Paartiin Komunistii akkamiin Chaayinaa gaggeessa?

Erga Onkoloolessa 1,1949 as Chaayinaan paartii tokkichaan bulaa turte. Innis Paartii Komunistii Chaayinaa.

Caaseffama heera biyyattii keessa galuun bulchiinsa biyyattii keessatti siyaasa, poolisii fi waraanas ni to’ata.

Miseensota gara miliyoona 90 tahaniin akka piraamidiitti caaseffame.

Waajjiraaleen gurguddoon gidduu jiraatanii fiixee paartichaa irra hogganaa isaa kan amma Shii Zhinpingi jira jechuudha.

Paarlaamaan Koongireensii Biyyaalessaa Uummataa jedhamu jiraatus murteewwan paartiin dabarse fudhachuurra kan darbe aangoo jabaa hin qabu.

 Hooggansa Piraamidii irra keessoon to’atamu

Uummata Chaayinaa keessaa %7 kan tahan miseensa paartichaati. Biyyichatti siyaasa biizinesii fi bashannan keessatti milkaa’uuf garuu miseensota amanamoo qabaachuun dirqama.

Kun namoota sooreyyii biyyichaa akka abbaa qabeenyaa Aliibaabaa Jaak Maa fi abbaa qabeenyaa Huawei, Ren Zhengefii fi taatoo beekamoo akka Faan Biingibiingi qabaachuu feesisa.

Namoota yaada addaa qabanii fi dubbatan paartichi bira hin darbu. Mormitootni dhugaan biyyicha keessa socho’uun hin eeyyamamu. Mootummaa qeequun hidhaaf nama saaxila.

Sadarkaa gadii irraa jalqabuun hawwaasni hoggana isa afilachaa adeemuun hanga hogganaa waliigalaatti adeema.Kongiransiin Biyyaalessaa koree gidduugaleessaa paartichaa filata.Filannoon kun yeroo baay’ee dursanii gaggeeffamuun erga murteeffamanii achii as bahu. Aangoo dhugaan harka warra imaammaticha gaggeessanii jira.

Amma mataa paartichaa irra kan jiru akka caasaa paartichaatti Shii Zhiinpiingidha. Bara 2018 paartichi yeroo bulchiinsa pirezidaantii yeroo lama jedhu balleessuun gaggeessaan paartichaa yeroo hin daangofneef akka aangoo irra turuu daanda’u eeyyame.

Warra aangoo olaanaa qaban

 Caasaa hoggansa piraamidii paartii komunistii keessatti warri aangoo ol aanaa qabanii fi imaammata baasan qaamolee sadii of keessaa qabu.

  • Mana Maree
  • Komishinii Waraana Gidduugaleessaa
  • Kongiransii Biyyaalessaa Uummataa/ Paarlaamaa

Manni Maree mootummaa ministirri Muummee biyyattii dursanidha. Amma Li Kepiangi-Kan aangoon isaa Pirezidaantii gadi tahedha.

Aangoon isaa biyyattii guutuutti imaammatni hojiirra ooluu isaa hordofuufi baajata mootummaa hogganuudha.

Hariiroon paartii fi humna waraanaa gidduu jiru bara Waraana Adunyaa Lammaaffaa jalqabe. Itti fufuun ammo bara waraan waliinii biyattii keessati.

Hariiroon kun ammoo gara dhaabbataatti cehuun Komishinii gidduugaleessaa Waraanaan hogganama.

Nuukileera biyyattii fi human waraanaa miliyoona lama tahan hoggana. Kun waraana adunyaa irraa isa guddaadha.

To’annoo hoggansaa irra keessan dabale

Paartichi hundeessaa isaa Ma’oo jalatti mootummaa abbaa irree sooshalist tahe adeemsisaa ture.

Yeroo Ma’oon aangoo qabatan Chaayinaan biyya hiyyeettii turte. Garuu baadiyaa qonna irratti hundaa’ee ure ammayyeesuufi gara indaastiriitti galchuuf yeroo yaalan biyyattiin hongeef saaxilamuun namootni miliyoonota kudhaniin dhuman.

Maa’oon yeroo morkattoota isaa balleesuuf yaalu warrqqsi biyyattiitti ka’uun mani hunduu walii wlaii isaa fixuutti deebe.

Kun du’aatii Maa’oo bara 1976'n xumura argate. Waggaa isaatti Chayinaan suuta suuta adunyaaf banaa tahuu jalqabde.

Yeroo Warraaqsa Aadaa biyyattii haleluuf kan irratti yaaliin gaggeeffamaa turee fi hogganaa paartichaa kan ture Dengi Zhiyapingi haaromsa dingadee guddaa fiduun Chaayinaa guddise.

Garuu haaromsi siyaasaa abdatame hin milkoofne. Daldalaa fi dhiibbaan warra Lixaa akkuma dabalaa deemeen paartichi fedhiin aangoorra turuuf qabus dabale. Kun hanga ajjeechaa jumlaa bara 1989 adababayii Tiinanmenitti gahe.

Amma biyyattii kan gaggeessaa jiran Shi Zhinpingi erga Ma’oon as gaggeessaa abbaa irree yeroo kamiiyyuu caalu tahaa dhufan. Zhinpiingi bara 2012 aangoo qabatan.

Miidiyaalee oonaalyinii to’annoo mootummaa jala galchuu, aktivistoota hidhuu, miseensota paartii ol aanoo hidhuu, mormioota isaanii balleesuu irratti hojjetu jedhamuun komatamu. Garuu hogganichi dubbii kana ni haalu.