Daawwannaan Isaayaas Afawarqii Raashiyaafi Chaayinaa maal akeeka?

Pirezedantii Ertiraa Isaayaas Afawarqii fi gitasaa kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

Madda suuraa, Eritrea ministry of information

Yeroo hedduu biyyaa wayita bahan kan hin argamne Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii tibbana Raashiyaafi Chaayinaa daawwatan.

Isaayaas Mooskoo fi Beejing kan daawwatan garaa garummaa guyyoota muraasaa keessatti ture.

Jiilli qondaaltoota olaanoo biyyattiis daawwannaa kanarratti Pirezidanticha waliin hirmaatan.

Biyyoota lameen guyyota afuriif kan daawwatan Pirezedant Isaayaas, simannaa ho’aatu taasifameef.

Isaayaas osoo Chaayinaa fi Raashiyaa hin daawwatiin dura Ministironni Dhimma Alaa biyyoota lamaanii Asmaraa daawwatanii turan.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa, Kiin Gaang fi gitisaanii Raashiyaa Sargee Laaviroov ji’ootaan dura Ertiraa daawwachuun, pirezidanticha dabalatee qondaaltoota olaanoo biroon wal arganii mari'achunsaanii ni yaadatama.

Ofii doowwannaa Pirezedant Isaayaas Beenjingi fi Mooskoo maal akeeka?

Ertiraafi daawwannicha

Dowwannaan Isaayaas Chaayinaa fi Raashiyaatti taasisan yoo ija dippiloomaasiin ilaalame, isaaf injifannoo guddaa ta'uu dubbata xiinxalaan siyaasaa Abdurahamaan Se’id Abu Hashiim.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Isaayaas Raashiyaa fi Chaayinaatti simannaa gaariitu taasifameef. Beekamtii gaariitu kennameefis,'' jedhan.

Waggoota 20'n darban addunyaa dippilomaasiin irraa gara moggaatti dhiibamanii kan turan Isaayaas, naannichatti akka nama rakkoo uumuutti ilaalamaa turanis jedhan.

Hojii addunyaarraa moggaatti dhiibamuun jalaa ba'uu kanas Gaanfa Afriikaarraa eegalan.

Isaayaas biyyoota akka Itoophiyaa, Keeniyaa fi biyyoota kaan waliin hariiroo gaarii ummataniiru.

Sanatti aansuun kan Raashiyaa fi Chaayinaa waliin hariiroosaa cimsataa kan jiru jedha Abu Hashiim.

Kaayyoon daawwannichaa kan biraa tarsiimoodhaaf jedhamuu ni danda'ama.

Pirezidant Isaayaas addunyaarratti jijjiramaa akka jirutu hubataa jiraachuu kaasu xinxalaan kun.

Kanaan dura Ameerikaan qofaatti ykn NATO waliin addunyaa to'ataa akka turte kaasuun, amma garuu kun geedaramee addunyaa biyyoonni ykn gareewwan hedduu uumamuu kaasu.

''Sadarkaa addunyaatti Chaayinaa fi Raashiyaan morkattoota Ameerikaa ta'uun dhufuuf jiru. Pirezedantichi kanaaf gara Chaayinaa fi Raashiyaa akka fuula galgalfatan mul'isaa jiru,'' jedha.

Kanaaf, daawwannaan kun Pirezedant Isaayaas fi Ertiraaf qofa otoo hin taane, Beejing fi Mooskoos ni fayyada.

''Naannicha keessatti Gaanfa Afrikaafi naannoo Galaana Diimaatti biyya tasgabbooftuu amanamtuu taatee tokko filatanii akka seensatti ittigargaaramuu barbaadu.''

''Biyyoonni akka Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Sudaan ammatti walitti bu'insa keessa jiru. Kanaaf, haallisaanii tasgabaa'aa miti.

''Gama biraatiin hoggaanaan Ertiraa biyyattii guutummaatti to'achuun nama kan isa morkatu hin qabneetti dhiyaata. Kallattii kanaatiin yoo ilaalamu ammoo isaaniif faayidaa qaba,'' jedha.

Waliitti dhufeenyi Ertiraan biyyoota lamaan waliin uummatte tarsimoowaa ta'uuf carraansaa xiqqaatulleen, garuu ammoo haalli kun itti hin taane jiraachuu akka malu kaasa Abu Haashim.

Xinxalaa siiyaasaa kanaaf walitti dhufeenyi kun waliitti fufiinsa qabaachu hin danda'u.

Ertiraan kan Isaayaasiin hogganamtu malee, kan heera mootummaafi dhaabbilee heeraatiin bulfamtu ta'u dhabuu akka sababaatti kaasu.

Walitti dhufeenyichi kan nama dhunfaarratti bu'uurreeffate ta'uu kaasuun, ''inni yoo hin jiraanneetti hariiroon walitti fufuuf wabii hin qabu,'' jedhu.

Dhaabbilee gorsitootaan deeggaramaniifi imaammata qorachuun kallattii fooyya'aa agarsiisan biyyattii keessaa dhabamu akka rakkootti kaasu.

