Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rooba cimaa tibbanaa Itoophiyaa dabalatee Afrikaa Bahaatti lolaa hamaa qaqqabsiisef sababiin maali?
Baha Afrikaatti rooba cimaa torban darbeerraa qabee roobaan jiruun lubbuun namootaa baayyee yoo darbu, kaan qe'eerra buqqa'anii qabeenyis manca'eera.
Keeniyaatti torban lolaan namoota 170 ajjeesuu hordofee Pirezidaantiin biyyattii Ruuton kaleeessa Ebla 30,2024 kabineesanii wal-gahii hatattamaaf waamanii ture.
Finfinnee keessatti lolaan rooba waqtii arfaasaa kanaa lubbuu namootaa afurii dabarseera.
Inistitiyuutiin Meetirolojii Itoophiyaa raaga haala qilleensaa kenneen taateen Garba Hindiifi Paaskfikii rooba cimaa kanaaf sababa jedha.
''Qaamoti bishaanii kunneen isa idileedhaan ol ho'uudhaan Itoophiyaa dabalatee keesumaa Afrikaa Bahaa, iddoowwan tokko tokko irratti roobni tamsa'ina bal'aa qabu bu'eera,'' jedhu Inistitiyuutichatti qorataa meetiroolojii fi ogeessa raaga haala qilleensaa kan tahan Obbo Baqqalaa Kabbabaan.
Obbo Baqqalaan dhaabbanni isaanii ji'a Amajjii keessa haala roobaa waqtii arfaasaa Guraandhalaa hanga Caamsaa jiru ifa godhee ture jedhan.
''Kibba Somaalee, Kibba Oromiyaa, Sidaamaa akkasumas iddoowwan kibba Itoophiyaatti roobni idileedhaa ol akka jiraatuufi lolaan balaa tasaa uumu akka mudatu dhaabbatichi raagee ture'' jedhan.
Kana malees kaaba, kaaaba bahaafi gidduugaleessa biyyattiitti roobni idilee akka jiraatus raagni jira ture jedhan.
Obbo Baqqalaan kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti ''teempireecharii idileedhaa ol,'' akka jiraatus raagee akka ture himu.
''Fakkeenyaaf Gaambeellaa keessa ho'i gara malee waan jiruuf sa'atii hojii hama geedaruutti gahaniiru,'' jedhan.
Kana malees miidiyaalee mootummaa fi dhuunfaadhaaf haala qilleensaa kana ibsa kennaa ture.
Iddoowwan lolaa tasaa kanaan miidhaman beekamaa waan tahaniif hawaasni of eeggannoo gochuu qaban irratti afaanota garagaraan ergaan dabarfamaa ture jedhu.
''Fakkeenyaaf magaala keessa bo'oo lolaan keessa yaa'u yeroodhaan qulqulleessuu fa'i gorsaa turre,''
Rooba cimaa kanaan as magaalaa Finfinnee keessa lubbuun nama afurii darbeera,'' jedhan.
Lubbuun namoota afurii Finfinnee keessatti darbes halkan otoo rafanii lolaa cimaa mudateeni jedhan.
Dabalataan lolaan daandii konkolaataarra yaa'uunis sochii tiraafikaaf iddootti danqaa tahe jira jedhan Obbo Baqqalaan.
Finfinnee keessatti qabeenya irrattis manca'insi qaqqabuu himaniiru ogeessi kuni.
Obbo Baqqalaan uummanni raaga haal qilleensaa dhaabbanni isaanii karaa miidiyaalee adda addaa dabarsu akka hordofan gorsu.
Jiraattonni magaalaa bo'oo lolaa balfaan cufame keessaa yaasanii karaa lolaa banuu akka qabanis himaniiru. Kanneen naannoo lagaa jiraatanis of-eeggannoo akka godhan himaniiru.
Roobni cimaan kuni guyyoota kurnan dhufaniif akka itti fufus himaniiru. Haala kanaan, Oromiyaa keessatti,''Arsii Lixaa, Arsii, Borana, Boora Bahaa, Baalee, Baalee Bahaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa godinaalee Shawaafi Wallaggaa keessatti roobni cimaan akka jiraatu ragaa agarsiisa jedhan.
Kanaaf uummanni raagaafi ragaa dhaabbanni meetiroolojii kennu kana hordofuun of eeggannoo gochuu qaba jechuun himaniiru.