Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Summiin raachaa mormituun Puutin, Aleeksii Naavaalnii, ittiin ajjeefame maali?
Hogganaan paartii mormituu Raashiyaa Aleeksii Naavaalnii summii raachaa hamaa kan Ameerikaa Kibbaa keessatti argamuun ajjeefamuu UK fi michuuwwan ishee Awurooppaa himan.
Epibaataadaayin [summiin raachaa] reeffa Naavaalnii keessatti akka argamee fi du'aatii isaaf sababa ta'uu akka danda'u Waajjirri Dhimma Alaa UK beeksise.
Aleeksii Naavaalnii mana hidhaa hamaa kan Raashiyaa Saayibeeriyaa jedhamu keessatti waggootaaf hidhamee ture.
Michuuwwan UK akka jedhanitti, mootummaa Raashiyaa qofatu "tooftaa, akeekaa fi carraa" summii hamaa ajjeechaa kanatti dhimma bahuu qaba.
Kireemiliin gama isheetiin argannoo kana "duula ololaati" jechuu ishee ejensiin Oduu Raashiyaa TASS gabaase.
Summiin kun maali?
Epibaataadaayin (Epibatidine) summii uumamaa sirna narvii miidhu (neurotoxin) yoo ta'u, gogaa raachaa summii oomishtuu Ikuwaadoor keessatti argamtu dart frog jedhamtu irraa bahudha jetti qorattuun summii Jiil Joonsan.
Summiin raacha tanaa "si'a 200" qoricha moorfinii ol akka humna qabu ogeettiin tun BBC Raashiyaatti himte.
Morfiiniin gosa dawaa biqiloota akka Oppiyeemii fa'irraa oomishamu yoo ta'u, dhukkubbii hadoochuuf oola.
Epibaataadaayin uumamaan raacha Laatin Ameerikaa tana keessatti argama, laaboraatorii keessattis ni oomishama.
Sanyiin raacha tanaa gara Raashiyaa fuudhaman summii kana oomishuu hin danda'an.
Uumamaanis Raashiyaa keessatti hin argamu jedhan michuuwwan UK kan ta'an Awurooppaanonni ibsa baasaniin.
Sanyiin raachaa Anthony's poison arrow frog fi Phantasmal poison frog jedhamanii summii kana xannacha isaaniitiin maddisiisuun gara gogaa isaanitti baasu.
Epibaataadaayin dhukkubbii hadoochuufis akka oolu qorannoon kan bira gahame yoo ta'u, sababa summaawaa ta'eef garuu dhukkubbiiwwan akka gubiinsa sombaa fa'i yaaluuf hin oolu.
Summiin raacha daart akkamiin hojjeta?
Qabiyyeen keemikaalawaa summii kana keessaa kan hojjetu sirna narvii keessatti yoo ta'u, sirna qunnamtii maashaa narvii (nicotinic receptors)irrattii jetti qorattuun summii Joohnsan.
Sirna qunnamtii maashaa narvii kanneen akka malee dadammaqsa waan ta'eef maashaalee qoncoorsuu, laamshessuu, reetii dhahannaa onnee gadi buusuu, qaamolee hargansuu hojii dhaabsisuu fi nama ajjeesuu danda'a jetti.
Profeesarri qorannoo summii naannoo kan yunivarsiitii Liids, Alasteer Heeyi, miidiyaa PA'tti akka himanitti dhiibbaan summii kanaa adeemsa hargansuu cufuu danda'a, kanaanis "namni summaaye kamuu ukkaamamee du'a" jedha.
Namni dhiigni isaa summii kanaaf saaxilamuun "hojii harka namaa itti yaadamee dalagame ta'uu mul'isa" jedha.
Sadarkaa summummaa epibaataadaayin olkaasufis qorichootaa kaaniin walitti makuun ykn kaan waliin dhimma itti bahuun akka danda'amu qorannoon ni mul'isa" jedha Heeyi.
Summiin kun akkamiin argama?
Epibaataadaayin salphaatti waan argamu miti. Dachii teenyarraa bakka tokko qofatti argama. Hammi argamus baay'ee bicuu dha jetti Joonsan.
Raachi Waajjirri Dhimma Alaa UK fi kuun eeran tun [Anthony's poison arrow frog] reptaayilii marartuu Ikuwaadoorii fi Peeruu qofatti argamtuu dha jedhama.
Raachi tun keemikaala summii kana nyaata sirrii alkaalootidii [qabiyyee orgaanikii] oomishuuf oolan - kan epibaataadaayin tolchanii fi gogaa keessatti kuusan nyaatti.
Yoo nyaatni ishee jijjiiramellee kuusaan epibaataadaayin isheellee gadi bu'a.
"Raacha daggalaa tana argama ishee sirrii keessatti, nyaata sirrii alkaalooyidii sirrii oomishuuf ishee dandeessisu nyaattee argachuu waan hin danda'amne dha.... guutummatti ," jetti Joonsan.
"Malli kun mala nama summiin tuquu hin yaadamne dha. Malli nama summii epibaataadaayin balleessuu ani beeku mala laaboraatorii fi mala nama hin ajjeefne dha" jetti
Raashiyaan maal jette?
Laaboraatoriiwwan Awurooppaa Naavaalniin summii ammaaf adda hin bahiniin ajjeefamuu mirkaneessuu michoonni UK Sanbata duraa darban himan.
Mooskoon, Naavaalniin sababa uumamaa du'e jettus, haati warraa isaa Yuuliyaa Naavaalneey garuu abbaan warraa ishee summiin ajjeefamuu irra deddeebiin himatti.
Imbaasiin Raashiyaa Landan jiru, Mooskoon ajjeechaa Naavaalnii keessaa harka hin qabdu jedhee yoo waakkatu, himannaa warra awurooppaa kanas, "sabaaqa afuuftuwwan warra lixaa" fi "gocha du'a namaa ololaaf oolfachuu ti"jedhe.
Dubbii himtuun Kireemliin Maariyaa Zaakhaaroovaa, ejensiin oduu Raashiyaa TASS akka wabeeffatetti "dubbiin fi ibsi hunduu duula odeeffannoo rakkoo warri lixaa amma keessatti kufan dhokfachuuti" jedhan.
Qondaalli duraanii UK fi qondaalli olaanaan NATO akkasumas ogeessi meeshaa waraanaa keemikaalawaa Hamish de Bretton-Gordon du'a Naavaalnii dabalatee uummanni waan Kireemiliin jettu amanuu hin qabu, shakkuu qabu jedhe.
Qondaalli kun BBC Radio 4's Today programme irratti akka dubbatetti "Aleeksii Naavaalnii akka mootummaadhaan ajjeefame biyyoonni NATO ragaa argatanii jiru" jedhe.
Naavaalniin wayita ajjeefametti waggoota sadiif mana hidhaa keessa ture, boodarra mana hidhaa hamaa gara arkitikii jirutti dabarfame.
Akka ragaaleen maddeen Raashiyaa agarsiisanitti, Aleeksii Naavaalnii deemsa miilaa gabaabaafgad bahee ture, achii miirri gaariin itti hin dhagahamne, achumaan of wallaale, achi booda deebi'ee of hin beekne.
Aleeksii Naavaalnii yoo du'u umriinsaa waggaa 47 ture.