Jette jettee jijjiirama qilleensaan walqabatan gabaasa mirkaneessu

Marsaalee hawaasaa gubbaa waa’ee jijjiirama haala qilleensaa oduun sobaa hedduu ni tatamsa’a.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, kuni rakkoo guddaa fiduu mala. Maaliif jennaan, namoonni waan deddeemu yoo amanan, dhimma kana qolachuuf tarkaanfii fudhatamu ni laaffisa.

BBC’n yaadota dogongoraa onlaayinii irratti qoodaman shan akkanaan xiinxaleera.

Jette jettee: 'Jijjiiramni qilleensaa hinjiru, sobadha’

TikTok irratti viidiyoon Afaan Ispeeniin deddeemu, dogoggoraan jijjiiramni qilleensaa dhala namaan dhalatu hinjiru jedhu, namoota hedduun ilaalameera.

Maxxansaaleen marsaa hawaasaa akka kanaa hedduun afaanota akka akkaatiin maxxanfamaa oolu.

Haa tahu malee ragaan saayinsii gama kanaan jiru waan addaa hima. Erga 1800’ootaa as ho’i addunyaa jiddigaleessaan digrii 1.1n ol kaheera.

Saayintistoonni dabaluu kanaaf maddeen annisaa kanneen akka cilee fi boba’aa wajjin kallattiin walqabsiisu. Boba’aan kun wayita gubatan, gaazii faalan atimoosferatti gadhiisu.

Gaaziiwwan kanneen akka kaarban daayoksaayidii fi meteen kuni, annisaa atimoosferaa Dachee ukkaamsuun, ho’i akka dabalu godhu.

Kana malees, ho’i addunyaa rakkoowwan garagaraa fidaa jira: bishaan garba keessaa ho’aa jira, olka’insi bishaaniis dabalaa jira. Akkasumas lubbu-qabeeyyiin baduun, dhiyeessiin nyaataas dhiibbaa jala jira.

Ilaalcha dogoggoraa: 'Jijjiiramni qilleensaa ammaa kun kan uumamaati’

Maxxansi Afaan Faransaay armaan olii kun dogongoraan jijjiiramni haala qilleensaa adeemsa “uumamaati” jechuun, dhiibbaan dhala namaa bicuudha jedha.

Kanneen yaada kana oofan, seenaa dachee kanaa keessa qilleensi ho’aa fi qabbanaa inuma ture jechuun, dhibbaa dhalli namaa geessisu haalu.

Marsaan qilleensi jijjiiramu isaan baanan kun sirnaan galmaa’ee taa’ee jira. Haa tahu malee seenaa keessatti qilleensi kun kan jijjiiramaa ture, gara caalu adeemsa uumamaan ture.

Kana malees saffisni jijjiiramni kun itti galmaa’aa jiru ilaaluunis murteessaadha.

Dacheen keenya kun jijjiirama qilleensaa guddaa akka ammaa kanaa yeroo mudatutti, saffisa hanganaa hinqabu ture.

Gaafas adeemsa waggoota kuma hedduu keessa, digirii shan dabaluun ragaaleen ni mul’isu.

Jette jettee: 'Jijjiiramni qilleensaa rakkoo keenya miti’

Lammiin Naayijeeriyaa kun X, kan amma dura Twitter jedhamu, gubbaa ergaa maxxanseen, jijjiiramni qilleensaa rakkoo Afrikaa miti jedhe.

Marsaalee hawaasaarra lammileen biyyoota guddachaa jiranii ilaalcha akkasii wayita deemsisan mul’ata. Yeroo garii jijjiiramni qilleensaa “rakkoo Biyyoota Lixaati”, nuun hin ilaallatu fa’i jedhu.

Kaan ammoo, dhimmi kun “shira” biyyooti badhaadhan, kanneen guddachaa jiran irratti xaxanidha jedhu.

Biyyoonni guddatan kanneen akka US, UK, Chaayinaa fi biyyoonni Gamtaa Awurooppaa, haalli qilleensaa saffisaan jijjiiramuu keessatti guddoo gumaachaniiru.

