UK maaliif ammatti xiyyaarota boombii niwukilaraa fe'an bituu barbaadde?

Xiyyaara waraanaa samii keessatti mul#atu

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo olaantummaan dhimma hidhannoo Nikuleraa hammaataa jirutti UK'n xiyyaarota boombii Nikulera fe'uu danda'an Ameerikaa irraa bituun.

Mootummaan UK yoo xiqqaate xiyyaarota waraanaa haaraa boombii niwukilaraa fe'uu danda'an 12 bitachuuf akka jiru muummichi ministeeraa beeksisaniiru.

Akka ministirri muummee UK Kiir Istarmer walgahii NATO Netharland Heegitti gaggeeffame irratti akka jedhanitti jeettiiwwan haaraan Ameerikaan hojjetaman kan F-35A ergama dhimma niwukilaraa NATO'f oolaan ni bitti.

''Yoo xiqqaate xiyyaarota 12 ni bitanna, yoo barbaachisaa ta'e xiyyaaronni kunneen meeshaa niwukilaraa akka baatan ni taasifna,'' jedhan MM UK. Sababni bittaa xiyyaarota kanaas ''balaa niwukilaraa guddachaa jiruuf deebii kennuu'' akka ta'e himan.

Tarkaanfiin kun''dhaloota tokko keessatti ejjennoo niwukilaraa UK'n qabdu kan guddisu isa olaanadha'' jedhame.

Xiyyaarotni haaraan F-35A meeshaa waraanaa kaanillee qabachuu kan danda'an ta'us, boombii niwukilaraa Ameerikaan hojjetame sochoosuuf heddu kan filatamuudha.

Ergamni niwukilaraa qilleensarraan NATO xiyyaarota boombii michuuwwan Ameerikaa B61 baachuu danda'an of keessatti qabata.

Biyyoonni torba kanneen akka US, Jarmanii fi Xaaliyaanii duraanuu jeettiiwwan kana hojjechaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Meeshaa niwukilaraa fayyadamuun garuu garee karoora niwukilaraa NATO akkasumas pirezidaantii Ameerikaa fi MM UK irraa hayyama argachuu qaba.

US kanaan duras kuufama boombii B61 Awurooppaa keessa kaa'attee jirti.

Dhaabbata Tajaajila Rooyaal Yunaayitid (RUSI) irraa Jastiin Biroonk akka jedhanitti, Ameerikaan ammallee yoo waraanni ka'e haal gadhiifamuu fi itti fayyadama isaanii ni to'atti. Sun UK'n US irratti kan hundooftu ta'uu isheetiin falmisiisaa ta'uu mala.

Torban darbe Paarlamaa UK keessatti gaaffiin dhimma kanaa irratti, miseensi paarlaamaa paartii Konsarvaatiivii Liinkan Joop jedhamu meeshaalee waraanaa xiyyaaricha ilaalchisee haala biyyotni lamaan to'achuu danda'aniin maalif hin tolfamne kan jedhu ka'ee ture.

Kana jechuun UK'n hayyema Ameerikaa utuu hin eegiin yeroo ishee barbaachisutti akka fayyadamuu dandeessuu kan gaafatuudha.

Ministirri Nageenya Daangaa Dame Angela murtoon amma kenname ergama niwukilaraa NATO'tti makamuu yoo ta'u kunis waliigaltee michoota 31 hunda kan barbaadu ta'uu ibsaniiru.

"UK'n yeroo hunda waligaltichaa fi caasaa bulchiinsa sana irratti hundaa'uun mirga hirmaachuu fi dhiisuu filachuu ni dandeessiis jedhan.

Ministirri muummee Kiir Istarmer yaada kennaniin, "haala hamaataa kana keessatti kana booda nagaa akka salphaatti ilaaluu hin dandeenyu, kanaafidha mootummaan nageenya biyya keenyaa irratti xiyyeeffannoo gochaa jirru"jedhan.

Ministirri Ittisaa Joon Heelii BBC'tti akka himanitti invastimantiin kun ''dandeettii niwukilaraa kana qabaachuu irraa kan ka'e ofirraa ittisuu waloo NATO ni guddisa'' jedhan.

Walga'ii NATO kan keessatti, sagantichi hojiiwwan 20,000 fi dhaabbilee 100 ol dhiyeessii UK keessatti argaman akka deeggaru hubachiisaniiru.

Barreessaan olaanaa NATO Maark Ruut tarkanaafniin kun ''Ijjaannoo cimaa UK'n Naatoof qabdu kan biraa'' jechuun eeran.

Jeettiiwwan saffisoo haaraan kun bakka 'RAF Marham Norfolk' jedhamutti kan buufatan ta'a.

Filannoon jeettiiwwan F-35A bitachuu RAF kan xiyyaara waraanaa fageenya dheeraa boombii fi misaa'ela bal'aa furguggisuu danda'u barbaadaa tureef akka injifannootti ilaalama.

Moodeelli F-35B kan yeroo ammaa akka xiyyaarota waranatti tajaajilaa jiru fageenya daangeffame kan qabuu fi meeshaa waraanaa xiqqaa qabachuu danda'a.

Dandeettii balali'uu gabaabaa fi dhaabbataadhaan bu'uu isaatiin, F-35B dooniiwwan fe'umsaa lamaan humna galaanaa irraa hojjechuu danda'a.

F-35An daandii balalii sadarkaa isaa eeggate irraa akka balali'uuf kan qophaa'anidha.

UK'n yeroo ammaa sirna geejjibaa meeshaalee niwukilaraa tarsiimawaa gurguddoo tokko qofa qabdi. Innis dooniiwwan bishaan jalaa sadarkaa Vaanguard irraa misaa'ela balistikii furguggisuu danda'udha.

Mootummoonni walduraa duubaan dhufan itti fayyadamni isaanii US irratti akka hin hirkanne cimsanii dubbatu. Kanarraa ka'uunis UK'n of dandeessee sirna ittisaa ishee akka cimsituu irratti hojjatamaa tureera.

Xiyyaaronni RAF hanga bara 1998tti meeshaa niwukilaraa tooftaa xixiqqoo qabachuu danda'aniiru, yeroo sanatti boombiin UKn dizaayiniin isaa hojjetame WE177 tajaajila dhaabe.

Bironk RAF "deebi'ee dirree niwukilaraa seenuuf" yeroo akka fudhatu eeraniiru.

Faayidaan UKn F-35A argachuu ishee mul'atu fageenya dheeraa isaanii fi dandeettii meeshaalee waraanaa barame adda addaa baachuu isaanii akka ta'u hubachiisaniiru.

Murteen kun kan dhufe qorannoo ittisa tarsiimoo, kan Ministirri Ittisaa Heeley ''balaa niwukilaraa haaraan dabalaa jiraachuu mirkaneesse, kan mootummoonni biroo meeshaa waraanaa niwukilaraa isaanii dabaluu, ammayyeessuu fi gabbisaa adda addaa taasisuu isaanii cimsaa jiran irraa ka'uuni'' jedhan.

Akkasumas torban darbe mootummaan tarsiimoo nageenya biyyaalessaa UK "biyyi isaanii balaa kallattii kamiin irra ga'uu danda'uuf dammaqinaan qophaa'uu qabdi jedhaniin boodadha.Kunis biyyattiin haala yeroo waraanaa keessatti ta'uu danda'u irratti dursitee qophaa'uuf ta'uu eeran.

MM Keyir bara 2035tti GDP UK keessaa %5 nageenya biyyaalessaaf baasuuf galma haaraa Naton kaa'e galmaan ga'uuf waadaa galaniiru.