Faransaay ulfa baasuu mirga heeraa gochuun addunyaarra biyya jalqabaa taate

Madda suuraa, TOM NICHOLSON/REX/SHUTTERSTOCK
Faransaay mirga dubartootaa ulfa baasuu heera biyyaa keessa galchuun addunyaarraa biyya jalqabaa taate.
Miseensonni paarlaamaa biyyattii heera mootummaa 1958'tti ragga'e irra deebi'amee akka ilaalamuufi "bilisummaa dubartootaa ulfa baasuu akka mirkanaa'uuf" jedhu akka itti dabalamu sagalee kennan.
Dhimmi kun sagalee akka malee caalmaa qabu 780-72 tahuun ogguu ragga'u, wayita bu'aan ibsamu namuu lafaa ka'uun gammachuu ibsate.
Pireezidantiin biyyattii Imaanu'el Maakroon, murteen kun "kan Faransaay boonsedha" jechuun, "ergaa idiladdunyaa dabarsa" jedhan.
Haatahu malee gareewwan ulfa baasuu morman jijjiirama haaraa kana balaaleeffataniiru - isaan keessaa Vaatikaan isa tokko.
Erga bu'aan filannoo kanaa ibsamee booda, gamoon guddichi Eiffel Tower magaalaa paariis keessaa ergaa gammachuun akkaan ifee mul'ate. Ergaa "My Body My Choice" ykn "Qaamakoo, Filannookoo" jedhu irratti mul'ateera.
Murtee 'Roe v Wade'
Faransaayitti ulfa baasuun 1975 irraa qabee seera-qabeessa ture.
Haatahu malee Pireezidant Maakroon heera mootummaa biyyattii keessatti galchuuf waadaa galan. Kunis kan tahe murtee Manni Murtii Waliigalaa US 2022 keessa dabarse hordofee ture.
Murteen 'Roe v Wade' jedhamuun beekamu waggaa 50 dura kan dabree ture ogguu tahu, mirga ulfa baasuu dubartootaaf kan kennu ture - kana ture Manni Murtichaa kan seeraan ala tolche.
Kana hordofee bulchiinsonni Ameerikaa kopha kophaatti akka murtee ofii dabarsan karra saaaqe.
Kana hordofee rogeeyyiin Faransaay gama kanaan biyya jalqabaa akka taatu dhiibba gochuu eegalan.
"Mirgi (ulfa baasuu) kun US'tti duubatti deebi'eera. Balaan kun Faransaay akka hin dhufne mirkaneessuu hin dandeenyu," jette Looraa Islimaanii, dhaabbata mirgaa 'Fondation des Femmes' irraa.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa seera ulfa baasuu Faransaay
Faransaayitti mirgi ulfa baasuu, 1975 irraa kaasee seera keessa taa'eera. Akka isa US ajaja Mana Murtii Waliigalaa otoo hin taane, seeraan kan mirkanaa'edha.
Ergasii seerri kun Faransaay keessa yeroo sagaliif haroomsameera. Marroo tokko tokkoon tajaajila babal'isuu kan kaayyeeffate ture.
Qaamni seeronni heera mootummaa wajjin walsimuu isaanii murteessu - Manni maree heeraa Faransaay, dhimma kanarratti gaaffii hin kaasne.
Kanaafuu, abbaa seerotaa hedduutti, ulfa baasuun durumayyuu mirga heeraati jechuudha.

Madda suuraa, Reuters
Bara 1971'tti duulli ulfa baasuu seera-qabeessa gochuu akkaan ho'ee itti fufe. Dubartoota biyyattii 343 tahaniin mallattoon sassaabame.
Sanadni kunis "Manifesto of the 343" jedhamee kan beekamu ogguu tahu, dubartoonni kunniinis seeraan ala ulfa addaan kutuu isaanii amanan. Bara sana keessa biyyattiitti dubartoonni 700,000 haga 800,000 tahan ulfa addaan kutu jedhamee tilmaamama ture.
"Amalli Mana Murtii Waliigalaa US dubartoota addunyaa mararra jiran guddoo fayyade - nu dammaqse," jette Klaawudiin Montiyal. Itti gaafatamtuun dhaabbata Femmes Monde (Dubartoota Addunyaa) kun, dubartoota mallatteessan keessaa ishee umriin xiqqaa turte.
Seera ulfa baasuu addunyaarra
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen rifoormii Faransaay kana deeggaran, sochiin jijjiirama hawaasummaa Awurooppaa keessatti mul'achaa jiru, kanneen mirga ulfa baasuu dhorkan aangootti fida jedhanii sodaa qabu.
Akka fakkeenyaattis biyyoota akka Maaltaa, Hangaarii fi Polaand kaasu. Biyyoota kanatti dhorkaan kaa'ameera yookis falmiin cimaan irratti gaggeeffamaa jira.
"Mirgoota dubartootaa keessatti mallattoon humna qaba," jetti ogeettiin seeraa feministii taate Rachel-Flore Pardo waa'ee jijjiirama heeraa kana kaasuun.
"Boru kuni wal'aansoo keenya ta'a. Hanga ulfa baasuun balaa jala seenu eeguun, balaa guddaadha."
Dhaabbata Center for Reproductive Rights irraa kan taate Leah Hoctor gamasheen, mirgi heeraa Faransaay kun Awurooppaa qofaaf otoo hin taane, addunyaaf fakkeenya jalqabaa tahuu danda'udha jetti.
Biyyi Ameerikaa Kibbaa Chiiliin, ulfa baasuu filataman heera keessa galchuuf 2022 kan karoorfatte tahuus, uummanni rifarandamiin kuffiseera.
Biyyoonni garii ammoo mirga kana ni eeru. Fakkeenyaaf, heerri mootummaa Kuubaa dubartootaaf "mirgoota walhormaataa fi hariiroo saalaa" kenna.
Biyyoonni naannawa Baalkaan keessa argaman, waan heera mootummaa Yugoozlaaviyaa duraanii 1974 keessa ture fudhataniiru - "dhalachuu daa'immanii irratti murteessuun" mirga namoomaati jedha.
Kaan ammoo heerasaanii keessatti ifatti waa'ee ulfa baasuu kan himan ogguu tahu, garuu haalota murtaa'oo keessatti qofa heeyyamama jedha.
'Mo'amuu dubartotaa'
Ummata Faransaay keessaa harki caalu mirgi ulfa baasuu heeraan utubamuusaa ni deeggaru.
Dhaabni yaada walitti qabu IFOP bara 2022 keessa qo'annoo gaggeesseen, uummanni biyyattii %86 ta'an heera biyyattii keessa seenuu ni deeggaru.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni siyaasaa gama bitaa fi gidduurra jiran, jijjiirama haaraa kana deeggaraniiru.
Kanneen siyaasa gama mirgaa (right-wing) gaggeessan garuu, jijjiirama kana akka deeggaran dhuunfaan dhiibbaan irra gahuu komachuu AFP'n gabaaseera.
Isaan keessaa senaatarri tokko, yoo isheen seera haaraa kana ni mormiti ta'e, daa'imman ishee "gaafa ayyaana Qilleef dhufanii akka ishee hin daawwanne" itti himuu dubbattetti.
"Kuni dubartootaaf mo'amuudha," jedhan pireezidantiin Waldaa Maatii Kaatolikii Pascale Moriniere.
"Akkasumas daa'imman dhalatanii addunyaa kana hin agarreef."
Vaatikaan gamasaatiin ibsa baaseen, "Lubbuu namaa fudhachuun 'mirgi' kamuu hin jiru," jedhe. Yaada kana qeesonni Kaatolikii Faransaayis qooddataniiru.












