Pirezidant Museeveeniin ilmasaanii ajajaa humna waaraanaa gochuun muudan

Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii ilmasaanii angafaa ajajaa humna waraanaa biyyattii gochuun muudan.

Pirezidantichi ilmasaanii angafa ta'e Janaraal Muhoozii Kaayinerugaabaaf aangoo waraanaa olaanaa kennuun isaanii tilmaama akka bakka isaan bu'uuf qopheessaa jiru jedhamaa ture cimseera.

Dubbii dubbatuun nama falmisiisee kan ta'e Janaaral Kaayinerugaabaa bara 2022 ajajaa humna waraanaa lafoo irraa erga kaafamaniin booda duulawwan addaarratti gorsaa olaanaa pirezidantichaa ta'uun tajaajilaa turaniiru.

Muudamaafi 'shaarama' kaabinee Bitootessa 21, 2024 gaggeeffameen ministiroonni shan ari'amanirratti, ilmi Museeveenii kun ajajaa humna waraanaa biyyattii ta'uun muudameera.

Ajajaa humna waraanaa kan ture Janaraal Wilsan ammoo ministira daldalaa ta'uun muudameera.

Ilmi pirezidant Museeveenii amma ajajaa humna waraanaa ta'e kun barreeffama fuula tiwiitara isaarratti baasuun yeroo baayyee ijoo dubbii ta'eera.

Yeroo tokko Keeniyaa weeraruuf dhaadatee ture. Kana hordofee Kampaalaan ifaan ifatti Naayiroobii dhiifama gaafachuuf dirqamtee ture.

Kanaan boodas Janaraal Kaayiniirugaabaa aangoo ajajaa humna waraanaa lafoorraa kaafamanii ture.

Janaraalichi kanaan duras Itoophiyaa ilaalchisuun, keessumaa ammoo Tigraay waliin walqabate yaada kennaa ture.

Wal waraansa kaaba Itoophiyaatti turerratti humnoota Tigraay deeggaruun ergaa tiwiitara irratti barreessee ture.

Ergaa tiwiitaraa Janaraal Muhoozii kana ilaalchisee mootummaan Yugaandaa yaadni inni kenne kan Janaraalichaati malee ejjennoo humna waraanaa bakka hin bu'u jedhee ture.

Fulbaana 2023 keessa fuula tiwiitara isaarratti ergaa barreesseen, "Tigraay yeroo hunda onnee koo keessa jirti! Tigraay bira akkan dhaabbadhuuf uumaa koo Yesuus Kiristoos biraa ajaja dhufedha," jedhee ture.

Muudamaafi 'shaaruu' Kamise darbe pirezidant Museeveniin gaggeeffameen muudamawwan biroon kan kennaman yoo ta'u, kanneen aangoorraa kaafamanis turaniiru.

Gorsitoonni dhiyoo Janaraal Kaayinerugaabaa ta'an lamas ministira ta'uun muudamaniiru.

Qorqorroo manaa kumaatamaan lakkaa'aman hatuun malaammaltummaan himannaan kan irratti baname ministirri naannoo Karaamoojaa Meerii Goreetii Kituutuu aangoorraa kaafamteetti.

Bara 1986 irraa kaasanii aangoorra kan jiran Museeveeniin, ilmasaanii umuriin isaa waggaa 49 ta'e aangoosaanii nama dhaalu gochuudhaaf haala mijeessaa jiru kan jedhu waggootaaf odeeffamaa tureera.

Kun ammoo Yugaandaatti sirna abbaamootii uumuuf jiru kan jedhu qeeqa kaaseera.

Haata'u malee, Museeveeniin himannaa kanaan isaanirratti dhiyaate fudhatama dhabsiisaniiru.

Janaraalichi garuu aangoo abbaasaa fudhachuudhaaf fedhii akka qabu waggaa lama dura himee ture.

Janaraal Muhoozii Kaayinerugaabaa fuula tiwiitarasaarratti ergaa barreesseen pirezidantii ta'uudhaan haadhasaaf akka 'kiisii' baasu ibsee ture. Shakkii nama aangoo abbaasaa dhaaludha jedhu ergaa mirkaneessu kana dabarsuun isaa namoota hedduu ajaa'ibees ture.

Yugaandaan bara 2026 filannoo gaggeessuuf jirti.