Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Harii Maguwaayer of cimsuu yookiin Man yunaayitid gadhiisuu qaba - Erik Ten Haag
Leenjisaan Manchistar Yunaayitid Erik Ten Haag taphataan sarara ittisaa Harii Maguwaayer ofitti amanummaa fi dandeettiisaa hin fooyyessu taanaan kilabicha keessaa ba'uu wayyaaf jedhan.
Leenjisaan Yunaayitid kun karoora isaa keessatti Maguwaayer nama barbaachisaa ta'uu danda'a jedhee akka yaadu cimsee dubbata ture.
Erik Ten Haag erga taphataa ganna 30 kanarraa dursummaa garee kaasanii booda, taphaticha fudhachuuf maallaqa paawondii miiliyoona 30 Westi Haam dhiyeessee ture yunaayitid fudhateera.
''Duubarraan gidduu taphachuuf nama dandeettii qabuudha. Ingilaandiif yeroo taphatu dandeettii addaa agarsiisa, keenyarrattis maaliif akkas hin ta'u?'' jedhan Erik Ten Haag.
Taphataan kun of fooyyessee haala amma jirurraa hin jijjiiramu taanaan deemuu qaba jedhan leenjisaan yunaayitid.
''Lameen keessaa filachuu qaba. An garuu isarraa gammachuun qaba.''
Maguwaayer deemuunsaa yookiin ammoo kilabicha keessa turee tapha piriimer liigii jalqabaa bara kanaa Wiixata har'aa yunaayitid Woolvis waliin taphatu irratti hirmaachuu fi dhiisuun isaa ammallee hin beekamne.
Ilaalcha Ten Haag irraa garuu waan yunaayitid waliin tapha kana irratti hirmaatu fakkaata.
Akkaataa tooftaa filannoo taphattootaa garee Ten Haagiin taphataan sara ittisaa Harii Maguwaayer bakka Viktar Lindeloof bu'ee tapahachuu danda'a, akkasumas Rafaa'el Varaan fi Lisaandiroo Maartineez waliin gita tokko ta'ee taphachuu danda'a.
Joonii Ivaansi yunaayitid waliin leenji'aa jira, yoo Maguwaayer deeme isatu bakka bu'a.
Haala amma jiruun Maguwaayer Maanchistar Yunaayitid yoo gadhiise waan miidhu hin qabu, inumaa maallaqa isarraa argamutu kilabichaa fayyada.
Yunaayitid bara kana Maason Maawunt, Andiree Onaanaa fi kan yeroo ammaa miidhamarra jiru Raasmas Hooyilaand maallaqa guddaan biteera.
Harii Keen Tootenhaam irraa fiduuf yaadanis gatiin waan qaala'eef Hooyilaand filatan.
Dani'eel Leevii garuu taphataa collee kilabichaa kan ta'e Harii Keen kilaba Piriimer Liigiitti gurguruu fedhu turan.
Ten Haag maallaqa ilaalchisee haala kilabichi itti deemaa jirurraa mufii hin qaban, garuu bakka biraatti taphataa bituuf maallaqi guddaan dhangala'aa jiraachuu eeran.
Taphataan Biraayitan Mooyisas Kaayiseedoo gara Chelsii yookiin Liivarpuul qajeelaa jira, kilabichi maallaqa gudda paawondii miiliyoona 115 nama kennee fudhatu fedha.
Chelsiin taphataa kana maallaqa jedhameen fudhachuuf waliigaleera.
Chelsiin bara darbes taphattoota maallaqa olaanaan bitus, garuu haga itti baase hin milkoofne.