Israa'el Filisxeemota hidhaarraa gadhiisuu yeroo hin beekamneef tursiifte

Israa'el hidhamtoota Filisxeem 600 ol yeroo hin murtoofneef gadhiisurraa boodatti harkisaa jirti, kunis adeemsa dhukaasa dhaabuu keessatti gufuu guddaa biraa ta'uu danda'a.

Namoota Onkoloolessa 7 bara 2023 Hamaas Israa'el wayita haleele bute dabalatee namoonni ja'a Sambata darbe kana gadhiifaman.

Bara 2014 kan butame dhalataan Itoophiyaa Averaa Mangistuu namoota gadhiifaman keessa jira.

Ministirri Mummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuun Hamaas namoota bute Israa'eliif kennuun hanga mirkanaa'utti fi sirni ayyaaneffannaa Hamaas torban torbanii gaggeessu hanga hafutti hidhamtoota Filisxeem gadhiisuun harkifachuuf jirra jedhan.

Dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa keessatti namoota butamanii achitti du'an afur dabalatee namoota butaman dabarsanii kennuu marsaa tokko qofatu hafe.

Namoota butaman keessaa kanneen lubbuun jiran biroo gadhiisuun dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaa keessatti raawwatamuu qabuuf hanga ammaatti haalli mijate hin jiru.

Warreen dhukaasi akka dhaabatu waliigaltee mijeessan, waliigaltichi karaa sirriitti akka deebi'uufi akka hin diigamne hambisuuf dhama'aa jiru.

Netaaniyaahuun Hamaas ''namoota butaman kana ololaaf itti fayyadama'' jechuun irra deddeebiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuu himatan.

Netaaniyaahuun ibsa kana kan kennan erga Hamaas namoota feestivaala muuziqaa Noovaa jedhamurratti bute afur Sambata darbe kana gadhiisee booda.

Namoonni butaman biroo lamaa -Averaa Mengistuu fi Hisham al-Sayed waggootaaf Gaazaatti kessatti danqaman gadhiifamaniiru.

Averaa Mangistuu bara 2014 kan qabame yoo ta'u, Obbo al-Sayed bara 2015 irraa eegalee Gaazaatti uggurame.

Lammileen Israa'elirraa butaman ja'a kanneen lubbuun jiran waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa Sambata dhufu xumuramuuf jiruun gadhiifamu.

Gama biraatiin mana hidhaa Ofer West Baankitti argamu fuulsuratti maatii fi hiriyyoonni hidhamtoota Filisxeem ni gadhiifamu jedhanii eegaa turan.

Haati ganna 80 Gaazaa, Kaan Yuunis jiraatan tokko, ilmi isaanii hidhaa waggaa 33 booda akka gadhiifamu ''amanuu hin danda'u'' jechuun dhaabbata oduu AFPtti himan.

Hamaas Israa'el hidhamtoota gadhiisurraa harkifachuun waliigaltee dhukaasa dhaabu kana cabsite jechuun himate.

Ibsa Neetanaahuu ilaalchise Hamaas ammatti waan jedhee hin qabu.

Akka aanga'oonni Filisxeem jedhanitti, hidhamtoota Israa'el gadhiiftu keessaa 50 adabbii umurii guutuu kan itti murtaa'e, hidhamtoonni 60 ammoo murtiin ganna dheeraa kan murame ture .

Namoota ni gadhiifamu jedhamanii eegaman keessaa 445 ammoo Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee Israa'eliin hidhaman.

Namoonni Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'elirraa butaman 62 ammallee Hamaas harka kan jiran yoo ta'u, harka walakkaatti kan dhiyaatan lubbuun akka jiran amanama.