''Boru ammoo Baayidan Waashingitaniitti waamuun filmaata gaarii yoo kennanii garagaruu danda'u. Kallattii kanaan yoo ilaalame hariiroon kun wabii omaatuu hin qabu,'' jedhu.

Daawwanicha keessatti irra deddeebiin kan ka'u Isaayaaf ''injifannoo dippilomaasiifi hariiroo uummachuu olaanaadha. Kanaanis fudhatamaafi beekkamtii argataniiru jechuun ni danda'ama,'' jedhu.

Biyyoonni kunneen Ertiraarraa maali fedhu?

Yunvarsiitii Mattuutti barsiisaa Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa fi Yunvarsiitii Finfinneetti digirii 3ffaa isaanii walitti dhufeenya Itiyoo-Ertiraa fi Gaanfa Afriikaa irratti hojjattaa jiran Nagaraa Guddataa yaada kanarratti waliigalu.

Hariiroon Ertiraa, Chaayinaafi Raashiyaan biyyoota Lixaa waliin qaban laafaa ta'uu kan himan Nagaraan, hariiroon waliisaanii gidduutti qabaatan garuu bifa danuu ta'uu dubbatu.

Dippilomaasiifi deeggarsi diinagdee mummeedha. Ertiraan bu'uuralee misoomaa ishee boodatti hafaa ta'e guddiisuuf deeggarsa Chaayinaa ni barbaaddi.

Ertiraan qoqqoobbiifi dhiibbaa karaa Biyyoota Gamtoomaniitiin biyyoonni Lixaa irraa dhufu qolachuuf Raashiyaa fi Chaayinaan dandeettii akka qaban kaasu.

''Qoqqobbiin Ertiraarra haa kaa'amu yoo jedhamee, biyyoonni lamaa mirga sagalee-sagaleen kuffisuu(veto power) dhaabbaticha keessatti qabaniin kuffisu,'' jedha Nagaraan.

Waggoota muraasa darban hariiroon Ertiraan Raashiyaa waliin qabdu cimeera.

Raashiyaan Yukireen weeraru hordofee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii murtoo Raashiyaa balaleeffachuuf dabarsee biyyoota morman muraasa keessatti Ertiraan eeramtetti.

''Dippiloomaasiin gama meeshaa waraanaa yoo jiraates Raashiyaan meeshaalee waraanaa Ertiraatti gurguruu dandeessi,'' jedha.

Hunda caala dhimmi biyyoota sadan walitti hidhuu danda'u dhimma buufata waraanaa ijaaruti jedha Nagaraan.

Ertiraan Baha Afrikaa keessa bakka murteessaa daldalli addunyaa irra geejjibamutti argamti, kanaaf sababa ijoodha jedhe.

Naannichi karaa daldalaa idil-addunyaa waan ta'eef dooniwwan hedduun irra marmaaru.

Naannoo Baha Afrikaatti biyyoonni Lixaa maadhee waraana ijaarratan heddudha.

Pirezedant Isaayaas gara Raashiyaa fi Chaayinaatti imaluun tarii carraa biyyoota kanaaf laachuuf ta'uu mala jechuun Nagaraan BBC hime.

'' Raashiyaa fi Chaayinaa buufata waraanaa akka hundeessanii bakka kennuufi ykn itti kireessu dandeessi,'' jedhe.

Ertiraan hariiroon biyyoota lamaan waliin uumte tarsimoof ta'uu akka danda'u, tarii tarsiimoof ta'uu dhabuus akka malu Abu Hashiim kaaseera.

Abu Hashiim akka jedhutti, hariiroon kun ittifufiinsa qabaachuu hin agarsiisu.

Abu Hashiim akka jedhutti, Ertiraan Pirezedant Isaayaasiin hogganamtu malee heeraa fi dhaabbilee mootummaan hogganamtu akka hin taane akka sababa ijootti dhiyeesse.

Hariiroon kun nama dhuunfaarratti kan bu'uureffame ta'uu eeruun, ''Isaayaas yoo hin jiraanne hariiroon ittifufuuf wabii hin jiru,'' jedha.

Kana malees, Ertiraa keessa dhaabbanni ogeeyyii gorsitootaan utubamee ykn deeggarame, imaammata qo'achuun kallattii fooyyee akeeku dhabamuu akka rakkootti kaase.

''Boru Pirezedanti Baayidan Isaayaas gara Waashingitenitti waamanii filannoo fooyyee qabu dhiyeessuufi danda'u. Kana bu'uureffachuun yoo ilaalame, hariiroon kun wabii amansiisaa hin qabu,'' jedhe.

Daawwanna Pirezedanti Isaayaas yoo ibsan ammoo''ijifannoo dippiloomaasi fi sab-qunnamtii guddaadha. Kanaan fudhatama argadheeraafi beekamtii argadhe jechuu malu,'' jedha Abu Hashiim.

