'Hamman du'utti haqa koof falmachuu hin dhiisu'- Hojjattuu manaa dararaan cimaan irra gahe

Madda suuraa, BBC/ DWIKI MARTA
"Maaloo naa birmadhaa, hojjachiistuu kootin hiraarsi narra gahaa jira. Guyyaan guyyaan qaamni koo dhiigan faalama, na gargaaraa!" jettee waraqaa cittuu wayiirratti barreessitee karaa fodaatin gamoo irraa gadi darbatte hojjattuun manaa Maariyans Kaabuu jedhamtu tunu.
Dubartiin kun Maleeshiyaa, magaala Kuwala Lampur keessatti akka hojjattuu manaatti mindeeffamte.
Dubartiin karaa sana osoo dabartuu waraqaa kana fuutee erga dubbistee boodas poolisa soorama bahe tokkotti kennite.
Guyyaa gaafa Mudde 20, 2014 poolisiin Maleeshiyaa mana dubartiin keessa jirtu kana balbala rukute.
Dubartiin hojjachiiftuu isheetin miidhan hamaan irra gahaa ture waan ishee mudate hunda poolisiitti himte.
Qabiyyeen seenaa dubartii kana dubbistoota tokko tokko jeequu mala.
Taaten kun erga isheerratti raawwatee waggaa sagal guutera, ammayyuu haqa osoo hin argatin jirti. Badiin hojjattuu manaa Maariyaans Kaabuu irratti raawwate baqattoonni osoo seeraan hin galmaa'in hojjattuu manaa ta'anii hojjatan hangam saaxilamoo akka ta'an agarsiisa.
Bara 2015 hojjachiiftuu Maariyaans kan taate Ong Su Ping Seeri irratti poolisiin yakka yaalii ajjeechaa, daddabarsa namaafi seera baqattummaa cabsuutin himate banee ture.
Boodarra Maariyans mana murtiitif yaada ishee laattee biyyashetti galte. Waggaa lama booda manni murtii dhimma ishee kuffisuu karaa Embasii Indoneeshiyaaa dhageesse.

Madda suuraa, BBC/ DWIKI MARTA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Embasiin ogeessa seeraa qacareefii dhimmi ishee akka deebi'ee ilaalamu gochaa ture.
Maleeshiyaatti hojjattuu manaa akka lammii lammaffatti ilaalun aadan jiru manni murtii dhimma kana akka addaan kutuuf sababa ta'uu mala jedhame.
Ministeerri dhimma alaa Maleeshiyaa garuu akkaataa seerri eeyyamuun haqni dhokate akka bahu gochuuf akka hojjatu BBCtti hime.
Dubartiin Mariyaans mana isheetti itti cuftee hojjachiifataa turte miidhaa guddaa irraan geesse himanni mana murtii akka agarsiisutti: reebicha hamaa irraan gahuun funyaan ishee cabsite; yeroo heddu sibiila diimessuun guggubdi, meeshaalee akka burruusaa fa'iinis rukutteerti.
Badiin kun erga irratti raawwatee amma waggaa saddeet guutera, garuu godaannisni qaama ishee ammayyuu akkasumatti jira.
Abbaan warraa ishee Kaarviyas erga haati warraa isaa erga balaa sana jalaa baraaramtee booda adda baasuf akka rakkate dubbata. "Suura Meri [Maariyasn] hospitaala osoo jirtuu gaafa natti agarsiisan nan rifadhe," jedhe.
Bara darbe Maleeshiyaafi Indooneshiyaan haala qabiinsa hojjattoota manaa fooyyessuu irratti walii galtee waliif mallatteessanii tuuran.
Hojjattoonni manaa akka Maariyaans Indooneeshiyaa keessatti gaafa qacaraman paaspoortin isaanii irraa fudhatama. Hojjattoonni kun mmoo karaa seeran alaatin waan dhufaniif galmaa'uu dhabuun isaanii rakkoo dabalataatif isaan saaxila.
'Hangan du'utti nan falmadha'
"Hangan du'utti haqa kiyyaaf falmachuu ittan fufa," jetti Maariyaans.
"Hojjachiistuu koo duraanii, 'Maalif na hiraarsite? jedhee gaafachuun qaba."

Madda suuraa, BBC/ DWIKI MARTA
Maariyaans hojii barbaachaf gara Maleeshiyaa yeroo imaltu, dubartii ganna 32 turte. Mandara Lixa Tiimor keessatti jireenyi ulfaataa ture. Abbaan warraa ishee hojii harkaa gara afaanii malee hin qabu ture.
Kanarraa ka'uun gara Maleeshiyaa deemtee hojjattee deebitee mana ijaarrachuuf abjoottee turte.
Garuu gaafa Kuwala Lampur geessu jireenyi fuggisoo itti ta'e. Hojjattee jireenya ishee fooyyessuun hafee lubbuun jiraattee gara biyya isheetti deebi'uunuu abjuu itti ta'e.
Hojjachiiftun ishee ji'oota hedduuf akka isheen manaa hin baane balbala itti cuftee hojjachiifti. Kana bira darbee ammoo reebicha hamaa irraan geessi.
Hanga gaafa waraqaa cittuu irraatti "naaf birmadhaa" jettee barreessitee karaa foddaa alatti darbattee namni karaa dubbisee poolisiitti himuutti mana sana keessa jiraachuu ishee ollaan isaanituu hin beeku ture.
Guyyaa heddu of ajjeessuu barbaaddes akka turte himti Maariyans. Ijoollee ishee Indoneeshiyaatti hafan gaafa yaaddu ammoo isa of-ajjeesuf kaate ni dhiisti.
"Lolee ofirraa ittisuufis nan yaala, garuu ammoo osoon deebisee ishee loleera ta'ee silaa nan du'a ture," jetti.
Bara 2014, gaafa tokko kaatee kana booda manicha keessa taa'uu akka hin qabne murteessite. Xalayaa du'a jalaa ishee baase barreesitee gamoorraa karaa foddaa alatti darbatte.
Maariyans falmiin isheen haqaaf gootu, kan ishee qofa osoo hin taane kanneen akka ishee dhugaan isaanii jalaa dhokateefis akka ta'e dubbatti.












