Tiraamp haleellaan Huutii yoo hin dhaabbanne Iraan irratti tarkaanfii 'hamaa' akka fudhatan akeekkachiisan

Haleellaa US qilleensarraan Yaman irratti raawwatteen gamoowwan manca'an

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gareen hidhattoota Huutii Yaman ulaa yabala doonii idiladdunyaa haleeluu hin dhaaban taanaan Iraan irratti tarkaanfii ''hamaa'' akka fudhatan dhaadatan.

''Dhukaasa Huutiin raawwatu hundaaf'' aanga'oonni Iraan itti gaafatamummaa fudhachuu qabu jedhan Tiraamp.

Gareen Huutii deeggarsa cimaa Iraan irraa argatuun socho'a.

Tiraamp kana dubbachuu booda gareen kun guyyoota lamaan darban keessatti yeroo sadi doonii xiyyaarota waraanaa US baatan irratti xiyyeeffachuun haleellaa akka raawwate ibse.

Haleellaa US qilleensarraan Yaman irratti raawwate booda Dilbata darbe (Bitootessa 16, 2025) gareen Huutii doonii Ameerikaa USS Harry S Truman haleeluuf yaalan.

Ameerikaan Sambata darbe gaafa Bitootessa 15, 2025 maandheewwan Huutii 30 ta'an irratti qiyyaafachuun haleellaa raawwachuu ibsiteetti.

Kun erga Doonaald Tiraamp gara Waayit Haawus deebi'anii oppireeshinii waraanaa cimaa US Baha Giddugaleessaa keessatti gaggeessitedha.

Tiraamp akkas jechuun miidiyaa hawaasaa isaanii Truth jedhamurratti barreessan: ''Kanaan booda haleellaan garee Huutii, meeshaa waraanaa fi hooggansa Iraaniin akka raawwatetti ilaalama.''

''Iraan ammoo itti gaafatamti. Bu'aasaas ni dhamdhamti. Bu'aansaa ammoo akkaan hamaa ta'a,'' jechuun akeekkachiisan Tiraamp.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin US Iraan garee kanaaf maallaqa, meeshaa waraanaa fi odeeffannoo basaasaa dhiyeessite jechuun himatu, Iraan garuu kana ni haalti.

Ergamaan Iraan Wiixata kaleessaa xalayaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Mana Maree Nageenyaaf barreesseen, Iraan uggura meeshaa waraanaa Dhaabbata UN Yaman irratti kaa'e cabsuu ishee haale.

Naannawa sana tasgabbii dhabsiisu keessattis hirmaannaa kamiyyuu akka hin qabne ibseera.

Ambaasaaddar Amiir Saayid Iraavaanii Ameerikaan Iraan irratti ''himannaa bu'uura hin qabne dhiheessite'' jechuun deebii kennuu Rooyitars gabaaseera.

Qondaaltonni US ibsa Wiixata kaleessaa baasaniin haleellaan Ameerikaan Yaman irratti raawwatte, haleellaa bulchiinsa pirezidantii duraanii Joo Baayiden jalatti hayyamame caalaa bakka bal'aa irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Waashingitan miseensonni Huutii ijoo ta'an haleellaa Ameerikaan ajjeefamuu ibsus gareen kun kana hin mirkaneessine.

Wiixata ganama Huutiin diroonii fi misaa'ela doonii USS Harry S Truman irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatan.

Xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa diroonii kana keessaa gara 11 rukutuun kuffisuu qondaalli Ameerikaa tokko CBS'tti himaniiru.

Haleellaa qilleensaa Ameerikaan kutaalee Yaman- Al Jaouf fi Hudaydah irratti raawwateen namoota 53 ajjeefaman keessaa yoo xiqqaate daa'imman shan ta'uu Huutiin ibseera, miidhaa jedhame kana BBCn walaba ta'ee hin mirkaneessine.

Ameerikaan Sanbataa fi Dilbata darban kana haleellaa xiyyaaraa garee Huutii irrattis banuun ishee ni yaadatama.

Huutii hanga Israa'el uggura Gaazaa irraa kaaftutti dooniiwwan Galaana Diimaa irra yabalan irratti xiyyeeffachuu akka itti fufu ibseera.