Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UN tarkaanfiin naannoo Amaaraatti fudhatamu kan wal gitu akka ta’u gaafate
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Idil-addunyaa gareen oggeessoota Mirga Namoomaa, mootummaan Itoophiyaa hojii seera kabachiisuu isaatiin tarkaanfii wal gitu akka fudhatuuf yaadachiise.
Komishinitti Kaaba lixa biyyattii keessattuu tasgabbii dhabiinsi naannoo Amaaraa keessaa na yaaddeesseera kan jedhe yoo ta’u, tarkaanfii seera kabachiisuuf fudhatamu garuu kan wal gitu akka ta’u gaafate.
Rakkoon nageenyaa naanno Amaaraa keessatti mudate to’achuuf dandeettii mootummaa naannichaatiin ol ta’un jidduugalumsi mootummaa federaalaa gaafatamunsaa ni yaadatama.
Kana hordofunis haalicha to’achuuf Manni Maree Ministiroota Labsii Yeroo Mudama labsuunsaa kan yaadate Komishinichi ibsa isaa Hagayya 10, 2023 baaseen, labsiiwwan yeroo mudamaa kanaan dura hojiirra oolfaman keessatti sarbamni mirga namoomaa mudachuun hubatamee ture jedhe.
Kanaafuu mootummaan haaluma waliigaltee mirga siiviliifi siyaasa idil-addunyaa keewwata 4tti, wayita labsii yeroo muddamaa kana hojiirra oolchutti adeemsa barbaachisaa, gitaafi adda baasanii loogiidhaan haleellaa raawwachu dhiisuu hordofu qabaata jedheera.
Mootummoota Gamtomanitti Gareen Oggeessota Mirga Namoomaa qaamoleen walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaataa jiran hundi mirgoonni manoomaa akka kanajamaniifi walitti bu’iinsa dhaabuun garaagarummaa saanii karaa nagaatiin akka furaniif akka hojjatan gaafateera.
Haaluma walfakkaatunis naannoo Amaaraa keessatti erga walitti bu’insa hidhattoota naannicha keessa socha’aniifi humnoota nageenyaa mootummaa jidduutti umamuun gabaafamee booda dhaabbilee siyaasaa fi dhaabbileen amantaa biyya keessas dhimmi kun karaa nagaatiin akka fudamuuf waamicha taasisuun isaanii ni yaadatama.
Gareen ogeessota mirga namoomaa kun erga Kaaba itoophiyaa wal waraansi eegalee kaasee sarbamoonni mirga namoomaa biyyattii keessatti mudataniiru jedhaman qaama walabaatiin akka qoratamuuf UN’tti mana Marii mirga namoomaaf itti gaafatamummaa kennamuun ni yaadatama.
Komishinichis haaluma itti gaafatamummaa mana maree mirga namoomaa UN’n kennameefiin qorannoo gaggeessuun argannoo isaa jalqaba bara kanaatti baasee ture.
Wal waraana cimaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen namoota nagaarratti guddeeddiin, miidhaan quunnamtii saalaa, ajjeechaa seeraan alaafi beellii akka meeshaa waraanaatti fayyadamameera jechuun komishinichi gabaasuun isaa ni yaadatama.
Komishinichis sarbamoonni raawwataman kunneen yakkoota waraanaa akkasumas yakkawwan ilmaan namootaarratti raawwataman akka ta’aniittan amana jedhee ture.
Haata’u malee gabaasni komishinichaa mootummaa Itoophiyaa kan dheekkamsiise ture.
Haaluma kanaanis mootummaan gabaasni komishinichi baase kan dirqama ogummaa hin guunnee fi dhugaa lafarra jiru kana haaleedha jechuun ijjannoosaa ibsee ture.
Gareen ogeessota Mirga Namoomaa UN erga hundeeffameen booda yeroo hojiisaa wagga tokkoon oliif dheerreeffamuun hanga Muddee 2023tti akka turuuf murteeffamuunsaa ni yaadatama.