Sanada Jibuutii fi Somaalilaand eeruun Tiraampiif dhiyaate

Doonaald Tiraamp aangoo qabachuu hordofuun, bulchiinsi isaanii imaammata hordofuu qaba jedhanii warreen imaammata siyaasaa 'natu siif beeka' jedhu hordofaan wixinee 'Pirojektii 2025' jedhamu qopheessan.

Wixineen sanada kanaa fuula dhibba sagal qaba.

Aangoo pirezidantichaa guddisuun, warreen siyaasa 'konsarvaatiiv' jedhamu hordofan leellisa.

Tiraamp yeroo duula filannoo isaaniitti Pirojektii 2025 irra deddeebiin kan didan yoo ta'u, sanadni kun yaada fiixee tokko leellisu qaba jedhamee qeeqama.

Haa ta'u malee, warri sanada' Pirojektii 2025' barreessan hedduun isaanii bulchiinsa Tiraamp keessatti bakka ijootti muudaman.

Kana malees, ajajni pirezidant Tiraamp baasan wixinee sanadicha waan hordofe fakkaata.

Mul'anni Pirojektii 2025, kan Tiraamp waggoota afran dhufan akkamitti biyyattii bulchuu akka danda'an agarsiisuu danda'u agarsiisu kunooti:

Pirojektiin 2025 akkamitti karoorfame?

'Project 2025' kan wixineen isaa dhaabbata Heritage Foundation jedhamuun kan qophaa'e yoo ta'u, dhaabbata warreen siyaasa konzarvaatiiv jedhamu hordofan 100 ol hirmaachise.

Inistiitiyuutichi yeroo jalqabaaf wixinee imaammataa bulchiinsa Rippabilikaanota bara 1981tti qopheesse.

Barri kun yeroo Roonaald Reegan pirezidantii ta'uun aangoo qabatani.

Filannoo pirezidantummaa sana booda gaggeeffamaniirratti sanadoota walfakkaatan qopheesse.

Bara 2016 Tiraamp jalqaba wayita filannoo injifate sanada qopheesse.

Kaadhimamaa Paartii Rippabilikaan pirezidantii ta'uun aangootti yeroo qabatu dhiibbaan dhaabbatichaa cimaadha.

Inistiitiyuutichi wixinee dhiyeesse harka sadii keessaa Tiraamp harka lama bara bulchiinsa isaanii marsaa duraatti hojiirra oolchuu beeksise ture.

Dhaabbatichi bara 2023tti imaammata bara pirezidantii ammaa kanaaf baase ifoomse, garuu xiyyeeffannoo guddaa hin arganne.

Garuu duula filannoo Ameerikaa hordofuun Pirojektiin 2025 falmisiisaa ta'e.

Dimookiraatonni Pirojektii 2025 dhaabuuf garee hojii hundeessuun alatti, waa'ee sochii Faawundeeshinii odeeffannoo keessoo sassaabuuf lakkoofsa bilbilaa eeruun ittiin kennamu qopheessanii turan.

Gareen duula filannoo Kaamalaa Haaris yeroo baayyee waa'ee Pirojektii 2025 kaasaa turan.

Tiraamp sanada kana Adoolessa 2024 booda xiyyeeffannoo itti kennuu dhiisaa adeeeman.

Tiraamp ''waa'ee Pirojektii 2025 homaa hin beeku,'' jechuun miidiyaa hawaasaa ofirratti barreessan.

"Wanta isaan dubbatan tokko tokko irratti walii hin galu. Wantoonni isaan dubbatan kaan nama rifachiisu fi jibbisiisaadha," jedhan.

Namoonni Pirojektii 2025 wixineessan hedduun bara bulchiinsa Tiraamp duraanii gorsitoota turan.

Isaan keessaa Pool Daans kan itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsa Hojjetootaa turan.

Boodarra Pool Pirojektii 2015 akka dhiise gabaafame.

