'Yaalii fonqolchaan' booda dursaan loltootaa to'annoo jala oole

Madda suuraa, AFP
Giinii Bisaawutti namni dursaa loltootaati jedhamee fi qondaalota olaanoo humnaan gadhisiisuuf yaale to'annoo jala ooluu waraanni biyyattii hime.
Jimaata ganamarra dhukaasni jabaan magaalaa guddoo Bisaawutti dhagahamuun gabaafameera.
Miseensonni Eegumsa Biyyaalessaa qondaalota olaanoo to'achuun, buufata waraanaa kibba magaalattii jirutti seenan.
Achiis humnoonni addaa jidduu seenuun mari'achuu yaalanis hin milkaa'in hafaniiru - kanaanis dhukaasni eegale.
Boodarras haalichi tasgabbaa'uun gabaafameera.
Guyyaa Sambataa Pireezidantiin biyyattii Umaaroo Sisookoo Embaaloo, hokkarichaan "yaalii fonqolchaa" ture jechuun ibsan.
Dabaluunis kanneen harka keessaa qaban "tarkaanfiin cimaa" akka isaan eeggatus akeekkachiisan.
Kanas kan dubbatan yaa'ii haala qilleensaa UN magaalaa Dubaayitti gaggeeffamaa jiru COP28 irratti hirmaatanii erga deebi'anii boodadha.
Ministirri Faayinaansii Suleeymaan Sayidii fi ittaanaan waajjira Maallaqaa Antooniyoo Monteeroo, baasii doolaara miiliyoona 10 taasifame wajjin walqabatee shakkamuun to'annoo jala oolan.
Kamisa sa'aa booda keecha farra-malaammaltummaan, baasii dhaabbilee 11f kanfalan irratti gaafatamaniiru.
Aabba Sayidiin kanfaltiin taasisan seera kan hordofedha jechuun morman.
Gaaffii kana hordofees jarri lamaan kun adeemsa qorannoo akka hin gufachiifnef jecha to'atamuu miidiyaan biyyattii gabaase.
Boodarras loltoonni Eegumsa Biyyaalessaa buufata poolisii "Ak-47 fi baazuuqaan" weeraruun anga'oota kanniin baasan jedha gabaasni O Democrata.
Achiis jara bakka hin beekamnetti akka geessanis gabaafameera.
Biyyi Lixa Afrikaa Giinii Bisaawu, bara 1974 bulchiinsa Porchugaal jalaa walaba erga baatee booda, fonqolchaa fi yaaliiwwan fonqolchaa hedduun mudateera.
Guraandhala bara dabre keessa pireezidantiin biyyattii yaalii fonqolchaa dandamachuun dabarsan. Gaafas dhukaasni sa'aa shaniif kan ture oggaa tahu, namoonni 11 lubbuu dhabaniiru.
Haleellaan gaafasii daddabarsa qoricha sammuu hadoochu wajjin walqabata kan jedhan ennaa tahu, kanaaf garuu ragaa hin dhiyeessine.
Gaazexeessaan biyyattii keessaa Albertoo Daaboo BBCtti akka himetti, taateen ammaa kun yaalii bara dabre tahe wajjin kallattiin hidhata qaba jedhe.
"Yaalii fonqolchaan booda, qondaalonni olaanoo waraanaa gaafas to'ataman mana murtii odoo hin dhiyaatin haga ammaa hidhaa keessa jiru. Miseensonni waraanaa aangoo olaanaa qaban muraasni, jarri kun bilisa bahuu qabu jechuun gaafachaa jiru," jedhe.












