Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ajjeechaa hidhattoonni hojjetaa isaarratti raawwatan balaaleffate

Madda suuraa, ETHIOPIA RED CROSS
Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ajjeechaa hidhattoonni shufeera ambulaansii isaa kan damee Gondar Kaabaa irratti Onkoloolessa 10, 2022 raawwate balaalleffate.
Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa kun ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti maxxanseen du’a hojjetaa isaatti akka gadde ibsuun, humnoonni hidhatan gocha isaanii kanarraa akka of qusataniif gaafateera.
Shufeerri ambulaansii umuriin isaa wagga 40 ta’e Mengist Minyil, Danbiyaa Lixaatti tajaajila namoomaa dhiyeessaa akka ture beeksiseera.
Shufeerri kun hojii gargaarsa namoomaatiif Walqaayit Addii Remetsitti ramadamee hojjechaa kn ture yoo ta’u, naannoo Tigraay Aduwaatti bobba’anii namoota sababa walitti bu’insaan miidhaman ambulaansota gargaaraa turan lamaan keessaa tokko ofaa akka ture Waldichi eereera.
Abbaa ijoollee lamaa kan ture shufeerri kun hidhattootaan kan ajjeefame Adiwaa irraa gara Hospitaala Walqaayit Addii Remetsitti namoota madaa’an geessaa yeroo jiruttidha jedheera.
Waldichi namoonni mada’an ambulaansicha keessa turanillee ajjeefamuu kan ibse yoo ta’u, lakkoofsaan hangam akka ta’an garuu hin eerre.
Kaayyoo haleellaa shufeera isaarratti raawwatameefi hidhattoonni ajjeechaa kana raawwatan eenyu akka ta’an Waldichi hanga ammaa waan jedhe hin qabu.
Waldaan Fannoo Diimaa kutaaleen biyyattii gara garaa keessatti hojii gargaarsa namoomaa yeroo hojjetutti haleellaan narratti raawwatameera jechuun isaa kun kan jaqabaa miti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guraandhala darbe Naannoo Oromiyaa Godina Qeellama Wallaggaatti ambulaansonni isaa lama akka jalaa fudhataman itti-gaaftamann dhimmoota Dippilomaasiifi Hariiroo Waldichaa Dr. Salamoon BBCtti himuun isaanii ni yaadtama.
Akka itti gaafatamaan kun jedhanitti taanaan, Waldichi ambulaansonni gargarsa namoomaa dhiyessuuf itti fayyadamu lama humnaan kan jalaa fudhataman osoo hojiirra jiranii ture.
Ambulaansonni kunneen eenyuun akka fudhataman, maaliif akka fudhataman garuu Waldichi yeroo sanatti ifatti waan ibse hin turre.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti wagga lamaaf gaggeeffamaa jiruun walqabatee hojjetoonni gargaarsa namoomaa hojjettoota isaaniirraafi konkolaataawwan hojii gargaarsa namoomaa ittiin dhiyeesan irratti, akkasumas wayita gargaarsa dhiyeessanitti haleellaan akka irratti raawwatamu yeroo gara garaatti ibsaa turaniiru.
Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ajjeefamuu hojjetaa isaa hordofee ibsa gaddaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen hojjettoonniifi tola-ooltonni hojii gargaarsaa irratti bobba’an socho’anii hojjechuu akka danda’aniif humnoonni hidhatan gocha isaanii kanarraa akka of qusatan cimsee gaafateera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN)tti ambaasaaddarri US Liindaa Tomaas dhiyeenya kana ibsa kennaniin wataana wagga lamaf ture kana keessatti dhiyeenya kan ajjeeffame hojjetaa Internaashinaal Reskiwuu Komiitee (IRC) dabalatee walumaa galatti hojjetoonni gargaarsa namoomaa 26 ajjeefamuu isaaanii dubbataniiru.












