Puutiin misaa'ela haaraan Yuukireen haleelee biyyoota Lixaas akeekkachiise

Raashiyaan misaa'ela haaraa Yuukireen irratti dhukaaste

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin haleellaa humni waraanaa isaanii Baha Niiprootti Kamisa ganama raawwatan ''misaa'ela fageenya gidduugaleessaa haaraa'' fayyadamuunidha jedhan.

Misaa'elli fayyadaman kun maqaa addaa Oreeshinik jedhamuun waamama. Tarkaanfiin kun deebii Yuukireen misaa'ela fageenya dheeraa ATACMS, Ameerikaa fi UK'n akka daangaa Raashiyaa keessatti fayyadamtuuf kennaniif akka tahes ibsan.

Raashiyaan buufata waraanaa biyyoota Yuukireeniif misaa'ela fageenya dheeraa eeyyamanii nan rukuta jechuun dhaadatte.

Ameerikaa fi UK'n misaa'ela fageenya dheeraa daangaa Raashiyaati ce'uun haleeluu danda'u atacms FI Storm Shadow jedhaman eeyyamaniiru.

Kun jijjiirama imaammataa biyyoonni lameen dhiyeenya taasisanidha.

Pirezidaantiin Yuukireen Volodmir Zeleniskii Raashiyaan misaa'ela haaraa kana fayyadamuun ''waraanicha hammaassuufi sadarkaa hamarra geesisuuf fedha qabaachuu agarsiisa'' jedhe.

Kun Raashiyaan akka nagaa hin barbaanne agarsiiftuu guddoodha kan jedhan Zeleniskiin, waraanicha dheeressuu qofa osoo hin taane, ''fuula gaggeesitoota nagaa barbaadanii irratti akka tufuuti'' jedhan.

Baalistik misaa'eliin Raahsiyaan fayyadamte kan ardiilee qaxxaamurudha jedhus Zeleniskiin biyyoonni lIxaa garuu humna hagasii qabaachuu isaa irratti shakkii qabu.

Manni Maree Nageenyaa US, baalistik misaa'elii fageenya gidduugaleessaa qabu yaaliif Yuukireen irratti dhukaafameera'' jedhan.

Raashiyaan isaanuma kanneen baay'inaan waan qabduuf kun haal waraanichaa hin jijjiiru jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti aanaan hogganaa Peentagon,Sabriinaa Siing osoo Raashiyaan misaa'el akana hin fayyadamiin dura karaa chaanelii 'Nuclear Risk Reduction' odeeffannoo arganneerra jette.

Karaa chaanelii kanaa waa'ee misaa'elaa irratti odeeffannoo wal jijjiiru. Putin ammoo yaaliin misaa'elaa kun haala milkaa'aa taheen raawwateera jedhe.

Haleellaan kun baalistik misaa'elii haayipersoonikii garuu nuukileera hin taaneen raawwate jedhe.

Sadaasa 21 indaastirii waraanaa guddaa Yuukireen irratti humni waraanaa Raashiyaa haleellaa qindaa'aa raawwateera.

Putin iddoo irratti qiyyeefanne haleeluu dandeneyeerra jedhan.

Meeshaa waraanaa Raashiyaan fayyadamte kana qolachuun hin danda'amne. Sababni isaa saffisa 2.5km/ sekondii waan imaluuf.

Putin amma murtee haaraan jiraanaan Raashiyaan tarkaanfii barbaadde biyyoota Lixaa irratti fudhachuuf qophiidha jedhan.

Daariktera saayinsii waraanaa Rusii kan tahe Matthew Savill,Raashiyaan meeshaa waraanaa fageenya dheeraa qabu kan Iskaandersi caalu qabdi. Kunis hanga kiilomeetira 500 kan imaluu danda'u jedhe.

Misaa'elli amma Raashiyaan fayyadamte haala waraanichaa hedduu jijjiiruu baatus kana caalaa oomishuuf qophii akka taate agarsiisa jedhe.

Raashiyaan imaammata itti fayyadama nuukileeraa ishees jijjiirteetti.

Kunis erga Ameerikaa fi UK akka Yuukireen misaa'ela fageneya dheeraa qabu eeyyamaniifii booda.