Israa'el daa'ima ol adeemaa haala sukaneessan ajjeesuusheef 'yakka waraanan' himatamte

Daa'ima waggaa 8 rasaasa loltoota Israa'eliin itti dhukaafamee ajjeefame

Taaten kun kan raawwate bara darbe Weest Baankitti ture, garuu akkaatan itti ajjeechan raawwate fokkisaadha.

Bara darbe gaafa Sadaasa 29, 2023 ijoollen ol-adeemon Filisxeem bakka itti wal-gahanii taphatan dhaquuf wal-qabatanii karaarra osoo deemanii ijoollen dhiiraa lama dhukaasa loltoonni Israa'el irratti bananiin karaarratti kukkufan. Ijoolleen kunneen lamaan taphatanii hin quufne.

Tokko Baasil ol adeemaa ganna 15 yoo ta’u, inni kaan ammoo kan umuriin ganna saddeetii Adam jedhamudha.

Bakka jaarraa walakkaa oliif Israa'el jala jirtu Weest Baank keessatti guyyaa ijoolleen lamaan itti ajjeefaman sana maaltu akka ta'eefi akkamitti ajjeechaan sun akka raawwate BBCn qorannoo gadi fagoo gaggeesseera.

Suurawwaniifi viidiyoon karaa bilbilaafi kaameeraa CCTV waraabame akkasumas ragaan namoota ijaan argan irraa sassaabame Israa'el sarbama mirga dhala namaa cimaa raawwachuushee akeeka.

Ragaan BBCn argate kan kanaan dura raapportarri mirga namoomafi farra shororkeessummaa UN, Been Saawul duuti Adam "yakka waraanaa" ta'uunsaa waan hin oolledha jedheen kan wal-fakkaatudha.

Humni Waraana Israa'el gamasaan, haalli ajjeechan sun itti raawwate "qoratamaa jira" jechuun "kallattiin dhukaasa fayyadamuun yaaddoo amansiisaa namatti dhufe ofirraa qolachuuf ykn filannoowwan biroo erga hojiirra oolchanii bu'aan dhabamee booda nama to'annoo jala oolchufi" jedhe.

Keessumaa erga Hamaasifi Israa'el giduutti lolli eegalee Weest Baank keessatti haleellaan dabalaa dhufuurraa kan ka'e, lammiileen Filisxeem meeshadhaan sodaachifamuun Weest Baank keessaa bahuun gara Yordaanos akka dhaqan akkasumas reeffi hidhataa Filisxeem mummuramuunsaa (mummuramuu akka hin oolle) BBCn ragaa argateera.

Gaafa ijoollen Filisxeem lama ajjeefaman sana, loltoonni Israa'el konkolaataa waraanaa jahaan dhufanii meetira dhibba wayii fagaatanii konkolaataa dhaabuun gara ijoolletti qajeelan. Ijoollonni hedduunis kana arganii jalaa dheessan.

Viidiyoo mobaayiliin waraabamerraa akkka mul'atutti, konkolaataa waraanaa dhabbate baname. Yeroo kana Baasil daandii walakkatti bahuu sardamee dheessuu eegale. Adam ammoo loltuu Israa'el irraa fageenya meetira 12 kan hin caalle fagaatee jira. Innis dheessuu eegale. Loltuun konkolaataa keessa jiru ijoollee fuulafi fuulan arga.

Gidduudhuma kanatti sagaleen dhukaasaa si'a 11 dhagahame.

Baasil (bitaarraan)
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ragaan meedikaalaa BBCn argate akka agarsiisutti Baasil rasaasa lamaan laphee keessa rukutame.

Adam [daa'imni ganna 8] osoo fiiduu rasaasni duuban mataa keessa rukute. Obboleessi isaa Bahaan isa baraaruf harkisus lubbuusaa oolchuu hin dandeenye.

Obboleessisaa Adamifi hiriyaansaa Bahaan ijasaa duratti battala akka du'an hima Bahaan.

Osoo rasaasaan hin rukutamiin dura Baasil harkaasatti waa qabatee akka jiru viidiyoorraa ni mul'ata. Garuu maal harkatti qabatee akka ture ifa miti. Humni Waraana Israa'el Baasil dhukaatuu harkatti baatee ture jechuun suura bakkichaa gadi dhiisee ture.

