dorgommii guddaan kubba miilaa Waancaa Adunyaatti aanee faarfamu kileboota gidduutti kan gaggeeffamu Shaampiyoonsi Liigiidha.

Kileboonni gurguddoonis dorgommii kanaaf darbuuf morkii jabaa taasisu. Dorgommicha keessatti hirmaachuun kaffaltii akkamii argamsiisaaf? Yoo kufan hangam dhabu?

Kileboonni dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti hirmaatan Yuuroo miliyoona 18.62 argatu. Yoo tapha tokko mo'atan ammoo boonasii gara Yuuroo miliyoona 2.1 tahu tapha tokko irratti argatu.

Yoo qixa bahan ammoo Yuuroo 700,000 argatu.

Akkaataa gabatee Shaampiiyoonsi Liigii bara kana baheen kileboonni 36 wal dorgomu.

Taphoota saddet saddet erga taphatanii kileboonni 1-8 bahan kallattumaan yoo darban kanneen 9-16 jiranii fi kanneen 17-24 gidduu jiran ramaddiin baheefii dabalataan tapha lama lama taphachuun kilebni mo'ate gara 16tti darba.

Taphni mo'atanii darbuuf taasisan kun gara yuuroo miliyoona tokkoo dabalataan argamsiisaaf.

Shaampiyoonsi Liigii keessatti gara kileboota 16tti makamuun bakkatti maallaqa guddaa argamsiisuu jalqabudha. Isa duraan argatan irratti dabalataan yuuroo miliyoona 11 argatu.

Yoo gara nuusa xumuraa ykn kileboota saddetiitti darban dabalata yuuroo miliyoona 12.5 argamsiisaaf. Kileboonni gara walakkaa xumuraatti darban ammoo Yuuroo miliyoona 15 argatu.

Kileboonni xumura waancaaf dhaqan ammas dabalataan yuuroo miliyoona 18.5 kan argatan yoo tahu, kilebni waancaa injifate ammoo yuuroo miliyoona 25 argamsiisaaf.

Bara kana kileboonni gurgoddoon dorgommii kana keessatti qoramaniiru.

Liiverpuul tapha hundaa mo'atee tokkoffaa irra jira. Riyaal maadiridii fi Maanchister Siitii garuu qabxii gahaa walitti hin qabanne.

Riyaal Maadirid qabxii isaa booda kana fooyyeffachuun tapha mo'atanii darbuuf dhaqqabuu isaa mirkaneeffateera.

Maanchister Siitiin garuu PSG'dhaan waan mo'ameef tapha haftee tokkottii har'a kileba Beeljiyeem Kilab Biruuj waliin qabu mo'achuu dirqama itti taha.

Maanchsiter Siitiis tahe kilebni biraa dorgommicha keessaa amma kufu gara Yuuroo miliyoona 64.5 dhaba jechuudha. Kun isa hirmaannaa isaaniif kaffalamuuf hin dabalatu.

Gaardiyoolaan maallaqa isaaf jecha qofa osoo hin taane dorgommii ispoortii kana eeguuf jecha jabaannee taphanna. Garuu an wallaallaa miti. Maallaqani asirraa argamu hangam akka kilebicha gargaaruu na jalaa hin dhokatu jedhe.

Peep Gaardiyoolaan walumaagalatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii sadii mo'ateera. Isaanis Baarseloonaa fi Maanchister Siitii waliinidha.

Garuu Maanchister Siitiin dorgommii kana keessaa kufaa kan jedhu gaaffiidha. Amma kileboota 36 keessaa 25ffaa irra jira.

Bara 2011/12 fi bara 2012/13 Maanchister Siitii garee isaa keessaa osoo hin darbiin hafeera.

Isa jalqabaa irratti kileboota akka Baayern Muunik, Naappoolii fi Vilaariyaal waliin ture kan ramadaman.

Haa tahu malee Maan Siitiin yeroo lama Peep Gaardiyoolaa jalatti xumura waancaaf dhaqqabeera. Bara 2023 yeroo jalqabaf kilebichi waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ate.

Baarselonaan bara kana darbuu isaa mirkaneeffateera. Garuu yeroo shan waancicha kan mo'ate Baarseloonaan dhiyeenyuma 2021/22 fi 2022/23 keessa garee isaa keessaa osoo hin darbiin hafe.

Opta'n ragaa baaseen Maanchister Siitiin %63.8 carraa Kilab Biruuj mo'achuu qaba.

Sana booda taphoota lama taphachuun yoo mo'ate gara kileboota 16tti makama.

Garuu carraan taphoota lamaan mo'atee darbuu isaa %41 hin caalu jedheera.

Arsenaal, Aston Viilaa fi Liiverpuul kileboota biroo dorgommicha keessa jiranidha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.