Haa tahu malee haalli qilleensaa daangaa namni boceen hin daangeffamu. Dhiibbaan isaatis addunyaa mara waliin gaheera.

Keessattuu biyyoonni galii gadaanaa qaban, qophii barbaachisu taasisuu hanqachuun, dhiibbaa cimaatu irra gahaa jira.

"Jijjiiramni qilleensaa rakkoo addunyaa ta’us, dhiibbaa sadarkaa garagaraa qaqqabsiisa,” jedhan Farhaanaa Sultaanaa, Yunivarsiitii Siraakiyuus irraa.

"Biyyoota guddachaa jiranitti, hawaasa rakkoo kanaaf saaxilamoo tahan garmalee miidha. Hawaasni kunniin rakkinichaaf gumaachi isaan godhan xinnaa tahus.”

Jette jettee: 'Sirriin galaanaa olka’aa hinjiru’

Ergaan Afaan Porchugaaliin barreeffame kun, ho’i addunyaa dabaluus sirriin galaanaa "akkuma durii jira” jechuun dogoggoraan yaada dhiyeesse.

Yaadonni walfakkaatoo tahan hedduunis, suuraa qarqara galaanaatti kaafame dabaaluun maxxansu. Kanas hanga ijaan argamutti olka’insi bishaanii hin daballe kan jedhu agarsiisuuf itti fayyadamu.

Pilaaneetiin kun hanguma ho’aa deemutti, kuufamni cabbii ture baqaa jira. Kanaanis hangi bishaanii galaana keessa jiru akkaan dabala jechaadha.

Dabalataanis bishaan hanguma ho‘aa deemu gargar yaa’a. Ejensiin hawaa Ameerikaa Nasa akka jedhutti, bishaan galaanaa ho’a pilaaneetii kanaa keessaa %90 ofitti fudhateera. Kanaaf, hanguma tempireecharri dabalaa deemutti, bishaanis gargara yaa’a.

Waggoota 100 keessa, olka’insi bishaanii addunyaa kanaa mm160 hanga mm210 dabaluusaatu tilmaamama.

Saayintistoonni akka jedhanitti, tarkaanfiin saffisaa hin fudhatamu taanaan, dhuma bara 2100 keessa sirriin galaanaa meetira lamaan olka’a.

Kana jechuunis namoonni miiliyoonotaan lakka’amaniifi qarqara galaanaa jiraatan, bakki jireenyaa isaanii bishaaniin liqimfamuu mala.

Ilaalcha dogoggoraa: 'Jijjiiramni qilleensaa waan gaarii nuu fiduu danda’a'

Biyyoota qilleensa akkaan qorraa tahe keessa jiraniif, tarii ho’i dachee oduu dansaa fakkaachuu mala.

Facebook gubbaa lammiin Raashiyaa tokko, qilleensi ho’aa tahe waan gaarii jijjiiramni qilleensaa fidedha jechuun barreesse.

Kun garuu rakkoonsaa, bu’aaleen xixiqqoo jijjiirama qilleensaan dhufan akkanaa, dhiibbaa guddaa gama kanaan mudatuun walbira qabamee yoo ilaalamu daran bicuudha.

Akka tilmaama UN’tti, dhuma jaarraa kanatti jiddugalaan tempireecharri addunyaa kanaa digirii 1.5’n yoo dabale, addunyaa baasii doolaara tiriliyoona 54f saaxila.

Dhiibbaan jijjiirama kanaatis akka salphaatti kan ilaalamu miti.

Biyyoota Baha Jiddugaleessaatti lafi qonnaa gammoojjiitti geeddaramu. Biyyoonni odolaa Paasifik jidduu jiran, olka’insa bishaaniin liqimfamuun baduu malu. Biyyoonni Afrikaa ammoo hanqina nyaataa hamaaf saaxilamuu malu.

Ammoo biyyoota qorri itti hammaatu kanneen akka Raashiyaa keessa, gogiinsi dabaluurraa kan ka’e, ibiddi saafaa irra deddeebiin mudachaa jira.