Barana Dubaayi Arsenaaliif carraa gaarii lammaffaa hin kennine

Bara dorgommii 2023-24 Arsenaal yeroo akka kanaa gara Dubaayi deemuun torbanootaaf shaakala hojjechaa ture. Achii deebinaan galchii hedduu lakkoofsisuun morkattoota isaanii injifataa turan.

Dubaayi Arsenaaliif maal kennite? Icciitii maaliitu duuba jira jedhanii kan gaafatan turan.

Arsenaal miidhama taphattootaan rakkannaan qilleensa ho'aa keessatti shaakala hojjechuuf gara Dubaayi deeme. Bara darbe milkiin Dubaayi toleefii ture.

Waancaa injifachuu baatanis morkataa jabaa tahuun akka xumuraniif isaan gargaareera.

Baay'ina galchii Arsenaal lakkoofsise kan bara darbe Shaampiyoonaa tahee xumure Maanchister Siitii caalu ture.

Dorgommii Piriimer Liigii walakkaan ol taphatee shaakala wal fakkaataaf gara Dubaayi kan deeme Arsenaal bara kana milkiin hin tolleef.

Galchii hedduu lakkoofsisuu osoo hin taane taphattoota sarara duraa galchii lakkoofsisan dhabee deebuuf jedha.

Kaayi Haaverti taphataa Mikeel Arteettaan yeroo hedduu irratti hirkataniidha.

Arteettaan yoo barbaade bakka Odeegaardi irraa gara sarara gidduutti fidee yoo fedhe ammoo sarara duraa taphachiisuun galchiis irraa argataa tureera.

Kaayi Haaverti akka taphattoota sarara duraa cicimoo adunyaa galchii hedduuf taphataa irratti of gatan tahuu baatus gahee inni Arsenaal keessatti qabu salphaa miti.

Shaakala Dubaayitti gaggeessaa turan irratti miidhama isa mudateen bara dorgommii kana guutuuf dirreetiin ala tahuun isaa waan oolu miti.

Tajaajilli baqaqsanii yaaluu isaaf taasifamuuf akka jedhu gaazexessaa beekamaan ispoortii kubba miilaa Faabirisiyoo Roomaanoo ibseera.

Arsenaal taphattoota sarara duraa murteessoo tahan kan akka Bukaayoo Saakaa, Gabri'eel Maartineelii, Gabri'el Yesuus dhabeera.

Mikeel Arteettaan yeroo jijjiirraa taphattootaa Amajjii xumurametti taphataa jabaa warra amma qabnu caalaa dhiibbaa uumuu danda'uu fi qabxii keenya jijjiiruu danda'u yoo arganne ni mallattesifna jedhanii ture.

Deeggartoonnii kilebichaa fi xiinxaltoonni hedduunis Arsenaal rakkoo taphataa sarara duraa galchii hedduu lakkoofsisuuf akka qabu kaasaa turan.

Areettaan garuu osoo taphataa haaraa gara kilebichaatti hin fidiin hafe.

Garuu kilebichi taphataa inni barbaadu fiduufii dhabuuttis mufachuu himamee ture.

Amma filannoo Arteettaan qabu ergisaan Cheelsii irraa kan fudhatee fi barana tapha hedduu hin taphanne Raahem Isteerlingi, Tiroosaadii fi ol adeemtota akka Etaan Nawaneerii fa'a qofaadha.

Arsenaal Liiverpuul irraa qabxii torbaan duubatti hafee jira. Arteettaan bara kana waancaa Piriimer Liigii injifachuuf akak kutannoo qabu ibsuun ture kan jalqabe.

Haa tahu malee, bara Maanchister Siitii, kilabni morkataa jabaa liigichaa tahe gadi kufetti Arsenaal xiiqiidhaan gara dursummaatti dhufuu hin dandeenye.

Arne Isloota bara dorgommii kana Yargen Kiloop bakka bu'uun Liiverpuul leenjisaa kan jiran osoo tapha hedduu hin mo'amiin liigicha dursaa jiru.

Liiverpuul qabxii 97 fidee yeroon waancaa dhabe akka jiru namni beeku qabxii amma Arsenaal galmeessaa jiru waancaa akka injifatuuf gahaadha jedhee waan yaadu natti hin fakkaatu.

Sanuu taphattoonni galchii hedduu lakkoofsisu jedhamanii eegaman eenyu fa'aa tahuu danda'u?

Raahel Isteerliingitti Maanchister Siitii fi Liiverpuul fayyadamaniiru. Garuu gahumsa yeroo sana ittiin beekamurra hin jiru.

Tiroosaad, Odeegaardii fi Nawanerii irraa galchiin argamu Arsenaaliin shaampiyoonaa taasisaa?

Mohaammad Saalaa, Vaan Daayik, Diyaaz, Gaakpoo fa'aa kan qabu Liiverpuul taphoota 14 hafan keessaa qabxii meeqa dhabuu danda'a?

Dabalataan lameen isaanii Shaampiyoonsi Liigii keessa jiru. Dorgommichaan milkaa'uuf ammoo kileboota gurguddoo Awurooppaa injifachuun dirqama itti taha.

Kana booda taphattoonni miidhaman yoo deebi'aniif malee Arsenaal haala kanaan qormaata jabaa keessa galuu mala.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.