Lammiin Indiyaa falmii mana murti daballii gatii tikeetii baaburaa, waggaa 22 mo’ate

Tuninyaat Chaaturvedii

Lammiin Inidiyaa kun daballii gatii imala baabuuraa taasifame mormuudhaan waggoota 22f mana murtiitti falmeen booda irra aane.

Oogummaadhaan abbokaatoo kan ta’e namni Tuninyaat Chaaturvedii jedhamu, tikeettiiwwan baabuuraa waggaa 22 dura bite lama irratti daballii ruuppii 20 (doolaara 0.25) akka kanfalu taasifamusaatti ture himannaa mana murti kana kan eegale.

Kunis Kaaba Indiyaa bulchiinsa Utaar Piraadeeshi keessa buufata baaburaa Maatur Kaantoonmanti jedhamuutti raawwate.

Manni murtii bittuu torban darbe keessa abbookaatoo Tininyaa Chaatirveediif kan murteesse yoo ta’u, buufanni baabuuraa himatamees maallaqicha dhala waliin akka deebiisuuf ajajeera.

''Dhimma kana waliin wal qabatees dhaddachawwan 100 ol taa’amaniiru,'' jechuun ture abukaatoon kun BBCtti kan himan. 

Itti dabaluunis ‘‘dhimma kana falmuuf yeroofi humni ani baasee kan gatiidhaan tilmaamamuu danda’u miti’’ jedhan.

Manni Murtii Bitattootaa Indiyaa keessatti argamu keessattuu komiiwwan tajaajilwwaniin wal qabatanii dhiyaatan kessummeessa. 

Ta’us komiiwwan waan baayyataniif dhimmoota xixiqqoo haalaan kessummeessuuf waggoota itti fudhachu danda’a. 

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni seeraa Utaar Piraadeshi osoo Maaturaa irraa gara Moraadaabaadiitti imalaa jiruu ture hojjataan tikeettii baabuuraa tokko tikeetiiwwan bite lamaaniif garmalee kan kanfalchiise. Tokkoon tokoo tikeettiiwwan kan ruuppii 35 baasan yoo ta’u, namni seeraa kunis ruuppii 100 itti kennuun deebii eeggatulleen, hojjataan sun garuu deebii ruuppii 30 kennuufiirraa ruuppii 10 qofaa deebiiseef.

Gatiidhaan ol akka kanfalchiisee hojjataa tikkeetii kanatti himulleen maallaqicha debiisuuf hin dandeenye.

Kanaan kan ka’ee buufata baabuuraafi hojjataa tikkeettii sana himachuuf gara mana murti bitattootaatti kan qajeele.

Yeroo sanattis buufannii baabuuraa komiiwwan dhiyaatan karaa keessummeesitoota komii baabuuraatiin malee karaa mana murti Bitattootaan dhiyaachu hin qabaatu jechun dhimmicha kuffiisuuf yaalii taasisee ture.

Ta’ulleen dhimmichi mana murti bitattootaan akka ilaalamu taasisuuf hanga mana murtiii waliigalaa gahameera.

Qabsoo baroota dheeraan boodas buufanni baabuuraa kun addabbii ruuppii 15,000 ($188) akka kanfaluuf murteesse. 

Akkasumas manni murtichaa buufanni baabuuraa kun ruuppii 20 hafe kan isaa waggaatti (1999 hanga 2022) dhala %12n shallaguun akka kanfaluuf ajaja dabarse.

Akkasumas buufatichi hanga jedhame kana erga murteen kun darbee guyyoota 30 keessatti kan hin kafallee yoo ta’e, hangi dhala kanfalamuu gara %15tti akka fooyya’us Manni Murtichaa ajaja dabarseera.

Maatiin nama kanaa yeroo baayyee akka falmii kana dhaabuuf dura dhaabbachaa akka turan dubbata.

Haata’u malee maallaqni amma murtaa’eefis bu’aa bahii inn dabarseen wal biratti yoo ilaalamu omaa miti kan jedhu namni seeraa kun, ‘‘wanti guddaan maallaqa miti. Yeroo hunda haqaaf filamuudha. Qabsoo malaamaltummaa irratti taasisee waan ta’eef gatiinsaa olaanaadha’’ jedheera.

Itti dabalunis, ‘‘Ani mataankoo abookaatoo waanan ta’ef nama seeraa dhimma koo hordofuuf maallaqa hin kanfalle. Kan ittiin imalaa ture kiyyuma. Sun baayyee cimaa ta’u danda’a.’’