Biyyi xiqqoon ollaa Sooriyaafi Israa'el Libaanos waraana Arabootaafi Israa'el keessatti ga'ee akkamii qabdi?

Magaalaa Beeruut

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaan magaalaa Beeruut hedduun Waraana Addunyaa Lammaffaan erga barbadaa'ee booda deebi'ee ijaarame

Biyyi xiqqoon handaara galaana Meediteraaniyaaniitti argamtu Libaanus biyya barnootaan beekamtuudha, daldallis aadaasheeti jedhama.

Libaanos durirraa eegaltee biyyoota Baha Giddugaleessaaf iddoo daldalaa akkaan murteessituudha turte.

Bal'inni lafashee xiqqoo ta'us garuu Baha Giddugaleessaa keessatti dirree waraanaas turte.

Siiriyaa fi Israa'el waliin wal daangessuun ishee waraanni akka irraa hin fagaanne taasiseera.

Libaanos qubsuma Muslimoota Sunnii, Kiristaanotaa, Muslimoota Shi'aa fi hawaasa Druze jedhamaniiti.

Lafti Libaanos jedhamtu kun bara 1516 hanga 1918 Impaayera Otomaan (Ottoman Empire) jala turte.

Isa booda jaarmiyaan addunyaa- League of Nations jedhamu bara 1920 Libaanos fi Siiriyaa dabarsee Faransaayitti kenne.

Hanga bara Waraana Addunyaa Lammaffaatti walabummaashee labsattutti Libaanus aangoo Faransaay jala turte.

Bal'inni lafashee iskuweer kiilomeetirii 10,452 yoo ta'u lakkoofsi uummatashee miiliyoona 5.2, Afaan Arabaa fi Afaan Faransaay ammoo afaan hojii biyyattiiti.

Yeroo ammaa aangawaan biyyattii bulchan Ministirri Muummee Najiib Mikaatii bara 2021 gara aangootti deebi'an.

Namni tujaarri kun erga bara 2022 pirezidantiin biyyattii Misheel Awoon aangoo gadhiisuun deemanii aangoo pirezidantummaa qabachuu diduun bakkichi ammallee duwwaa jira.

Biyyattii keessatti aangoo murteessaa kan ta'e pirezidantii filachuu kan danda'u mana maree ministeerotaa akka ta'ee fi heerri mootummaa biyyattii ammoo pirezidantii ce'umsaa ta'uu kan hin deeggarre akka ta'e eeruun aangoo pirezidantii qabachuurraa duubatti jedhan MM Mikaatii.

Libaanos erga bara 2020 dhohiinsi magaalaa Beeruut fi naannawa isheetti mudachuun balaa guddaa uumee booda Hasan Diyaabii aangoo gadhiisuu booda bulchaayyuu argattee hin beektu.

Muddama saboota gidduutti dhalate

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1943 ji'a Bitootessaa keessa waliigalteen barreeffama malee taasifame teessoo paarlaamaa biyyattii saboota biyyattiif qoode. Qoqqoodiinsas uume.

Kunis lakkoofsa uummataa bara 1932 taasifame irratti hundaa'uudhaan ture.

Yeroo lakkoofsi uummataa gaggeeffamu sana biyyattii keessatti lakkoofsaan olaantummaa kan qaban Kiristaanota.

Qajeeltoon kun boodarra bulchiinsa biyyattii keessattis hojiirra ooluu eegale.

Bu'uura qajeelfama kanaan pirezidantiin Kiristaanota Maaroonaayit (Maronite Christians), ministirri muummee Sunnii, afa-yaa'iin paarlaamaa ammoo Shi'aa ta'a.

Erga bara 1932 as lakkoofsi uummataa hin gaggeeffamne, Muslimoonni ammoo akkuma lakkoofsi isaanii dabalaa deemuun bakka bu'ummaansaaniis akka dabalu gaaffii kaasuu eegalan.

Muddamni kun babal'achuun biyyattii keessatti walitti bu'iinsi akka dhalatu ka'umsa ta'e.

