Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ambotti xannachi kg 26 ulfaatu garaa dubartii ganna 15f dhukkubsataa turte keessaa baafame
Dubartii maanguddoon umuriisaanii waggaa 60 tokko Hospitaala Riifaraalii Yunivarsiitii Ambootti gadameessa isaanii keessaa xannachi kiiloograama 26 ulfaatuu yaalii baqaqasanii wallaanuutiin baafamuun ibsame.
Maanguddoon kun xannacha kanaan naannoo waggoota 15 darbaniif dhukkubsataa kan turan yoo ta'u, kanaan duras dhaabbilee fayyaa gara garaa deemuudhaan yaalamaa akka turan jedhu speeshalistiin ulfaa fi gadameessaa, Dr. Taayyee Abdataa BBCtti himaniiru.
Waggaa saddeti dura ammoo magaalaa Finfinnee hospitaala Yekkaatit dhaqanii ilaalamanii kan ture yoo ta'u, xannacha garaa keessaa qabaachuun adda baafamuudhaan waldhaansi baqaqsanii yaaluu akka godhamuuf itti himame.
Haata'u malee, maanguddoon kun sababii sodaataniif Finfinneedhaa deebi'anii manasaaniitti galan.
Dubartiin maqaansaanii hin dhahame kunis dhukkubbiin isaanii itti ulfaannaan ammoo gara hospitaala Riifaraala Yunivarsiitii Amboo akka dhaqan dubbatu Dr Taayyeen.
Haaluma kanaanis qorannoon laabiraatoorii, altiraasaawondii fi siitiiskaanii gara garaa erga taasifameefii booda "waldhaansa baqaqsanii yaaluutiin akka gargaaraman gorsine" kan jedhu Dr. Taayeen, maanguddoon kunis yaadichatti waliigaluun akka gara waldhaansichaatti seenan kaasu Dr Taayyeen.
Achinis Bitootessa 26 waldhaansa baqaqsanii yaaluu taasifameen xannachi guddaan akka keessaa baafame Ispeeshalistiin ulfaa fi gadameessaa, Dr. Taayyee Abdataa BBC'f mirkanneessan.
Waldhaansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii tokkoof walakkaa fudhate kanaan, "dhiitoon xannacha ovaarii naannoo kiilogirama 26 ta'u" dubartii ganna 15f dhukkubsataa turte kana keessaa baafamuu dubbata oggeessi fayyaa Hospitaala Riifaraalii Yunivarsiitii Ambootti, ispeeshaalistii ulfaaf gadameessaa kan ta'e Dr. Taayyeen.
"Dhiitoon kun kan ba'e ovaarii harka mirgaa isaanii irraa" akka ta'es itti dabaluun ibsan.
"Maanguddoon tun ganna 15f baatanii turan. Ganna saddeetiin dura ammoo hospitaala Yekkaatit jedhamutti yaala baqaqsanii waldhaanuutiin baasuuf jennaan isaan waan of hin murteessineef" osoo hin milkaa'iiniif hafusaa himu ogeessi kun.
Booda keessa ammoo "waa'ee dhukkubaa kanaarratti erga gorsa gahaa ta'e kennineefii booda, waldhaansa baqaqsanii yaaluutiin akka bahuuf nu gaafatan" jedhan.
Waldhaansi baqaqsanii yaaluu ispeeshaalistii ulfaafi gadameessaa Dr. Taayyeetiin dursame kun ogeeyyii fayyaa torba kan hirmaachisedha.
''Garmalee waan dhiita'eef baqaqsanii yaaluu of eeggannoo guddaa barbaachisa ture'' jechuunis ibsa.
"Hamman beekutti, hospitaala keenyatti dhiitoon xannacha ovaarii irraa ka'e kan hanga kana [gahu] hin dhaageenye. Ani garuu hamman ogummaa kanarra hojjedhetti dhiitoo hamma kana guddatu yaala baqaqsanii yaaluutiin baasee hin beeku,'' jechan.
Itti dabaluunis, ''Kun anaaf jalqabadha. Namoota baay'eefis kan jalqabaati. Hamman beekutti, akka [hospiitaala Amboo] kanaatti kan jalqabaati" jechuun kan ibsu ogeessi kun, kan kana caalanis jiraachuu akka malan dubbata.
Dubartiin ganna 60 sunis "erga yaalamii baqaqsanii wallaanuu taasifameefiin booda fayyaa gaarii irratti argamu. Bakkaa bakkatti socho'us jalqabaniiru. Nyaatas ni nyaatu, ni dhugu. Qaamni isaanii kan durattiitti deebi'uu isaatti baay'ee gammadaniiru. Miira gammachuurra jiru" jechuun haala maanguddoon tun erga yaalamaniin booda keessatti argaman ibsan Dr. Taayyeen.
Maanguddoon tunis osoo magaalaa keessa jiraatanu, "Waggaa hamma kanaatiif dhibee kana faana rakkachuun hin barbaachisu ture. Dhibee hamma kana guddatu waggoota hamma kanaatiif baatanii faana jiraachuun baay'ee namatti dhaga'ama" jedhan Dr Taayyeen.
"Dhibee baatanii osoo ofirra hin bubulchiin, dafanii mana yaalaa deemanii waldhaansa barbaachisu yeroon argachuun barbaachisadha'' jechuun hawaasaaf ergaa dhaamaniiru.