Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imalaan osoo xiyyaarri bararuu balbala bane to'annoo jala oole
Imalaan daandii xiyyaaraa Ashiyaanaa [Asiana Airlines] xiyyaarri Kooriyaa Kibbaa keessa imalu osoo qubachuuf jedhuu balbala yeroo balaa tasa bane to'annoo jala oole.
Xiyyaarri kun imaltoota 194 qabatee kan imalaa ture yeroo ta'u, Kooriyaa Kibbaa buufata xiyyaaraa idila addunyaa Deeguu qubachuu dura balballi isaa tasa imalaa tokkoon baname.
Xiyyaarichi rakkoo malee qubachuu danda'us, imaltootni hedduun rakkoo hargansuu isaan mudateef gara hospitaalaa geeffamaniiru.
Maddi oduu Yonhap jedhamu imalaan ganna 30'oota keessa jiru battala xiyyaarichi qubate to'annoo jala oolfameera jedheera.
Xiyyaarri lakkoofsa balalii OZ8124 qabu kun odola Jeju jedhamtu irraa Jimaata ganama ka'e.
Viidiyoon imalaa tokkoon waraabamee miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodame, balballli yeroo balaa tasaa banamee qilleensi achiin galu imaltoota naannoo sana taa'anitti yoo bubbisu agarsiisa.
Xiyyaaricha keessa barattootni qophii ispoortii sanbataaf imalaa turan akka jiranillee miidiyaaleen biyyattii himaniiru.
Maatii ijoollee keessaa tokko miidiyaa Yonhap'f yaada kennaniin ''Ijoolleen kirkiraa, boohaafi sodaa jabaa keessa turan'' jedhan.
Daandiin qilleensaa Ashiyaanaa[Asiana Airlines] shakkamaa to'atame irratti qorannoon guutuun eegalamuu ibseera.