Puutin, Isaayaas, Jiin Piing

Gaanfa Afrikaafi daawwannicha

Yunvarsiitii Finfinneetti ammoo kadhidhamaa digirii 3ffaa kan ta'e Nagaraa Guddataa, Ertiraan biyya lakkoofsa uummata xiqqaa fi hiyyeetti taatullee Gaanfa Afrikaatti biyyaa dhiibbaa cimaa uuumtu jedha.

Ertiraan hariiroo biyyoota akka Iraan fi Kuwaataar waliin qabaachaa turte eeruun, ''Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Koongoo keessattillee dhiibbaa uumaa turte,'' jedha Nagaraan.

Ertiraan loltoota Somaaliyaa leenjisuurra darbee, waraana Kaaba Itoophiyaa keessattis hirmaachuu kaase.

Nagaraan akka jedhutti, Pirezedant Isaayaas Gaanfa Afrikaa keessatti qooda olaanaa qabatanii turuu barbaadu turuu barbaadu.

''Pirezedant Isaayaas naannichatti akka hogganaa gameessaatti naannoo ollaatti dhiibbaa uumuu qabu,Gaanfa Afrikaatti muuxannoo qabanitti gargaaramu barbaadu'' jedha.

Abu Hashiim gochii kun yoo itti fufe waraana ololaa hordofsiisuu akka malu kaase.

Bara 1940 irraa eegalee waraanni ololaa Raashiyaafi Ameerikaa giddutti gaggeeffama ture.

Yeroo biyyoonni lamaan wal gaarreeffata turanitti biyyoota michummaa uumaniif deeggarsa kennuun cinaa hiriira turan.

Yeroo sanatti Baha Afrikaatti waraanni dhiiga namoota hedduu dhangalaase gaggeeffamaa akka ture Abu Hashiim BBCtti hime.

''Raashiyaa fi Ameerikaan biyyoota isaan deeggaran walitti buusaa turan. Haalli yeroo sana ture ammas deebi'e uumamuu mala,'' jechuun yaadda'uu hime.

Addunyaan bakka biyyoonni jajjaboon hedduun qooda keessatti taphatan (multi-polar) ta'aa dhufuu kaasan.

''Hoggansa addunyaa kan dursan biyyoota sadii ykn afur ol taanaan, biyyoonni akka Biraazil, Tarkii, Afrikaa Kibbaa fi Iraan qooda gumaachan ni qabaatu,'' jedha.

Biyyoonni garaa garaa fayidaa isaanii eeggachuuf Gaanfa Afrikaarratti xiyyeeffachuun waraana ololaa hordofsiisu fi dhiisuun xiinxala addatti babaada jedha.

Fedhiin biyyoota jajjaaboo kanaa yoo walfaalleesse garuu Gaanfa Afrikaatti waldhabbiin kun mul'achuu mala jedha.

Kunis biyyoonni meeshaa waraanaa akka bitan kakaasu qofa osoo hin taane, iddoo meeshaaleen waraanaa haaraan itti shaakalaman gochuu mala jedha.

''Biyyoonni qabeenyi xiqqaan qaban bittaa meeshaalee waraanaaf akka oolchan gochuun, ummata isaanii miidha" jechuun ibsa.

Daawwannichaa fi Itoophiyaa

Daawwannaaf Pirezedantii Isaayaas Beejiingitti imalanii turan, achiis gara Mooskootti qajeeluun Itoophiyaa fi Eertiraarratti dhiibbaa ni qabaata jedhamee yaadama.

Itiyoophiyaa fi Ertiraan waliigaltee dhabbii waggoota darban keessa turan cinaatti dhiisanii hariiroo isaanii cimsuutti jiru.

Loltoonni Ertiraa mootummaa Itoophiyaa cinaa dhaabbachuun waraana Kaabaa irratti hirmaatan.

Obbo Nagaraan akka jedhanitti, waraanni Kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piritooriyaatiin fala argachuu hordofuun mootummaan Itoophiyaa hariiroo biyyoota Lixaa, keessattuu Ameerikaa waliin qabu cimsaa waan jiru fakkaata jedha.

Kunis Eertiraan filannoo biraa akka barbaaddu taasise.

"Ameerikaan hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu yoo cimsite, anillee filannoo qaba" jechuun Chaayinaa fi Raashiyaatti fuula naanneffatte jedha.

Abu Hashiim akka jedhutti, hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa kan murtaa’u hariiroo mootummoota biyyoota lamaniirratti.

"Amma mootummaan Itoophiyaa imaammata walaba ta'e hordofuuf waan yaadu fakkaata. Hanga ammaatti waan akkasii agarsiisaa.

Ministira Muummee Abiyi Ahimadis ta'ee Ministira Muummee duranii Mallas Zenaawwiin Ameerikaa waliin hariiroo baayyee gaarii kan uuman yoo ta’u, Chaayinaa waliin hariiroo gaarii uumuu danda’aniiru,'' jedha.

Ammas imaammata gabaa bilisaa yoo hordofan dhiibbaan guddaan akka hin uumamne kaase Abu Hashiim.