Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tuuta shamarran Itoophiyaa tekinoloojiin rakkoolee furuuf tattaafataa jiran
Mosaajiin buna sadarkeessu ‘Abol’ jedhamu tekinoloojii hubannoo nam-tolchee shamarraan Hiikoo Injinaringiin hojjetamedha.
“Hiikoo jechuun akkuma maqaan isaa ibsutti furmaata jechuudha. Namni rakkina adda addaa isa mudaturraa kan ka’e furmaata barbaada.
''Nutis dhaabbata keenya maal jennee yaa moggaasnu jennee yemmuu mari’annu ‘kan namni furmata ittiin argatu Hiikoo Injinaring yaa jennuun’ jennee moggaasne” jechuun himti shamarree Hawwii Kabbada.
Godina Arsii Magaala Saagureetti dhalattee kan guddatte shamarree Hawwii mummee barnootaa Injinaringii Elektirikaalii fi Kompiitaraan Yunivarsiitii Jimmaarraa digirii jalqabaatiin ALA bara 2021 eebbifamte.
Yeroo ammaatti shamarran kan biroo afur waliin garee Hiikoo Injinaring jedhamu hundeessuun hojiilee tekinoloojii garagaraa hojjechaa jirti.
Shamarran garee Hiikoo Injinaring shananuu Yunivarsiitii Jimmaatti barattoota daree tokkoo turan. Haa ta’u malee walitti akka dhufanfi garee Hiikoo Injinaring jedhamu akka hundeessaniif bu’uura kan ta’eef piroojektii eebba digirii jalqabaa isaaniiti.
“Digirii jalqabaa yemmu barannu pirojektii xummuraa yemmuu hojjennu hundi keenya garee tokko taane. Achii adeemsa keessa walitti siiqaa deemne” jetti shamarree Hawwii.
Haa ta’u malee shamarran shanan kunneen walitti kan fide fedhii isaanii qofa osoo hintaanee barmaatii dhaabbilee barnoota olaanoo keessa jiru akka ta’es himti.
'Dhiiroonni wal filanii hojjetu'
Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo pirojektii xummura barnootaa isaanii yemmuu hojjetan akkaataa walitti dhiyeenya isaaniin wal filanii waliin hojjechuun baramaa ta’uu kan himtu shamarree Hawwiin, ‘yeroo baay’ee barattootni dubartootni kophaa hafuu’ jetti.
“Yeroo baay’ee dhiiroliin walfilanii hojjetu; dubartootni ammoo kophaatti hafu. Dubartoonni ni hojjetu jedhamee waan hin yaadamneef (dhiirri) miseensa gareesaa taatee akka hojjettu hin barbaadu,” jetti.
“Shanan keenyas akkasitti kophaatti hafne. Achi booda akkam wayya jenne waliin haasofne. ‘hojjechuu hamma dandeenyutti garee biraa keessa seenuyyuu hinqabnu’ jennee waliin gurmoofne,” jechuun haala ture ibsiti.
Haata’u name namootni baay’een shamarran shanan garee tokko keessatti ijaaraman kunneen poroojektii eebbaa isaanii haalaan hojjechuu dhiisuu malu jechuun yaadawwan garagaraa kennaa turan.
Yaaddoo namoota baay’ee kan hammeesse immoo shanan isaanituu dubartoota ta’uu isaaniiti.
“Pirojekticha yeroo jalqabnu namootni miira ‘hin hojjettan, wayitu isin mudata’ jedhuun ‘ayizon’ nun jechaa turan,” jetti shamarree Hawwii Kabbada.
“Warri akkas jedhan dhumasaa arguun isaaniii hin oolu, nuti ni dandeenya hanga ta’etti wanti kun nu miidhuu hinqabu jennee hojjechaa turre,” jechuunis haala ture himti.
Kalaqa mosaajii buna sadarkeessu- Abol
Shamarran shanan pirojektii xummura barnootaaf garee tokko jalatti walitti dhufan kunneen rakkoo buna sadarkeessuun walqabatee jiru furuuf wixinee pirojektii qopheeffatanii hojiitti seenan.
“Buna dheedhii hin akkaawamneef sadarkaan ni kennama. Yeroo gara biyya alaatti ergamus sadarkaa isaarratti hundaa’uun gatiinsaa dabalaa adeema,” kan jettu shamarree Hawwii Kabbada, hojiin buna sadarkeessuu kun garuu humna namaatiin kan hojjetamu ta’uusaatiin rakkoolee garagaraaf kan saaxilame ta’uu dubbatti.
