Waancaa Afrikaa: Diraamaa tapha Masrii, dhiphina Gaanaa fi Ayivorii Koost, miidhama Saalaa

Taateewwan ajaayibaa, diraamaawwan taphaan qalbii namootaa kan hawwate taphi waancaa Afrikaa ramaddii B kaleessaa galgala gaggeeffameen Masriin Keeppi Vardee faana goolii lama walqixa ba'uun gulantaa kuffisanii darbuutti ce'uu mirkaneeffatteetti.

Masriin gooliiwwan itti galan lamaan rifachuun Shaarkiiwwan Cuquliisa fi Gaanaatti aantee sadarkaa sadaffaarra wana teesse itti fakkaatee turte.

Jifataan warra Fara'oo Musxafaa Mohammad daqiiqaa 93ffaarratti goolii garecha mo'ichaaf si'eessite lakkoofsiseera.

Haata'u malee Keeppi Vardeen daqiiqaa ja'a booda goolii qixa isaan taasise itti dabalte.

Ramaddii kana keessaa 2 fi 0 dhaan dursaa kan turte Gaanaan boodarra Mozaambik goolii lama galchuun walqixa xumuran, wayita kana warri Fara'oo sadarkaa lammaffaan ramaddii kana xumuruu mirkaneeffatan.

Sababa miidhamaa Mohammad Saalaa malee kan taphatte Masriin goolii Gilson Benchimol Tavares galcheen durfamuu eegaltus, jijjiiramee kan gale Tireezgeen walqixa taasiseera.

Hanga ammaatti tapha taphataniin qabxii sadi argachuun gara sadarkaa itti aanutti darbuu kan mirkaneeffatan warri Fara'oo goolii Mohammad galcheen 2 fi 1'n dursaa turan.

Garuu goolii taphataan Keeppi Vardee biriyaan Tekseeraa daqiiqaa xumuraa irratti lakkoofsiseen walqixa wayita ta'an carraan gulantaa itti aanutti darbuuf qaban waan jalaa dhiphateef guddoo yaadda'anii turan.

Ta'us garuu Gaanaan 2 fi 0 dhaan osoo Mozaambik dursaa jirtuu daqiiqaa 91ffaa fi 94ffaa irratti warri Mozaambik goolii lama waan galchaniif Masriin carraa darbuu argatteetti.

Gaanaan rukuttaa adabbii (peenaalitii) lama Jordaan Ayiiw galcheen dursaa turte.

Mozaambik ammoo rukuttaa adabbii Sipriyaanoo Sataamoo fi goolii Isnaard Maandaashaa galcheen walqixa baate.

Keeppi Vardeen ramaddii kana qabxii torbaan dursuun gara gulantaa tapha kuffisanii darbuutti ceete.

Qabxii lama qofa kan qabdu Gaanaan sadaffaa yoo taatu Mozaambik dhumarra jirti.

Taphoota garee ramaddii jalqabaa keessa jiran gidduutti gaggeeffameen qopheessituun dorgommii kanaa Ayivorii Koost mo'amuun rifaatuu hamaa keessa seente.

Rifaatuu qofa osoo hin taane carraan gara gulantaa itti aanutti darbuushee abjuu ta'ee hafeera.

Gareen warra Arbaa deeggartoota isaanii fuulduratti goolii hedduu 4 fi 0 dhaan Ikuwaatooriyaal Giiniidhaan salphataniiru.

Ikuwaatooriyaal Giiniidhaaf Emiliid goolii lama yoo galchu, gooliiwwan kaan Paabloo Genet fi Yaanik Buylaa galchaniiru.

Tapha ramaddii kanaa kan biraan Naayijeeriyaan 1 fi 0 dhaan Giinii Bisaawoo injifatteetti.

Naayijeeriyaan goolii Ooppaa Saangaantee ofirratti lakkoofsiseen qabxii sadi tapha kanarraa argachuu dandeesse.

Ramaddii kana Ikuwaatooriyaal Giinii fi Naayijeeriyaan qabxii torba torbaan tokkoffaa fi lammaffaa ta'uun xumuraniiru.

Ayivorii Koost qabxii sadiin sadaffaarra jirti. Giinii Bisaawoo qabxii homaatuu hin arganne, yeroodhaan dorgommicha keessaa galteetti.

Ayivorii Koost sadarkaa sadaffaaf filatamtuu taatee darbuuf carraa waan qabduuf qabxii garee kaanii eeguuf dirqamteetti.

Yaaddoo miidhama Mohaammad Saalaa

Tapha ramaddii B keessaa isa lammataa osoo Gaanaa waliin taphatanii kan miidhame Jifataan Masrii fi Liiverpuul Mohammad Saalaa, haalli miidhamasaa kan sodaatameen oli jedhe kilabni isaa Liiverpuul.

Warri Fara'oo tapha Gaanaa waliin goolii 2 fi 2 walqixa ba'an irratti Saalaan miidhamus deebi'ee taphoota maayii xumuraaf taasifamanirratti ni hirmaata jedhanii abdatanii turan.

Tapha sadaffaa kaleessa gareensaa Keeppi Vardee waliin 2 fi 2 walqixa baate Mohammad Saalaa taa'ee miira gaabbiin ilaalaa ture.

Liiverpuul akka jedhetti taphataan umrii ganna 31 kun Roobii dhufu deebi'ee ''Sagantaa dandamannaa'' ni eegala.

Miidhamni Saalaa ''hamma himame caalaa hammaataadha'' kan jedhe kilabni kun, garuu akkaataa yeroo gabaabaatti gara kilabaa fi garee biyyaalessaa isaatti deebi'uuf xiyyeeffannaan hojjetama,'' jedhe.

Yoo biyyisaa dorgommii Afcon keessa kan turtu ta'e, erga fooyya'ee booda itti deebi'ee gargaaruu danda'as jedheera kilabni isaa kun.

''Nu biratti deebi'ee sagantaa dandamannaa seenuun waan hiika qabu fi sirrii,'' jedhan leenjisaan Liiverpuul Yargan Kilop.

Waldaan kubbaa miillaa Masrii Jimaata darbe akka ibsetti, Saalaan dorgommii Afcon kanatti deebi'uu kan danda'u yoo biyyattiin maayii xumuraaf geessedha.

Kunis Guraandhala 2 yookiin 3 ta'a.

Kilop dabaluun ''Masriin xumuraaf kan geessu yoo ta'e, inni ammoo [Saalaan] dursee yoo bayyanate, eeyyeen hirmaachuu danda'a,'' jedhan.

Gargaaraan (ergamaan) Saalaa, Raamii Abbaas ammoo carraa taphatichi deebi'ee dorgommii Afcon irratti hirmaachuu shakkiin barreesseera.

''Miidhamni Saalaa akka duraan yaadameen oli. Guyyoota 21-28 taphaan ala ta'a. Taphoota lama qofa miti,'' jechuun fuula X isaa irratti barreesse.