Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaaposaa baabura keessatti danqaman

Pirezidant Siriil Raamaaposaan seeqaa, morma isaanii karaa foddaa baasuun mul'atu

Madda suuraa, ANC

Ibsa waa'ee suuraa, Imalli baabura kanaa km50 fagaata. Maabopaane hanga Piritoriyaa imala ture.

Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaaposaa imaltoota baaburaa waliin baabura seenuun filannoo Caamsaa dura nama ummataaf ooge ta'e akka isaan mul'isu yaadaniiru ta'a.

Karoo kuni garuu, hintaane yookiin hojjeteera akka ilaalcha namaatti adda addaadha.

Imalli daqiiqaa 45 qofaa fudhachuu qabu sa'aatii afur fudhate.

''Kuni fudhatama hinqabu,'' jedhaniiru erga lafa gahanii booda.

Dhaabbati biyyattii baabura imaltootaa to'atu haala kana fooyyessuu qabu jechuun himaniiru.

Baaburri barfachuun isaa fayyadamtoota baaburaa miiliyoona hedduu ta'anif yaaddoodha. Sababa kanaan barfatanii hojiirraa kan ari'amanis jiru jedha gaazexessaan BBC Miltan Nikosii Johaanisbargirraa.

Kanneen sababa kanaan aaran baaburatti ibidda qabsiisanis jiru.

Baaburri pirezidant Raamaapoosaa bulchiinsa Gaawutengitti sababni danqamteef shofeerri baabura biraa dhagaadhaan rukutame jennaan waan baabura isaa dhaabeefi jedheera qondaalli dhaabbata baabura imaltootaa to'atu.

Raamaapoosaan jalqabarra imala yoo eegalan gammachuun irraa mul'ata.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Raamaapoosaan Jaakob Zuumaa bakka bu'un paartii Afrikaa Nashinaal Kongirees (ANC) bulchuu eegalanis Caamsaa keessa filannoon jira. Wanti kana godhaniifis filannoo kana rra aanuf akka ta'e amanama.

Mormituun tokko immoo: ''Shofeera haaraa, baabura durii caccabe''.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2