Garuu barreessitoonni Pirojektii 2025 gariin bulchiinsa Tiraamp haaraatiin simamatamaniiru.

Raasil Vaat, namni Kiristaanaaf akka falman himan, sanada kana keessatti boqonnaa ijoo tokko barreessa.

Amma Waajjira Daarektara Baajataa, kan baajata federaalaa doolaara tiriliyoona 6.75 bulchu akka hoogganan Seenetiin mirkanaa'eera.

Qindeessitootni Pirojektii 2025 biroo kanneen gitoota hojii mootummaaf kaadhimaman keessaa Daarektarri CIA Joon Raatkiliif fi Bireendaan Kaar, kan Komishinii Komunikeeshinii Federaalaa akka hoogganu muudame.

Dabalataanis, Toom Hamaan, Pool Atkins, Piitar Naavaaroo warreen muudamaaf dhiyaatan.

Dhaabbanni Heritage Foundation dhaabbileen konsarvaatiivii 100 ol ta'an sanada kanaaf gumaachu beeksiseera.

Sanadni kun kaayyoowwan ijoo imaammatichaa afur kaa'a. Maatii akka wiirtuu hawaasa Ameerikaatti deebisuu, bulchiinsa naannoo diiguun, abbaa biyyummaa fi daangaa biyyattii eeguu, mirga dhuunfaa bilisummaan jiraachuu kabajuu dabalata.

Yaadonni wixine sanadichiarratti ibsaman ajaja pirezidantummaa Tiraampiif bu'uura ta'uutu eerame.

Caasaa mootummaa

Pirojektiin 2025 waajjiraalee walabaa kanneen akka Ministeera Haqaa dabalatee waajjiraalee federaalaa hunda kallattiin to'annoo pirezidantichaa jala akka seenu yaada dhiheessa.

Pirezidantichi imaammata damee adda addaa irratti kallattiin hojiirra oolchuu fi adeemsa murtee kennuu sirreessuuf gargaara. Akkasumas hojjettoota mootummaa kumaatamaan lakkaa'amaniif eegumsi hojirratti laatameef akka haqamu yaada dhiyeessa.

Sana booda muudamtoota siyaasaatiin bakka bu'uu danda'u.

Donaald Tiraamp yeroo dhiyootti hojjettoota mootummaa federaalaa aangoo gadhiisuuf walii galan hundaaf mindaa ji'a saddeeti akka kennu dubbachuu isaanii ni yaadatama.

Tiraamp murtee kana kan dabarsan hojjattoota mootummaa federaalaa hir'isuuf yaadaniti.

Biiroon Qorannoo Federaalaa (FBI) wixinee sanada qaama qopheesseen ''qaama seeraan alaa fi of tuulaa'' jechuun waama.

Biiroo dhaabbatichaa dabalatee manneen Ministeera Barnootaa guutummaatti akka dhabamsiisan gaafatee jira.

Tiraamp aangootti erga dhufanii yeroo muraasa booda eegumsa hojii hojjettoota mootummaa dhabamsiisuu fi baasii federaalaa xiqqqeessuuf yaalan.

Biiliyeenarri Iloon Mask bulchiinsa haaraa Pirezidanti Tiraampiin hoogganuudhaaf erga muudamanii as waajjiraaleen federaalaa Ameerikaa hedduun muddama keessa seenaa jiru.

Waajjirri Iloon hoogganu 'Dodge' jedhamu, baasii mootummaa hir'isuu fi karaa hojii isaanii sirreessuu danda'an barbaaduu keessatti gahee qabaata jedhamee eegama.

Ulfa baasuu fi maatii

Pirojektiin 2025 sanada isaa keessatti ulfa baasuu si'a 200tti dhiyaatu eere. Isaan kun dhimmoota falmisiisaa hedduu kaasu.

Sanadni kun kallattiin akka biyyaatti ulfa baasuun akka dhaabatu hin gaafatu.