Biyyoonni ollaas carraa jeequmsaa uummata Libaanos gidduutti uumame fayyadamuun gidduu seenuu eegalan.

Libaanos biyya baqattoota Filisxeem baayyinaan simachuun beekamtuudha. Warri Filisxeem Libaanos keessatti baayyina uummata biyyattii keessaa dhibbeentaa kudhan ni ta'u.

Mirga hojjetatanii jiraachuus qabu, isaan achi jiraachuun ammoo madda rakkoo fi walitti bu'iinsa ta'e.

Libaanos bara 1944 wayita walabummaashee gonfattu Faransaay aangoo dabarsitee bulchiinsa biyyattiitti kan kennite Amajjii 1 ture.

Haata'u malee biyyattiin oolee osoo hin bulin jeequmsatti seente. Bara 1958 Pirezidantiin biyyattii Kamiil Shamuun mormii jabaatu mudate.

Mormiin isa mudates gara waraana waliiniitti geeddarame. Wayita kana pirezidantichi walabummaa Libaanus argatte tiksuuf jedhee gargaarsa waraanaa Ameerikaa gaafate.

Ameerikaanis humna galaanarraa ergiteef.

Hanga bara 1967tti Libaanos kallattiidhaan waraana Arabaa fi Israa'el keessatti hin hirmanne. Garuu daafoon waraana bara sanaaishees miidheera.

Sababni isaa warri Filisxeem buufata isaanii Libaanos godhachuun achirraa Israa'el haleelan.

Waraana waliinii fi keessa seentummaa alaa

Libaanos bara 1975 irraa eegaltee hanga 1990 waraana waliiniin guddoo miidhamte.

Humnoonni naannawashee- Israa'el, Siiriyaa fi Dhaabbati Bilisummaa Filisxeem (PLO) carraa kana fayyadamuun biyyattii akka dirree waraanaatti fayyadamaa turan.

Biyyattii akka dawootti fayyadamuun dantaa waraanaa isaanii galmaan ga'achaa turan.

Ebla 1975 gareen leellistoota sirna durii- Phalangist jedhaman Beeruut keessatti Filisxeemota 27 ajjeesuun waraana waliiniif ka'umsa ta'e.

Gareen kun riphee loltoonni Filisxeem duratti mana amantii kiristaanaa irratti haleellaa raawwatan jechuun sana haaloo ba'uuf haleellaa kana akka raawwatan himan.

Waraanni waliinii Libaanos keessatti erga eegalee waggaa tokko booda loltoonni Siiriyaa nagaa buusna jechuun gara Libaanos seenan.

Kaayyoonsaanii gooroon garuu hidhattoota Filisxeem cabsuu ture. Haleellaa raawwataniin mooraa Tel al-Zaatar jedhamu keessatti Filisxeemota kumaan lakkaa'aman ajjeesan.

Loltoonni Siiriyaa kunneen deeggarsa hidhattoota Kiristaan magaalaa Beeruut keessa turanii qabu turan.

Biyyoonni Arabaa gidduu seentummaa hamaa Siiriyaan taasiste kana ''Humna Sochii Arabaatti Gufuu ta'e'' jechuun irratti walii galan.

Weerara Israa'el

Israa'el haleellaa Filisxeemonni Libaanus taa'anii irratti raawwatan haaloo ba'uuf bara 1978 kibba Libaanos weerarte.

Bakka hunda to'attee iddoo xiqqoo wayii dabarsitee hidhattoota Kiristaanaa kibba Libaanos keessa socho'anitti kennite.

Israa'el lafa gadhiiste kana silaa Humna Yeroo UN kan Libaanos keessatti hundaa'e- UNIFIL jedhamutti kennuutu irra ture.

Hidhattoonni Filisxeem Israa'elitti ambaasaaddara Biriteen irratti yaalii ajjeechaa raawwachuu hordofee Waxabajjii 1982 Israa'el guutummaatti Libaanos weerarte.

Israa'el erga Libaanos weerartee bulchiinsa ishees keessatti gadi dhaabdeetti. Pirezidantii isheen aangoorra keesse Bashir Gamaayil bara 1982 Fulbaana keessa ajjeefame.

