Laayibeeriyaan hojjettoota mootummaa qabdu keessaa 40,000 seeraan ala ta'uu adda baaste

Mootummaan Laayibeeriyaa hojjettoonni mootummaa kuma 40 caalan seeraan ala ta'an sirna mootummaa keessa jiraachuu adda baafachuu ibse.

Daayirektarri Waliigalaa Ejansii Siivil Sarvisii biyyattii Joosihaa Jooyeekaay, odeeffannoon waa'ee hojjettoota kunneenii bal'inaan ibsu dogoggoraan siistama keessa seeneera, yookiin ammoo gonkumaa hin seenne jechuun BBCtti himan.

Akka qondaalli mootummaa Laayibeeriyaa kun jedhanitti hojjettoonni hedduun wayita qacaraman ''Odeeffannoon yoom akka eegalan fi yoom akka xumuran ibsu- Personnel Action Notice (Pan)'' homaa hin jiru.

Biyyattii keessatti siivil sarvaantiin kamiyyuu adeemsa Pan keessa darbuun dirqama.

Laayibeeriyaan hojjettoota mootummaa (civil servants) kuma 70 kan qabdu yogguu ta'u, kanneen keessaa yeroo ammaa dhibbeentaa 50 kan caalan seeraan ala ta'uun barameera.

Sababni isaas adeemsa Pan keessa hin darbine waan ta'eef.

Aab Jooyekeey akka jedhanitti adeemsi Pan kun namni tokko madaallii darbee, seera qabeessa ta'uurraa kaasee ragaa guutuu waa'eesaa mul'isu kan qabatedha.

Namni kana hunda guutee roostara mootummaan qopheesserratti hin galmoofne seeraan ala jedhan.

Akka Aab Jooyeekeey ibsanitti, biyyattii keessatti bara 2019 fi 2023 gidduu namni gariin ergaa gabaabaa karaa lakkoofsa bilbilaa, email fi WhatsApp akkasumas bilbilaan kallattiin bilbiluun unka kaffaltii mootummaa (payroll) irra galuu danda'an.

Rakkoo hojimaataa mudateef hojjettoota kunneen gaafatamtoota gochuun waan hin danda'amneef, akkasaan galmaa'anii seera guutaniif guyyaan 90 kennamuufii ibsan qondaalli humna namaa kun.

Kanneen adeemsa kana guutuu dadhaban yookiin didan hojiirraa gaggeeffamu jedhan.

Mootummaan Pirezidant Jooseef Bo'aakaay akka jedhutti, duraanuu lakkoofsa namootaa unka kaffaltii mindaa mootummaa (payroll) irra heddummaatan xiqqeessuuf kaayyoo qaba.

Namoota muraasa akkaan bu'aa buusuu danda'an horachuurratti akka xiyyeeffatu ibse mootummaan Laayibeeriyaa.

Karoorri mootummaa kun hawaasa bal'aa biratti fudhatamuu fi dhiisuunsaa garuu ammallee ifa miti.