“Buna tokkoof sadarkaa kennuuf wantoota adda addaa buna hintaane takka takkaan keessaa lakkaa’u. Kana malees bocni bunaallee ni ilaalama. Bunni wanta gurraacha ofirraa qabus ni lakkaayama. Kana hunda harka isaaniitiin keessaa lakkaayanii baay’ina kosii achi keessaa baherratti hundaa’uun sadarkaa kennuuf,” jetti.
Kunis namoota hojicha hojjetanirratti dadhabbii kan uumufi bunni tokko namoota garagaraan sadarkaa garagaraa akka argatu gochuu akka danda’u himti.
Kana malees hojiin sadarkeessuu humna namaatiin hojjetamu yeroo kan fudhatu akka ta’e kan himtu shamaree Hawwii, mosaajiin isaan hojjetanfii maqaa Abol jedhu kennaniif rakkoolee kunneen kan furu ta’uu dubbatti.
“Nuti mosaajii mala hubannoo nam-tolcheen leenji’e hojjennee dhiyeessine. Mosaajiin kun ofii isaatiif suuraa kaasee ‘sadarkaan buna kanaa tokkoffaadha yookiin lammaffaadha’ jedhee adda baasa” jetti.
Pirojektiin barattoota shamarran shananiin hojjetame kun barsiisotafi qaamolee bunarratti hojjetan irraa dinqisiifannaa argachuusaa himti.
“Pirojektii keenya yemmuu hojjennu ECX Jimmaa jiru deemnee waliin hojjechaa turre. Dhumarratti yemmuu bu’aasaa itti agarsiifnu ‘wanti kun baay’ee gaariidha’ nun jedhan” jetti Hawwiin.
‘‘Buna Jimmaa qofa osoo hintaanee bunoota garaagaraaf osoo nuf hojjetan bayeesa’ nun jedhan,” jechuunis himti.
Mosaajiin shamarran kunneenin hojjetames suuraa buna Jimmaa laatameef xiinxaluun sadarkaa tokkoo hanga shaniitti akka kennuuf himteerti.
Walitti dhufeenya eebba boodas itti fufe
Shamarran sababa pirojektii eebba barnoota digirii jalqabaan walitti dhufan kunneen barnoota isaanii erga xummuranii boodas waliin hojjechaa jiru.
Dhaabbata Hiikoo Injinaring jedhamu hundeessuun tekinoloojii hubannoo nam-tolchee akkasumas mosaajiiwwan bilbilaa fi marsariitiiwwan hojjechuurratti bobba’aanii akka jiran shamarree Hawwii himti.
Mosaajii buna sadarkeessuun dabalataan tekinoloojii dhimma fayyaan walqabatu hojjechuuf sadarkaa qophiirra akka jiranis shamarree Hawwii himteerti.
Yeroo ammaatti shamarran shanan hojii Hiikoo Injinaring keessatti hojjetan keessaa muraasni dhaabbilee biroo keessas qacaramanii kan hojjetan yemmuu ta’u kunneen barnoota isaanii itti fufuun barachaa jiranis ni jiru.
'Rakkinni hanga ta’e nu bira jira'
Sadarkaa addunyaatti hirnaannaan dubartoonni damee tekinoloojiirratti qaban kan dhiirotaan yemmuu madaalamu xiqqaa ta’uutu himama.
Itoophiyaa keessattis dubartoota damee tekinoloojii irratti bobba’anii maqaa guddaa horatan arguun baay’ee baramaa miti.
Ilaalchi dubartootni damee kanarratti hojjetanii hin milkaa’an jedhus bal’inaan mul’ata.
“Rakkinni hangi ta’e nubira jira jedheen yaada,” kan jettu shamarree Hawwii Kabbada, “hojjennee agarsiisuu malee namni tokko hojjechuu hin dandeessu ykn sif hin milkaa’u waan jedheef ati duuubatti deebi’uu hinqabdu,” jetti.
Ilaalcha dubartootni damee tekinoloojiin hin milkaa’an jedhu cabsuufis qabatamaan hojjetanii mul’isuun barbaachisaa ta’uu dubbatti.
“Barnoota daree dubartootnis dhiirris qixuma teenyee baranne waan ta’eef sababni nuti hojjechuu hin dandeenyeef hinjiru. Kanaafis kennaafi dandeettii qabnu baafnee yaa hojjennu,” jechuunis dhaamti.
Karoorri gara fulduraa garee Hiikoo Injinariingis rakkoolee gama dubartootaa, fayyaafi qonnaatin mul’atan tekinoloojiin furuu akka ta’e sharree Hawwii Kabbada himteerti.