Poolisoonni Gaazexessitoota Amazoon keessa badan barbaadaan qaama namaa ciccitaa argan

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Biraaziil osoo gaazexeessaa UK Doom Filips fi ogeessa gameessa dhalataa Biraaziil ta’e Biruunoo Pereeyiraa bosona Amazoon keessa barbaadanii qaama namaa ciccite arguu ibsan.
Poolisiin ''qaama namaa'' laga naannawa magaalaa 'Atalaia do Norte' jedhamuutti arguu ibsan.
Lagi kun bakka bosona Amazoon keessaa fageenyarratti argamu keessatti argama, poolisiinis waan arge kanarratti qorannaa gaggeessaa jiraachuu ibseera.
Namoonni lameen osoo bidiruudhaan gabaasaaf deemanii ture Dilbata darbe kana achi buuteensaanii dhabame.
Akka poolisiin jedhutti dhiigni bidiruu isaan ittiin adeemaa turanii irratti argame qoratamuuf jira.
Bidiruun kun kan nama qurxummii kiyyeessuu yoo ta’u, inni to’annoo seeraa jala ooleera.
Gareen hawaasa ganamaa Amazoon namoonni wayita hojiirra turanitti akkaan doorsifamaa turuu himan.
Bakka isaan hojjetaa turanitti hojiin seeraan ala qurxummii kiyyeessuu, albuuda baasuu, mukeen ciruu fi qoricha sammuu namaa adoochu daddabarsuu bal’inaan mul’ata.
Qondaaltonni Biraaziil namoonni dhabaman kunneen qaamaan ni argamu abdii jedhu qabu, garuu hanga yoonaa hin argamin jiru.
Namoonni lameen Aab Pereeyiraa- umrii waggaa 41 fi Aab Filips- umrii waggaa 57 barruu Gaardiyaan fi Washingitan Post jedhamaniif barreessu.
Yeroo baayyee imalasaanii karoorsanii waan bu’aa qabu hojjechuudhaan muuxannoo qabu.
Imalasaanii kanaanis yeroo dheeraa fudhachuun waan hedduu hojjechuuf karoorfatanii turan.
Gaazexeessitoonni kunneen bidiruu haaraa fi boba’aa hedduu qabataniiti kan imalasaanii eegalan.
Obboleettiin Doom Filips kan Landan jiraattu Sisan Filips mootummaan Biraaziil namoota kunneen xiyyeeffannaan akka barbaaduuf mootummaan UK akka dhiibbaa uumu gaafatteetti.
Bidiruu nama qurxummii kiyyeessu Amarido da Costa irratti dhiigni kan argame wayita ta'u, namni kun qabamee, dhiigni kunis qoratamaa jira.
Namni kun meeshaa waraanaa dhorkame seeraan ala qabachuudhaan himatame.
Poolisiin akka jedhutti namoota yeroo dhumaaf gaazexeessitoota kunneen argan keessaa namni kun tokko.
Dhabamuu namoota lamaa kana ilaalchisee namoonni biroo ja'as qabamanii gaafatamaniiru.
Dhimma gaazexeessitoota kunneen sakatta'uuf humnoonni nageenyaa 250 ta'an ramadamaniiru.
Konkolaachistoonni fi ogeeyyiin waa'ee bosona Amazoon beekan akkasumas helikooptaroonni, bidiruuwwaanii fi dirooniiwwan hedduun ramadamanii barbaadaa jiru.
Mootummaan Biraaziil barbaacha namoota kunneen irratti rinciceera jedhamuun himatamaa jira.












