Mormiin dhagahamee hin beekne pirezidaantii Chaayinaa Shii irratti ifatti dhagahame

Paartiin Kominiistii Chaayinaa yaa’isaa waliigalaa wayita gaggeeffachuuf jedhutti haala hin baramneen hiriirri mormii pirezidantii biyyattii Shiin Jiinpiingi fi dhorkaa Covid-19 irratti gaggeeffame.

Suuraan bal’inaan qoodamee tokkos namoonni lama riqicha magaalaa Beejiingiitti argamu irra dhaabbachuun ergaa mormii qaban mul’iseera.

Qondaaltoonnis sochiin mormii sun atattamaan akka dhaabbatu taasifame.

Yeroo yaa’iin Paartii Kominiistii seenaa qabeessa ta’e gaggeeffamuu guyyoonni hafutti magaalaa guddoo biyyattii Beejiingiitti mormiinni ummataa cimeera jedhama.

Tarkaanfii nageenyaa cimaafi dhorkaawwan Covid walgahiichaan dura ka’aman irratti hedduun karaa intarneetiin dheekkamsa isaanii akka ibsatan taasisaa jira.

Aanga’oonni magaalaa gara magaalaa seenuu fi bahuurratti daangaa kan kaa’an yoo ta’u, kanaafuu jiraattoonni bahuufi galuutti rakkachaa jiru. Kaan ammoo tatamsa’ina Covid dhorkuuf manaa akka hin baane ajajaman.

Suuraalee bal'inaan qoodaman keessaa ergaawwan mormiitoonni bal’inaan dabarsan ‘‘qorannoo Covid hin barbaadnu. Nyaata barbaadna. Dhorkaa osoo hin taanee bilisummaa barbaadna. Kabaja malee soba hin barbaadnu. Hoggantoota osoo hin taane sagalee kennu barbaadna’’ kan jedhan keessatti argamu.

Yaa’iin Paartii Kominiistii ilaalchisee qophiileen adda addaa uumataaf dhiyaataa jiru.

Ergaan mormii kan biraa ammoo, kan pirezidantii biyyattii Shii Jiinpiingi irratti xiyyeeffate yoo ta’u, kan ummataaf ergaa dabarses ture.

‘‘Manneen barnootaa fi waajjiraaleetti mormii taasisaanii abbaa irree kan tahan Shii Jiinpiingiin aangoorraa buusaa’’ jedha.

Gareen gaazexeesitoota BBC gara sagaleen mormii dhagahameetti imalan illeen, bakkichatti ergaa mormii kamuu dhagahuu hin dandeenye. Garuu miseensoonni poolisii bakkichatti socha’aa akka turan hubataniiru.

Walgahiii Paartii biyya bulchaa jiru kan Chaayinaa kan Dilbata eegalamu irratti hirmaachuuf qondaaltoonni mootummaafi paartichaa olaanoo gara 2,300tti siqan gara magaalaa guddoo biyyattii Beejiingi akka seenan eegama.

Yaa’iin paartii kunis pirezidanti Shiin marsaa sadaffaadhaaf aangoorra akka turuuf sagalee kenna jedhamee eegama.

Yeroo ammaa wayita yaa’iichi eegalamuuf guyyoonni muraasni hafan kanatti egzibishiniin milkaa’inawwan Chaayinaan bulchiinsa Shiin jalatti argamsiifte mul’isiisu naannawa Beejingiitti ummataaf banaa kan taasifame yoo ta’u, gabaasiiwwan fiilmii imala Chaayinaa waggoota 10 darban agarsiisanis TV irratti dhiyaachaa jira.

Kana qofaas miti, yaa’icha sababeeffachuun afaawwan diimaan mul’achuu eegalaniiru. Appiiwwan bilbilaa fayyadamtoota baayyee qabanis haalluunsaanii gara diimaatti geedaraniiru.