Haleellaa Hamaasiin booda US doonii waraanaashee gara Israa'el siqsite

Madda suuraa, PA MEDIA
Ameerikaan haleellaa Hamaas hordofuun doonii xiyyaarota waaranaa baatu, dooniiwwaniifi jeettii gara baha galaana Meeditiraaniyaaniitti siqsuun Israa'eliif ''meeshaa dabalataafi rasaasan kenna,'' jette.
Kunis haleellaa Hamaas kibba Israa'el irratti raawwate hordofuun ture.
Taatee sanaanis Pirezidanti Baayidan ''haleellaa kana dura argamee hin beekne, suukanneessaa'' jedhanii ture.
Akkasumas Ameerikaan lammiileen ishee kanneen ajjeefamaniifi butaman keessatti argamu gabaasa jedhu adda baasuuf hojjataa jiraachuu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Abtoonii Bilinkan himan.
Israa'eel namoonni 1,000 ol ajjeeffamuufi kaan 100 ta'an butamuu himtee jirti.
Gaazaa keessatti haleellaa haaloo ba'uu Israa'eel qilleensaan raawwatteen wal qabatee namoonni 400 ol ajjeefamuu qondaaltonni Filisxeem himan.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Li'oyiid Austiin, dooniin xiiyyaarota baattu USS Gerald R. Ford, misaa'eelli kiruuz fi meeshaaleen misaa'eel barbadeessan afur gara naannichaatti ergamee jira jedhan.
Jeettiiwwan waraanaa Ameerikaas ni ergamu jedhe.
Deeggarsi waraanaa kara biraas guyyoota itti aanan keessatti Israa'eliif kan ergaman ta'u Waayit Haawus beeksise.
Itti dabalunis diinonni Israa'el haala umametti akka hin fayyadamne Ameerikaan ni hojjatti jedhan.
Pirezidantiin Iraan Ebraahim Raa'isi haleellaa Hamaasiif deeggarsa qaban kan ibsan yoo ta'u, Israa'el naannicha miidhuu isheetiif itti gaafatamuu qabdi jedhan.

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haamaas gama isaatiin deeggarsa Iraan taasifteetiin karaa daangaa Israa'el cabsuun Suluula Gaazaa haalaa eegammaa ture keessatti rookkeettii, dirooniifi milishoota paaraashutiin cabsanii seenuu akka danda'an himan.
Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan, Iraan kallattiidhaan keessatti hirmaachuusheetiif ragaa hin agarree jechuun, garuu ammoo Iraan garee Gaazaa keessa waggootaaf deeggarti jedhan.
''Hamaas deeggarsa baroota dheeraaf Iraan irraa argattee malee Hamaas hin ta'u hin danda'u ture. Ta'us, haleellaa kana duuba kallatiidhaan jiraachu ykn himaachuusheetiif ragaan agarree hin jiru. Garuu deeggarsi ishee waggootaaf ifaadha,'' jechuun TV US'tti himan.
Walagahii Mana maree nagaa UN irratti, Iraan haleellaa Israa'eel kana keessatti hirmaachu haaluushee Rooyitarsi gabaaseera.
Aab Bilikan ammoo qondaaltoonni gabaasa lammiileen Ameeriikaa haleellaa kanaan danqaman qorataa jiraachu himan.
''Ameerikaanooti hedduun kanneen ajjeeffaman keessa jirachu gabaasni nu qaqabeera. Gabaasaalee kanneen mirkanneessuuf si'ominaan hojjataa jirra,'' jedhan wayita Dilbata kaleessaa TVtti dubbataniitti.
Biyyoona akka Faransaay, UK, Yukireen fi Taayilaandis lammiileensaanii ajjeefamu gabaasaniiru.
UStti Ambaasadarri Israa'el, Mikaa'eel Herzoog Madda oduu CBStti akka himaniitti, Ameerikaanoonni loltootaafi namoota nagaa kibba Israa'elitti butaman keessa jiraachuu quba qabna garuu odeeffannoo bal'aa hin qabnu jedhan.
Ameerikaan deeggarsa waaraanaa doolaara biilyoona baasuu Israa'el, biyya michuusheetiif waggaa waggaan ergiti. Erga Waraana Addunyaa Lammaaffaatii kaasee, Israa'eel biyya deeggarsa alaa Ameerikaa olaanaa argattu keessa tokko.
Manni Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii Niiyoorki Keessatti taa'amu wal dhabdee Israa'eeliifi Gaazaa kana irratti akka mari'atu eegama.