Tiraampis seera akkanaa akka hin mallatteessine ibsa.

Haa ta'u malee, dawaan ulfa baasuu 'mifepristone' jedhamu gabaarraa akka dhorkamu ifatti gaafate.

Sanadni kun ulfa baasuu irratti odeeffannoo haaraa walitti qabuu yaada dhiheessa.

Tiraamp gama biraatiin seerri ulfa baasuu baayyinaan kutaalee bulchiinsa Ameerikaaaf dhiifamuu qaba jedhee ture.

Haa ta'u malee, Ministirri Fayyaa Roobart Keeneedii Juuniyer, nageenyummmaan dawaa mifepristone akka qoratamu Tiraamp ajajuu himan.

Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu baajatni federaalaa ulfa baasuuf akka hinhin oolle dhorku jajan, kunis Pirojektii 2025 keessatti eerame.

Godaansa

Yeroo jalqabaa Tiraamp aangoo qabatanitti dallaa guddaa daangaa Ameerikaa fi Meeksikoorratti ijaaruuf maallaqa guddaa ramaduun ni yaadatama.

Kunis sanada Pirojektii 2025 irratti caqafame. Garuu Tiraamp irra deddeebiin waamicha godaantota waraqaa eenyummaa hin qabne miliyoonaan lakkaa'aman biyyaa baasuuf dhiyeessan sanada kanarratti hin hammatamne.

Kutaa nageenya biyya keessaa jedhamu kan immigireeshiniin wal qabatu diigamuun, qaamni daangaa biyyattii kabachiisu akka cimu gaafata.

Sanadichi namoota saba]ba yakkaatiin miidhamanii fi namoota seeran ala daddabarsaniin mniidhaman viizaa dowwachu fi kaffaltii viizaa baqattootaaf dabaluus ni dabalata.

Daldala

Sanadichi taarifadaldalarratti dhimmoota wal morkan lama kaa'a. Tokko daldala bilisaa babal'isuu, inni kaan immoo taarifa kaa'uudha.

Tiraamp Kanaadaa, Meeksikoo fi Chaayinaa irratti taarifa kaa'uudhaan imaammata akkamii akka hordofan agarsiisaniiru.

Barnootaa fi Heddumina

Tiraamp erga aangoo qabatanii as sagantaalee loogii seenaa keessatti turan sirreessuuf, walqixxummaa fi hunda hammachuu furuuf qophaa'an diigan. Waajjiraaleen mootummaas saala lama qofaaf beekamtii akka kennan murteessan.

Kun gocha Tiraamp sanada Pirojektii 2025 keessatti eeramaniin kan walsima.

Sanadichi manneen barnootaa amantii fi dhuunfaa deeggaru eera.

Ajajni pirezidantummaa Tiraamp baasan kana deeggara.

Wanti biraa Tiraamp deeggaru fi sanada kana keessatti hammatame Ministeera Barnootaa hambisuudha.

Pirojektii 2025 wixineessaa qophessuuf baajatni doolaara miiliyoona 22 baaheera.

Baajata kana keessattis mala imaammattoonni ittiin hojiirra oolan eerameera. Fakkeenyaaf, bakka hojii mootummaa ijoo muuduuf kuusaa ragaa namoota siyaasaa amanamoo konsarvaatiivii uumuu, akkasumas sagantaa leenjii hojjettoota haaraaf kennuu of keessatti qabata.

Sanadni kun biyyoota Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii lama, Somaalilaandii fi Jibuutii qofa eere. "Somaalilaandiin akka biyyaatti beekamtii kennuudhaan dhiibbaa Ameerikaan Jibuutii keessatti qabdu gadi bu'aa jiru qolachuu barbaachisa" jedha.

Barreeffama fuula 900 qabu kana keessatti kutaan waa'ee Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii fuula lamaa gadi ta'uunisaa, ardii kanaaf xiyyeeffannoon laatame xiqqaa ta'uu akeeka jedhame.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.