Arsenaal isa Boornimaz mufachiise PSG irratti haaloo ba'uuf

Tapha seena qabeessa Roobii dufu taphatamuuf jedhuuf Arsenaal irraa waan guddaatu eegama.

Injifannoon yeroo jaqabaaf Boornimaz dirree Emireetis irratti Arsenaal irratti galmeessise waan Za Gaaners ammatti barbaadan, waan ammatti isaaniif malu hin turre.

Dorgommii Chaampiyoonsi Liigiin taatee seena qabeessa keessa osoo jiranii Boornimaziin goolii 2 fi 1n injifatamuun dorgommii marsaa lammaffaa Roobii dhufuuf kisaaraa guddaadha.

PSGn tapha walakkaa xumuraan torbee darbe Emireetis irratti goolii 1 fi 0 dhaan Arsenaal mo'ate. Taphi dhufu dirree PSG irratti.

Arsenaal kufaatii gidduu kana isa mudataa jiru hunda kan inni ittiin gatii baasu, deeggartootasaa gammachiisu dorgommii Awurooppaatiini.

Gara PSG imalee goolii tokko ofirraa qabu garagalchee hin deebi'u taanaan manatti deebi'ee taa'uusaati.

Kun amma kilaba kanaaf hojii manaa guddaadha. Arsenaal goolii Deklaan Raayis galcheen osoo dursaa jiruu goolii 2fi 1n mo'amee ba'e.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan garuu injifatamuu kana akka carraatti akka ilaalanii fi akka jabina ta'uuf dubbate.

''Ga'umsa sirrii nutti hin agarsiisu. Garuu aarii, seexaa, miira haaloo ba'uu fi sodaa nutti uumeera,'' jedhe.

''Roobii dhufu kana hundatti haa fayyadamnu. Kana kan gochuu qabnu.''

Arsenaal jalqabumarraa ittisarratti jabaachuu qaba. Tapha Boornimaz waliin taphatan irratti ga'umsa hagas mara gadi bu'aa ta'e hin mul'ifne.

Boornimaz taphi jalqabamee sa'atiin tokko hanga obba'utti Arsenaalirratti olaantummaa hin arganne ture.

Garuu yaaliima jalqabaatiin taphataan Boornimaaz hamilee Arsenaal buuse, yaaliin sun goolii ta'e.

Gooliin Dean Huijsen salphumatti galche sun Arsenaal ittisarratti of dagachuu akka hin qabne akeekkachiisa.

Arsenaal yeroo baayyee kubbaawwan haala kanaan goolii ta'an keessummeesseera. Kun PSG biratti baratamaa miti.

Keessatttuu PSGn dirreesaarratti akka Arsenaal faayidaasaa dabarsee hin kennu, mana PSG deemanii qabxii jijjiirsisanii tapha keessaa baasanii deebi'uun wal'aansoo guddaadha.

Arsenaal tapha Boornimaz waliin taphaterratti dhimmi biraan baayyeen isa yaaddessuu qabu, daqiiqaa 75ffaa booda goolii galchuun hafee yaaliillee hin taasifne.

''Daqiiqaa sana, battala sana yoo ilaaltu Arsenaal PSG mo'ata kan jedhu sitti hin mul'atu,'' jedhe goolii eegaan duraanii West Ham Roob Giriin.

''Hojii hedduutu irraa eegama, yeroo gabaabduu qabu.''