Yoona kana Israa'el dhiha Beeruut, iddoo gareen Phalangist mooraa Sabra fi Shatila jedhaman keessatti Filisxeemota kumaan lakkaa'aman ajjeesan, guutummaatti qabatte.

Isa booda obboleessi hangafaa Bashir, Amiin jedhamu pirezidantii ta'e. Bulchiinsa nama kanaa jalatti humni waraanaa US, Faransaay fi Xaaliyaanii nagaa eegsisna jechuun Beeruut seenan.

Yennaa kanammoo haleellaan badanii balleessitootaan raawwatamu heddummaate.

Haleellaa haala kanaan bara 1983 Ebla keessa imbasii Ameerikaa irratti raawwateen namoonni 63 du'an, Onkoloolessa keessa haleellaa walfakkaataa buufata nagaa eegsistootaa irratti raawwateen loltoonni Ameerikaa 241 fi loltoonni Faransaay 58 ajjeefaman.

Bara 1984 Ameerikaan loltootashee Libaanos keessaa baaste, waggaa tokko booda hidhattoonni Israa'el hedduun kibba Libaanos gadhiisanii ba'an.

Hundeeffama Hezboollaa fi siyaasa Libaanos

Gartuun hidhattoota Hezbollaa jalqaba bara 1980 keessa yeroo Israa’el Libaanos qabatte tumsa Iraaniin hundaa’e.

Haata’u malee, hundeen ilaalcha Hezbollaa bara 1960 fi 1970 keessa Islaamummaan Shi'aa Libaanos keessatti dagaagu wajjin hidhata qaba.

Hiika Paartii Waaqayyoo(Allaah) jedhu kan qabu Hezbollaan, dhaabbata siyaasaa, waraanaa fi hawaasummaa Muslimoota Shi'aa Libaanos keessatti aangoo guddaa qabudha.

Hezbollaan bakki jalqaba itti hundaa'e sirriitti hin beekamu, garuu Israa’el Kibba Libaanos weeraruu hordofee mul’ate.

Bara Israa'el kibba Libaanus weerarte sana hoggantoonni Shi’aa hidhattoota deggaran sochii Amal hogganurraa adda ba’an.

Dhaabbanni Islaamik Amal jedhamu kun Iraanirraa deeggarsa waraanaa guddaa kan argatu ture.

Islaamik Amal, milishoota Shi’aa beekamoo yoo ta’an boodarra Hezbollaa ijaaran.

Gareen Hezbollaa erga ijaarame booda waraana Israa’elii fi michuusheerratti, Waraana Libaanos Kibbaa (SLA), akkasumas humnoota alaa Libaanos keessa tuanirratti haleellaa banan.

Bara 1985tti Hezbollaan Ameerikaa fi Gamtaa Sooviyeetiin ''diina qajeelfama Islaamaa ijoo'' jechuun ifatti labse.

Garee Hezbollaan Israa'el lafa Muslimaa dhuunfatte jechuun ''lafarraa balleessuuf'' waamicha dhiyeesse.

Bara 1990 waraanni Siiriyaa Libaanositti nagaa erga buusee booda, Hezboollaan riphee loltummaa Kibba Libaanositti gaggeessuu itti fufe.

Garuu siyaasa Libaanos keessattis qooda guddaa gumaachuu jalqabe.

Bara 1992 Hezboollaan yeroo jalqabaaf filannoo biyyaalessaarratti karaa milkaa’a jedhamuun hirmaate.

Humnoonni Israa’el bara 2000tti Libaanos keessaa yeroo ba’anitti Hezboollaan humnoota Israa’el biyyattii keessaa baasurraatti qooda qaba jedhamee himama.

Hidhattoota Hezboollaa

Madda suuraa, AP

Ibsa waa'ee suuraa, Hezboollaan humnoonni Israa'el akka Libaanos keessaa ba'an qabsoo jabaa godhe jedhamuun faarfame

Ergasii gareen Hezboollaa meeshaa waraanaa akka hiikkatuuf dhiibbaa irra qaqqabe dandamachuun kibba Libaanos keessa socho’uu ittifufe.