Ragaa bakkichaa argate BBCn ogeeyyii loogii hin qabne garaa garaa, qorattoota yakka waraanaafi farra shororkeessummaa, akkasumas ogeeyyii UNfi qaamolee biroo walaba ta'aniif qoodeera. Kaansaanii xinxaala dhoksaan kennaniiru.

Raapportarii mirgoota namoomaafi farra shororkeessummaa UN kan ta'e Been Saawul Adam ilaalchisee, osoodhuma waan dhuka'u qabatee jiraateyyuu kallattiin itti dhukaasun Seera Namoomaa Idil-addunyaa cabsuu akka ta'e amana.

Yuunivarsiitii Biristolitti daayirektara waloo Giddu Gala Seera Idil-addunyaa kan ta'e Dr. Laawuransi Hiil-Kaawusiroon akkas jedha: "Loltoonni sun konkolaataa sibiila uffate keessa turan. Osoodhuma yaaddon jiraateyyuu, dhukaasa kallattiifi humna wal-hin madaalle kan seera idil-addunyaa cabsu dalaguurra, irraa siqanii akkaataa itti to'annoo jala oolchan karoorsuu qabu."

Humni Waraana Israa'el gamasaan, ijoollen shakkaman ‘fanjii’ (dhukaatuu) gara loltootasaatti darbachuuf turan jechuun kanneen kana keessatti hirmaatan adda baasuun itti dhukaasuu beeksise.

Garuu viidiyoofi namoota ijaan arganirraa ragaan argame kan agarsiisu Adam waan nama miidhu homaa akka harkaa hin qabneefi harka duwwaa osoo fiiguu duuban mataa keessa akka rukutamedha.

Loltoonni Israa'el heddu soorama bahan, viidiyoo BBCn itti agarsiise erga ilaalanii booda, loltoonni guyyaa sana dhukaasanii ijoollee lamaan ajjeesan dhuguma yaaddoo negeenyaa qabataaniis haa ta'uu dogoggoraan yoo raawwatan seerri biyyatti akka isaan ittisu BBCtti himan.

Ol adeemaa

Adam taphachaa ture, yeroo loltoota argetti baqachuuf yaale, bataluma sanatti rasaasa loltoota Israa’eliin duubaan rukutame.

Humni ittisaa Israa’el dhimmicha qorachaan jira jedha.

Haata’u malee, BBCn ragaa kana kan itti agarsiise hojjetaan duraanii humna ittisaa Israa’el akka jedhutti, seerri Israa’el loltoota yakka kana raawwatan itti gaafatamtoota hin taasisu.

Akka odeeffannoo dhaabbata mirga namoomaa Israa’el Yeesh Diin jedhamurraa argamtettis yakkawwan akka kanaa loltoota Israa’eliin raawwataman keessaa harka tokko kan ta’anillee himanni irratti hin banamu.

Akka UNICEF jedhetti bara 2023 qofa Weest Baank keessatti daa’imman 124 ajjeefamaniiru. Isaan keessaa 85 kan ajjeefaman haleellaa Hamaas hordofee tarkaanfii haaloo ba’uu Israa’el fudhatteenidha.

Bara 2024 keessa ammoo bulchiinsawwan Filisxeem Israa’el humnaan qabatte keessatti daa’imman 36 ajjeefamaniiru.

Akka seera addunyaatti Weest Baank qaxanaa waraanaa waan hin taaneef seerri loltoonni ittiin bulanis hanguma sana kan daangeffame ta’uu qaba.

Loltoonni rasaasa osoo hin dhukaasiin dura wanti lubbuu isaaniif balaa ta’u itti fakkaate yeroo isaan mudatutti maal gochuu akka qaban loltuun duraanii Israa’el BBCtti himeera.

Jalqaba afaan Arabaatiin ykn afaan Hibiruutiin jechaan akeekkachiisa kenna, shakkamaan kanaaf hin ajajamu jennaan gaazii imimmaanessu fayyadama, kanaanis hin deebiyu taanaan sodaachisaa ta’ee yoo argame miilatti dhukaasee akka madeessu gorfama.

Kallattiin ajjeesuuf dhukaasuun dura adeemsawwan kunneen jiraachuu qabu.

Gamoo haleellaan manca'e

Ministeerri Fayyaa FIlisxeem BBCn sanada fayyaa daa’imman Weest Baank keessatti ajjeefamanii akka ilaaluuf hayyama addaa kenneefiif arguu danda’eera.

