Mootummaan Itoophiyaa yaaddoo biyyoonni Lixaa hidhaa gaazexeessitootarratti ibsan busheesse

Maayikiifi miidiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Guyyaa walabummaa Pireesii Addunyaa ilaalchisuun dippilomaatikiin biyyoota 18 Finfinnee keessa jiran, Ameerikaafi biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa dabalatee ibsa waloo baasaniin, gaazexeessitoonni “osoo hojiisaanii hojjetanii karaa haqa hin taaneen hidhaman” akka gadhiifaman gaafatan.

Ibsa kana hordofee mootummaan Itoophiyaa ammoo Itoophiyaan michootasheefi qaamoleen dhimmi ilaallatu waliin hariiroo ijaaru akka qabdu eeruun, “ibsi waloon kun garuu hariiroo gam-lameef kan fayyadu miti, akkasumas biyyattii keessatti tarkaanfii olaantummaa seera kabachiisuu kan xiqqeessudha” jechuun fudhatama dhabsiiseera.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen, “[Imbaasiiwwan] biyya keessa jiran waliin hariiroon kana fakkaatu bu’aa qabeessa kan hin taaneefi hariiroo gam-lamee barame kan faallessudha” jechuun himeera.

Biyyoonni Lixaa waloon ibsa baasan May [Caamsaan] 3 guyyaa Walabummaa Pireesii Addunyaa ta’uu isaa yaadachuun, “barbaachisummaan walabummaa pireesii, akkasumas dhugaa gabaasuudhaaf osoo hin dadhabiin kan hojjetan sabaa-himaaleefi gaazexeessitootaaf eegumsa taasisuu barbaachisaa ta’uu isaa yaadachisa,” jedhan.

Itti-dabaluun yaada ofii ibsachuuniifi walabummaan pireesii kabajamuu kan qaban mirgoota namoomaati jedheera ibsi kun.

Haata’u malee, Itoophiyaatti, “gaazexeessitoonni hojiisaanii hojjechuu qofaan kan sodaachifaman, akkasumas haqa malee carraan ittiin hidhaman ni jira.

Guyyaa har’aa kanas dhimmicharratti waan jiru dubbachuufi akka gadhiifaman gaafachuun yaadanna,” jedheera.

“Guyyaa Walabummaa Pireesii Addunyaa yaadannee yeroo oollu kanatti gaazexeessitoonni bilisummaan sodaa nan himatamaa tokko malee addunyaa keessatti gabaasan uumuuf hojjechuudhaaf [waadaa galuudhaanidha].

CPJn odeeffannoo dhiyoo kana baaseen biyyoota Afrikaa Saaraa gadi jiran keessaa Itoophiyaan, Ertiraafi Masiriitti aantee gaazexeessitoota hidhuutiin tarree biyyoota dursaa jiran keessatti ishee ramadeera.

Reporters Without Boarders (RSF) gamasaatiin, Itoophiyaatti hanga ammaatti gaazexeessitoonni 15 hidhamuusaanii galmeessuu eeruun, biyyoota 180 keessaa sadarkaa 141ffaarra kaa’eera.

Dhaabbatichi waggoota lamaan darban bara 2023, 131ffaa, akkasumas bara 2022 114ffaa gochuun kan ramade yoo ta’u, ramaddiin sadarkaa baranaa kun biyyattii keessatti walabummaan pireesii kufaa deemuusaa agarsiisa.

Ibsa biyyoonni Lixaa 18 waliin ta’uun baasan kana keessatti Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa, Yunaayitd Kingodam, Jarmanii, Ostiriyaa, Finlaand, Cheek Rippabiliik, Denmaark, Beeljiyeem, Noorwey, Ayerlaand, Niwuziilaand, Awustiraaliyaa, Ispeen, Neezerlaandis, Siwiidin ni argamu.