Bulchiinsi bakkeewwan falmisiisoo naannoo Amaaraafi Tigraayitti ijaarame ni diigama-Ministeera Ittisaa

Doktar Abrahaam Balaay

Madda suuraa, Abreham Belay Facebook

Naannoo Amaaraafi Tigraay gidduutti bakkeewwan qaamolee lamaaniinuu gaaffiin abbummaa irratti ka'utti bulchiinsi amma jiru mootummaa Federaalatiin akka diigamu Ministerri Ittisaa Itoophiyaa beeksise.

Ministirichi Dooktar Abrahaam Balaay ayyaana Ashandaa irratti erga baga geessanii fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaa maxxansan keessatti iddoolee falmisiisoo daangaa naannoolee Amaaraa fi Tigraay kana ilaalchisee yaada maxxansaniin ejjennoo mootummaa Federaalaa ibsan.

''Naannolee kanatti haala amma dura ture fayyadamuun bulchiinsonni ijaaraman akka diigaman'' Ministirichi dubbataniiru.

Itti dabaluunis iddoowwan bulchiinsi isaanii diigamutti qaamolee nageenyaa federaalaa malee qaamni hidhate kan biroon akka hin jiraanne akka godhamus dubbatan.

Sirni Federaalizimii Itoophiyaa waggoota soddoma dura hundaa'uu isaan walqabatee iddoolee kan naannoo Amaaraatii jedhaman bulchiinsa Tigraay jala galaniiru yaada jedhuun waggootaaf gaaffiin dhiyaachaa ture.

Waggoota lamaan darban waraana Kaaba Itoopiyaatti gaggeeffameen walqabatee ammoo iddoowwan falmisiisoon kun harka hidhatttoota Amaaraa jala galaniiru.

Idoowwan Lixa Tigraay fi gama Amaaraan ammoo naannoo Walqaayiit Xagadee jedhaman naannoolee lamaan gidduutti madda falmiifi walitti bu'iinsaa ta'aniiru.

Karaa Bahaas naannoon Raayyaa bakka bulchiinsi naannolee lameenii anaaf mala jedhanii irratti falman yeroo ta'u, iddoon kunis amma humnoota Amaaraa jala jira.

Ministirri Ittisaa Dooktar Abrahaam yaada maxxansan keessatti naannoolee falmisiisoo kana maaqaa hin dhoofne.

Dimshaashumatti garuu naannolee erga waraanni Kaaba biyyattii eegalee booda bulchiinsi haaraan hidhattootaan hunda'e akka diigamu ministeera isaaniif ajajni kennamee irratti hojjechaa akka jiran beeksisan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Uummatni keenya rakkoo irra gaherraa haala hin bayyananne keessatti, gaaffileen isaa haala guutuun hin deebinetti, warri buqqa'an qe'eetti haala hin deebine keessatti...waliigalatti gaaffileen isaa atattamatti akka deebi'aniif haala gafaachaa jiru keessatti'' ayyaanni Ashandaa kun kabajamaas jedhaniiru.

Mootummaan Federaalaa gaaffii iddoowwan falmisiisoorratti ka'an seeraa fi heera bu'uura godhatee furmaata akka argatu'' waliigaltee Piriitooriyaarratti hundaa'ee hojjeechaa jira jedhan.

Doktar Abrahaam qabxiilee shan ifa ta'uu qabu jedhanii tarreessaniiru.

Iddoole falmsisiisoof furmaata kennuu, warra buqqa'an qe'ee isaaniitti deebisuu, bulchiinsa naannoolee falmisisiisootti ijaaramanii jiran diiguun uummatni qe'ee isaatti deebi'u bulchiinsa ofii akka ijaaru gochuu, humnoota federaalaa ala hidhataan akka hin jiraanne gochuu, uummatni qophii yoo ta'u riifarandamii gaggeessuufi seeraa ala qaamni ta'u yoo jiraate mootummaan seera akka kabachiisu kan jedhuudha.

Iddoolee daangaa naannoolee Amaaraafi Tigraay falmisiisoo ta'an irratti waggoota darban mootummaan naannolee lameeenii ijjennoo walirraa fagoo ta'e qabatanii turan.

Aanga'oonni Tigraay iddoowwan bulchiinsa isaanii jala jiraachuuf beekamtii heera mootummaa qaban haaldure tokko malee akka deebi'aniif ejjennoo isaanii ta'uu ibsaa turan.

Gama naannoo Amaaraatiinis akkasuma iddooleen seeraan ala humnaan naannoo Tigraay jalatti hammataman seeraan kan keenya jechuun haalli amma uumame akka hin jijjiiramne ejjennoo qaban ibsu.

Dhiyeenya kana ammoo dhimma bulchiinsa iddoowwan daangaa naannolee Amaaraafi Tigraay irratti riifarandamii gaggeessuuf yaadni akka jiru dhagahaamaa jira.

Yaadni amma Ministira Ittisaa biyyattii irraa dhimma kana irratti dhagaahame yeroo duraatiif dhimmicha irratti ejjennoo mootummaa federaalaa kan agarsiise yeroo ta'u, mootummaan naannoo Amaaraa garuu ammatti yaada kenne hin qabu.

Iddoowwan falmisiisoo keessaa tokko Walqaayit Xaqadee yeroo ta'u bara sirni federaalizimii kun ijaaramuu dura ture keessa kutaa biyyaa Gondar jedhamee beekama ture.

Erga bulchiinsi ADWUI aangoo qabatee ammoo naannoo Tigraayitti makame. Kunis naannoon Amaara komii hanga mana maree Federeeshiini gahe akka kaasu sababa ta'eera.

Waraana Kaaba Itoophiyaa booda ammoo humnoonni naannoo Amaaraa naannicha to'ataniiru.

Hidhattoota naannicha to'atan kan hoogganan koloneel Dammaqaa Zawdee dhimmi naannoo sanaa furmaata seeraa osoo hin taane fumaata siyaasaa barbaada jechuunBBC'tti himanii ture.