Liillii Yohaannis: Taphatuu umurii waggaa 16 garee biyyaalessaa US keessatti milkaa'aa jirtu

Liillii Yohaannis

Madda suuraa, Getty Images

Shamarree umuriinshee reefuu waggaa 16 taate tapha michummaa gareen US Kooriyaa Kibbaa 3-0tiin mo’atterratti yeroo jaqabaaf hiriiruun goolii lakkoofsiste.

Daqiiqaa 72 irratti jijjiiramtee seenuun daqiiqaa sagal booda guyyaa jalqabaa garee biyyaalessaa USf hiriirterratti goolii galchuun taphattuu umurii xiqqaadhaan goolii lakkoofsifte sadaffaa ta’uun seenaarratti galmofteetti.

“Dhugaa dubachuuf, hawwiikooti dhugoome,” jette Liillii Yohaannis yaada ABCf kenniterratti.

“Tapha kana dursee si’a baayyee sammuu kiyya keessatti tapha kana fakkaatu taphadhee lakkoofsiseera,” jette.

“Shamarree umuriinshee waggaa 16 hin fakkaattu,” jette leenjistuu Emmaa Hayes, taphichaan booda yaada kenniteen.

“Waa’eeshee maal akkan yaadu ni beekti. Anis ishee dhiibeenuman akka isheen garee kanatti makamtun godhe.”

Leenjistuu garee dubartootaa Chelsii kan turte Emmaa Hayes, turtii wagga 12 booda Caamsaa darbe kana ture gara garee biyyaalessaa US kan dhufte.

Akkuma dhuftee taphoota lama taphatteen lachanuu mo’atteetti.

Liillii Yohaannis eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Liillii Yohaannis Waxabajji 12 bara 2007 Ameerikaa, Ispriingfiild-Virjiiniyaatti dhalatte. Torban har’aa guyyaa dhalootashee waggaa 17ffaa kabajji jechuudha.

Hiddi dhalootashee karaa haadhaan Ertiraa-Ameerikaa, karaa abbaas Ertiraa-Ameerikaa kan ta’e garuu Itoophiyaatti kan dhalaterraati.

Lilliin Ameerikaatti dhalattee umuriinshee waggaa 10 yeroo guutetti maatiishee waliin gara Neezerlaandis deemte.

Neezerlaandisitti ammoo yeroo umuriinshee waggaa 15 guute kilaba Neezerlaandis(daach) Ayaaks jedhamuuf sarara gidduurra taphachuu eegalte.

Umurii waggaa 15 irratti Ayaaksiif mallatteessitee Shaampiyoons Liigii UEFA Dubartootaa keessa umurii xiqqaatiin taphachuunis taphattuu jalqabaa jedhamteetti.

Liillii Yohaannis garee biyyaalessaa Yunaayitid Isteet waggaa 1 gadiif umuriishee waggaa 15tti taphachuu jalqabde.

Mudde bara 2023 ammoo garee biyyaalessaa Daach waggaa 19 gadi jiran waliin leenjiif kaampii galtee turte.

Haata’u malee, Neezerlaandisirra USf taphachuu filachuun Bitootessa 2024 yeroo umuriinshee waggaa 16 guutetti garee biyyaalessaa US irraa waamicha isheef taasifame fudhachuun taphattuu umurii xiqqaatiin garee biyyaalessaatti makamte taateetti.