Sanadoonni kunneen daa’imman 112 ajjeefamuu isaanii agarsiisu. Umuriin isaanii ammoo wagga 2 hanga 17 ta’a.

Hundi isaanii kan ajjeefaman ammoo rasaasa loltoota Israa’eliin itti dhukaafameenidha. Kunis Amajji bara 2023 hanga Amajji bara 2024ttidha.

BBCn ijoolleen kunneen haala itti ajjeefaman isa sirrii isaa mirkaneeffachuu hin dandeenye. Tarii tokko tokko lubbuu loltoota Israa’el yaaddoo keessa galchanii ta’uus danda’a.

Haata’u malee, akka ragaan wallaansa isaanii ibsutti, daa’immaan kunneen harka dhibba keessaa 98 rasaasaan kan rukkutaman mudhii olittidha.

Kana jechuun ammoo loltoonni ijoollee kana akeekkachiisuuf osoo hin taane ajjeesuuf jedhanii akka dhukaasan agarsiiftuu ta’uu danda’a.

Loltuu

BBCn turtii qorannoo ji'a shaniif Weest Baank keessa taasiseen, ragaalee baayyee loltoota Israa’el gaaffii keessa galchan argachuu danda’eera.

Fakkeenyaaf, BBCn oppereeshinii waraanaa kaampii baqattootaa Tukaariim keessatti gaggeeffame sa’aatii 45 fudhate argeera.

Filisxeemonni baayyeen BBCtti akka himanitti, oppereeshinii kanaan booda meeshaan adda isaaniirratti itti qabamee akka gara Yordaanositti baqatan itti himameera.

Humni waraanaa Israa’el ammoo dhimmicha nan qoradha jedheera.

Daa’imni wagga 12 Hayitaam jedhamu, kan lammummaan isaa Kanaadaa-Filisxeem ta’e, loltoonni Israa’el billaa gara morma isaatti butanii akka isa doorsisan BBCtti himeera.

BBCn taateen kun dhugaa ta’uu obboleessaafi abbaasaarraa mirkaneeffachuu danda’eera.

Keenyan halluu diimaan irratti barreeffame

Doktar Iraan Daayimand Yerusaalemitti hojjetaa Wiirtuu eegumsa mirga namaa idil-addunyaa Diyaakooniyaati.

Gochawwan loltoota Israa’eliin buufata baqattootaa Tulkaarim keessatti raawwataman seera idil-addunyaa kan cabsanidha jedha.

Kunis daa’imman billaatiin doorsisuu dbalata.

Oppereeshinii loltummaa kaampii baqattootaa kana keessatti taasifame biraatiin, loltoonni Israa’el dargaggeessa loltuu Filisxeemidha jedhame tokko erga ajjeesanii booda reeffa isaarratti fincaa’aa turan. Daandiirras harkisaa turan.

BBCn kana warra ijaan arganirraa dhaga’eera.

BBCn funyoo (haada) reeffi kun ittiin hidhame, akkasumas uffata dhiigni isaa irratti dhangala’e argeera.

BBCn dhimma kanarratti Pirofeesar Maakiroo Saasolii dubbiseera. Yunivarsiitii Jenevaatti qorataa seerota idil-addunyaati.

“Karaa seeraatiiniyyu ajjeefameera taanaan reeffi kabaja qaba. Wanti raawwatame seera idil-addunyaa kan cabsuufi tarii ammoo yakka waraanaa kan jedhamudha,” jedhe.

Humni ittisaa Israa’el akka jedhetti, namni sun ‘fanjii’ (dhootuu) qabatee waan tureef loltoonni of eeggannoo ofiisaaniif jecha ture kan korokodanii hidhan.

Ragaa BBCn walitti qabe kan ilaalan loltuun duraanii Israa’el, “Gochawwan seeraan alaa IDF Weest Baank keessatti raawwate tarii humni loltuu Filisxeem hidhate biroon akka dhalatuuf sababa ta’uu danda’a.

“Filisxeemonni kanaan booda akka kanaan duraatti loltoota Israa’el waliin hariiroon qabaatan fayyaalessa ta’a jedhanii yaaduun gowwummaa ykn wallaalummaa ta’a,” jedha BBCn kan dubbise miseensi duraanii humna ittisaa Israa’el.

“Wantonni jiran ammoo daran hammaachaa jiru.”