Yeroo sanarraa eegalee daangaa Israa'el fi Libaanusitti waraanni dhabamee hin beeku. Humnoonni Israa'elis hidhattoota Hezboollaa adamsanii haleeluu hin dhaabne.

Hezboollaan garuu Iraan dabalatee deeggarsa meeshaalee fi leenjii waraanaa michootasaarraa argatuun of cimsaa, miseensotas heddummeeffachaa dhufe.

Siyaasa Libaanus keessatti qooda olaanaa qabaachuun mul'achuu kan eegale garuu bara 2008 booda.

Sana booda waliigalteen mootummaa waliin aangoo qooddachuurratti mallatteeffame Hezboollaa fi michoonni isaa murtii kaabinee kamiyyuu geeddaruu akka danda’an aangoo kenneef.

Filannoo bara 2009 irratti Hezboollaan teessoo paarlaamaa 10 argachuun mootummaa waloo hundeeffame keessatti hafe.

Dhuma bara sanaarratti barreessaa olaanaan Hezboollaa Sheek Hasan Nasrallaa sanada siyaasaa haaraa ''mul'ata siyaasaa''Hezbolaa ibsu baasan.

Bara 2011 Hezbollaan fi michoonni garichaa mootummaa waloo Saad Hariiriin durfamu, kan Sunnii-Sa’udiin deeggaramu akka diigamu dirqisiisan.

Waraanni Siiriyaa keessatti hammaataa yeroo adeeme hidhattoonni Hezbollaa kumaatamaan lakkaa’aman pirezidaantii Siiriyaa Bashar al-Asad tumsuuf kan dhaqan yoo ta’u, humnoonni mootummaa deggeran lafa finciltootaan to'atame, daangaa Libaanusirratti akka deebifatan gargaaruu keessatti gahee murteessaa ta’e qabu.

Hezboollaan waraana Siiriyaa keessatti hirmaachuun garuu Libaanus keessatti waldhabdee gartuu garaa garaa gidduutti kaase.

Jalqaba bara 2016tti biyyoonni Galoo Galaanaa fi Liigii Arabaa, Hezboollaa ''gocha diinummaa'' raawwachuun himachuun garee shororkeessatti ramade.

Humni Hezboollaa hagami? Israa'el waraanuu danda'aa?

Haleellaa rookeetii dhiheenya kana iddoo Israa'el qabattee jirtu Goolan Haayit (Golan Heights) keessatti raawwateen daa'immanii fi oladeemtonni 12 ajjeefamuu hordofee muddamni Hezboollaa fi Israa'el gidduutti cimeera.

Taatee kana hordofee haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Libaanus, Beeruut keessatti raawwatteen ajajaan waraanaa olaanaa Hezboollaa Fu'aad Shukir ajjeefamuu Israa'el ibsite.

Kun ta'ee osoo hin turin hoogganaa olaanaan Hamaas Iraan, magaalaa Tehraan keessatti ajjeefamuun dhagahame.

Taateewwan kunneen walitti ida'amanii Baha Giddugaleessaa keessatti waraanni hamaan ni ka'a sodaa jedhu uuman.

Dhaadannoo Iraan fi Hezboollaan haaloo ba'uuf Israa'el irratti dhageessisaa jiran hordofee biyyoonni addunyaa hedduun lammiileensaanii Libaanus keessaa akka ba'an ajajaniiru.

Hezboollaa fi Israa'el waraanaa guutuu kan walirratti banan bara 2006 yoo ta'u ergasiis wal qoccolloo, muddamni daangaa fi walitti dhukaasuun hin dhaabbanne.

Waggaa 18 booda garuu waraana guutuutti galuu danda'u sodaan jedhu addunyaa mara irraa dhagahamaa jira.

Hezboollaan hoogganaa cimaa michuu hoogganaa Iraan ta'e qabaachuun akka gareen kun gama hundaan cimee yoona ga'u taasiseera.

