Yukireen meeshaa saffisa sagaleetiin olitti boombii dhukaasu Raashiyaa jalaa barbadeessite

Madda suuraa, X
Meeshaan waraanaa Raashiyaa fageenya dheeraatti boombii saffisa guddaan imalu dhukaasu diroonii Yukireeniin barbadaa'uun gabaasame.
Suuraalee miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamee BBC'n dhugummaa isaa mirkaneeffate meeshaan Tupolev Tu-22 Kibba Seent Piterisbeergitti gubachaa jiraachuu agarsiisa.
Moskoon gama isheen meeshaa waraanaa xiqqaan diroonii Yukireen haleeluufi kanarraa kan ka'es xiyyaarri xiqqaan buufata waraanaa ishe keessa jiru gubachuu himte. Miidhaan namarra qaqqabe akka hin jirres gabaaste.
Raashiyaan kana haa jettuyyuu malee meeshaan waraanaa Raashiyaa rukutame, Tu-22, boombii saffisa sagaleen dachaa lammatti saffisee imalu dhukaasu kun haleelamera.
Meeshaan kun meeshaa waraanaa guddaa Raashiyaan magaalaalee Yukireen ittiin haleelaa turteedha.
Suuraaleen Telegram irratti qoodaman huuruu xiyyaara Raashiyaan gubachuu amantee kan TU-22 akka ta'e BBC'n mirkaneesseera.
Meeshaan waraana guddaan Raashiya tokkottiin miidhamuun oduu guddaa ta'uu baatus Kiiv dachee Raashiyaa keessatti haleellaawwan xiiyyeeffannoo isaanii rukutan raawwachuutti cimaa jiraachuu isheef agarsiistuu ta'eera.
Yukireen dhiyeenya kana dirooniiwwaan waraanaa hedduun dachii Raashiyaa keessatti haleellaa raawwachaa jirti.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa gabaasa biraa baaseen dhiyeenya magaala Mooskootti dirooniiwwan Yukireen lama dhayee kuffisuu ibseera.
Yaalii shororkeessummaa fashalaa'e jechuun ittisni biyyattii haalicha yoo ibsu, balalii xiyyaaraa Mooskoorraa ka'uufi gara magaalaa Mooskootti godhamus Kibxata ganama sababuma yaalii haleella diroonii Yukireniin adda citee ture.
Dirooniiwwan Yukireen lama humna qilleensaa biyyattiin rukutamuu ibse.
Haleellaan diroonii naannawa magaalaa Mooskootti deddeebi'uu hordofee yeroo dhiyoo as daangan balalii naannichaa irra deddeebiin cufamaa ture.
Ministeerri Ittisaa biyyattii naannoo Galaana Gurraachatti doonii Yukireen gara buufata omisha boba'aa Raashiyaatti dhiyaate barbadeessuus ibseera.
Meeshaan Yukireen haleeluun barbadeessite, Tu-22, meeshaa waraanaa bara waraana ololaa yoo ta'u, Nato'n maqaa masoo ''Backfire'' jedhu itti moggaasee ture.
Meeshaan kun waraannii Raashiyaafi Yukireen erga eegalee mgaalaalee Yukireen barbaeessuuf hoiirra ooleera.
Meeshaan kun amma ammayyaa'ee Tu-22M3 saffisa sagaleetti dachaa lama haa ta'u ykn ammoo sa'aatii tokkottii kiiloomeetira 2,300 adeema. Dhuka'aa hang kiloogiraam 24,000 baachuu danda'a.
Raashiyaan meeshaa kana waraanota Siiriyaa , Chiichniya fi Joorjiyaa keessatti amma dura fayyadamteetti.












