Yukireen bakka humni Raashiyaa cimaan jiru kibbatti haleellaa bante

Dhukaasa meehsaa waraanaa guddaa

Madda suuraa, Reuters

Waraanni Yukireen loltoota Raashiyaa kibba byyattii bulchiinsa Zaporizhzhiyaa to'atanii turan irratti haleellaa raawwachuu isaa qondaaltoonni Raashiyaa fi barreessitoonni waraanaa himan.

Yukireen humnoota Raashiyaa gadhiisisuun yeroon isaa amma jechuun haleellaa bal'aa banuu ifa gooteetti.

Bakkawwan murteessoo humnoota Raashiyaatiin qabamanii turan gadhiisisuudhaf murannoon ka'uu loltoota Yukireen mul'achaa jiraachuu qaamoleen gara garaa himaa jiru.

Akka isaan jedhanitti, humnootiin Yukireen taankiiwwan dirooniifi meeshaalee waraanaa biroon deeggaramee gama kibba magaala Orikhiv'tti halkan lammaffaaf fudhachaa jiran cimee itti fufeera.

Qondaalli waraanaa Yukireen olaanaa tokkos diinni ''of ittisuuf sochii keessatti'' argama jedheera.

Raashiyaan haleellaa diroonii magaalota isheerratti gaggeeffamuu dubbateetti.

Haleellaa magaalota Raashiyaa daangaa Yukireen irraa kiiloomeetira 200 fagaatutti gaggeeffameen namoonni lama akka madaa'anillee ibsiteetti Raashiyaan.

Ekispartoonni waraanaa hedduunis xiyyeeffannaan qolachuu Yukireen eegamaa ture Zaporizhiyaatti akka ta'u dubbatu.

Isaanis Yukireen Galaana Azoviitti karra deebiiftee argachuuf yaalii taasiftuun humnoota Raashiyaa naannicha qabatanii jiran bakka lamaatti qooduuf yaalaa akka jirtu kaasu.

Kunis dandeettii qolachuu Raashiyaa dadhabsiisuun alatti, riqicha lafoo Kirimeeyaa kan bara 2014 seeraan ala Raashiyaan of jala galchitee ni dhabamsiisa.

Yukireen baatiiwwaniif haleellaa deebitee qolachuu gaggeessuuf karoorsaa turte. Garuu ammoo hanga danda'ameetti loltoota leenjiisuufi meeshaa waraanaa foyya'oo michootashee biyyoota Lixaa irraa argachuufis yaalaa turte.

Mootummaa beekaadhuma waa'ee karoorsaa kana waan xiqqaa dubbataa jira. Garuu ammoo humnootiin isaa adda waraanaa hedduurratti eddoowwan Raashiyaan qabamanii turan deebiisanii to'ataa jiru.

Gama biraatiin ammoo haleellaan Raashiyaan Yukireen irratti raawwattu itti fufeera.

Halkan darbe haleellaa dirooniifi misaa'elaa raawwatteen caccabaan isaa yoo xinnaate magaalaa lixa Kiyiv, Zhytomyer keessatti nama tokko ajjeesseera.

Raashiyaan akkuma pirezidantiin Vilaadmiir Putiin weerara guutuu Guraandhala 2022 keessa ajajeen battalumatti bulchiinsa Zaporizhiyaa irra caalaa to'atan.

Haata'u malee, magaalli guddoon naannichaa Zaporizhiyaan humnoota Yukireeniin to'atamte.