Bara 1992 irraa eegaluun garee kana hoogganaa kan jiran buleessi barsiisaa amantii Hasan Nasrallaa, bulchaa olaanaa Iraan Ayaatullaa Alii Kaameenii waliin michuudha.

Bara 1981 bulchaa olaanaan jalqabaa Iraan Ayaatullaa Ruhollaa Komeenii Libaanus keessatti bakka bu'aa isaanii gochuun Hasan Nasrallaa muudan.

Hoogganaa Hezboollaa- Hasan Nasrallaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dureen amantaa Shi'aa Sheek Hasan Nasrallaa bara 1992 irraa eegaluun Hezboollaa hoogganaa jiru

Hasan Nasrallaah waggootaaf ija Israa'el jalaa dhokachuun gareesaanii jabeessaa turan.

Hezboollaan garee hidhataa mootummaan ala ta'e, akkaan hidhachuun addunyaarratti beekamuudha.

Kan hidhachiisuu fi maallaqaan gargaaru ammoo Iraan.

Sheek Hasan Nasrallaa loltoota kuma 100 ta'an qabaachuu ibsu, qaamoleen walabaa ammoo hidhattoonni Hezboollaa kuma 20 fi kuma 50 gidduu akka ta'an ibsu.

Jaarmiyaan miti mootummaa Strategic and International Studies jedhamu Hezboollaan misaa'lootaa fi rookeetiiwwan kuma 120 hanga kuma 200 qaba jedha.

Meeshaaleen waraanaa Hezboollaan qabu kunneen hedduunsaanii xixiqqoo kan ta'an, fageenya gabaabaa irratti haleellaa qaqqabsiisuu kan danda'anidha.

Bakka tokko taa'anii to'ataa fageenya dheeraa irratti kan haleelan miti jechuudha.

Garuu misaa'eloota farra haleellaa qilleensaa fi haleellaa galaanarraa qabu, akkasumas misaa'eloota fageenya dheeraa furguggifamuun handhuura Israa'el haleeluu danda'anis qabu.

Meeshaaleen harka Hezboollaa jiru jedhaman kunneen kan Hamaas, Gaazaa keessa socho'u qabu akkaan caaluutu himama.

Hezboollaan erga Hamaas Onkoloolessa 2023 haleellaa tasaa Israa'el irratti raawwatee xiqqoo osoo hin turin Israa'el haleele.

Gareen kun lammiilee Filisxeem bira dhaabbachuuf akka Israa'el irratti haleellaa bane ibse.

Ergasii kaaba Israa'el fi iddoo Israa'el qabattee jirtu Goolan Haayit (Golan Heights) irratti haleellaa raawwataa jira.

Taankii fi meeshaalee waraanaa lafoo fayyadamuunis waraana gaggeessaa tureera, ammas ittuma jira.

Humni waraanaa Israa'el ammoo haaloo ba'uuf qilleensarraa fi lafoodhaan iddoo Hezboollaan qubatee jiru irratti haleellaa raawwata.

Keessattuu kibba Libaanus keessatti haleellaan Israa'el hammaateera. UN akka jedhutti haleellaan Israa'el lammiilee Libaanus kuma 90 caalan qe'eerraa buqqiseera.

Hanga ammaatti hidhattoonni Hezboollaa 366 fi lammiilee nagaan 100 ta'an haleellaa Israa'eliin dhumuus ibse UN.

Haleellaa Hezboollaan raawwatuun namoonni 33 ajjeefamuu fi kanneen keessaa 10 lammiilee Israa'el ta'uu aanga'oonni Israa'el ibsaniiru.

AKkasumas haleellaa Hezboollaan namoonni kuma 60 ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

Lolli bifa kanaan daangaarratti adeemaa jiraatus, kanneen dhimma kana hordofan garuu gareen lameenuu waraana guutuutti galuurraa of eeguuf daangaasaanii eeganii socho'aa jiraachuu ibsu.

Garuu haala kana keessatti taateen hamaan tokko yoo mudate carraan gareen kunneen waraana guutuutti seenuu olaanaadha jedhamee sodaatama.