Raashiyaan Yukireen erga weerarte gurgurtaa boba’aarraa $ biiliyoona 100tti dhiyaatu argatte

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan guyyoota 100 jalqaba Yuukireen weerartetti gaazii fi boba’a gara biyyoota alaatti erguun galii $ biiliyoona 100tti dhiyaatu argatte jedha gabaasni bahe.
Biyyoonni hedduun boba’aa biyyattii erga lagatanii bood galiin biyyattii boba’arraa argattu ji’a Bitootessaarraa kaasee hir’ateera.
Haa ta’u malee, galiin biyyattii ammas olaanaa ta’uu isaa dhaabbannii qorannoo annisaa fi qilleensaa qulqulluurratti gaggeessu Centre For Research on Energy and Clean Air (CREA) beeksiseera.
Dhaabbatichi boba’aa Raashiyaarraa galchuu seerri ittiin to’atamu gahaan akka hin jirre akeekkachiseera.
Biyyoonni Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaa fi UK’n biyyoota boba’aa Raashiyaarraa galchan xiqqeessuuf waadaa seenan keessatti argamu.
Gabaasni dhaabbata CREA jedhamuu akka jedhutti, Raashiyaan guyyootan 100 jalqaba weerara Yukireen irratti bantetti $ biliyoona 97boba’a biyyoota alaatti gurgurterraa argatteetti.
Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa boba’aa %61 bituurratti qooda qabu, kunis $ biliyoona 59tti dhiyaatu ta’a.
Akka waliigalaatti yoo ilaalame garuu al-ergiin boba’aa fi zayitii Raashiyaa gadi hir’ateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mooskoon galii gurgurtaa anniisaarraa ji’a Bitootessaa guyyaatti $ biliyoona tokko argattuurraa gadi hir’ateera.
Haata’u malee, galiin biyyattiin argatte ammas baasii waraana guyyoota 100 keessatti bahee ni caala. Dhaabbanni CREA akka jedhutti, weerara kanarratti guyyaa guyyaan $ miliyoona 800 fi miliyoona 76tti dhiyaatu baasti.
Gamtaan Awurooppaa xumura bara 2022tti zayita boba’aa karaa galanaan biyyasaanii seenu ugguruuf karoorse, kunis boba’aa Raashiyaarraa galfamu harka sadii keessaa lamaan hir’isa.
Bitootessa keessa Gamtichi gaazii Raashiyaarraa galfamu wagga tokko keessatti harka sadii keessaa lamaan hir’isuuf akka hojjatu beeksise.
Taatullee gamtichi guutummatti boba’a Raashiyaa ugguruurratti waliif hin galle.
Kun haala Kanaan otoo jiruu Ameerikaan zayita boba’aa, gaazii fi cilee Raashiyaa guutummaatti Ameerikaa akka hin seenne uggurteetti. UK’n boba’a Raashiyaarraa galchuun xumura bara kanaatti golabamuuf jira.
CREA’n gaaasni baase akka agarsiisutti Gamtaan Awurooppaa boba’a Raashiyaarra qoqqobbii kaa’uuf karoorsuun dhiibbaa guddaa qabaata.
Taatullee dikiti boba’aa Raashiyaa harka caalaan gara Indiyaatti geeffamaa jira. Kunis qooda al-ergii dikita boba’a Raashiyaa weerara Yukireen dura %1 ture ji’a Caamsaa keessa %18tti guddise.
Qoqqobbiin taankaroota dikita boba’a Raashiyaarra kaa’amu hamma gurgurta boba’a biyyattii daangessuuf akka gargaaru dhaabbatichi ibseera.
Gbaasichi akka ibsutti Raashiyaan zayita boba’aa karaa doonii geejjibamuuf gabaa haaraa barbaadaa jirti. Dooniwwan kunneen harka caalan kan dhaabbilee Ameerikaa fi Awurooppaati.
Biyyoonni akka Inidyaa, Firaansi UAE fi Sa’ud Arabiyaan fa’aan boba’a Raashiyaarraa bitan dabalaniiru jedha gabaasichi.












