Wantota ijoo shan Tiraamp filatamee torban tokko keessatti hojjechaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Donaald Tiraamp filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa erga injifatanii booda, yeroo lammaffaaf gara Waayit Haawusitti deebi'uuf qophii taasisaa jiru.
Akkuma injifachuun isaa labsamees wantoota dursa kennuufi qabu ifa godheera.Kun ammoo waashigiton keessattis ta'ee addunyaa irratti namoota ajaa'ibsiisera.
Tarkaanfiwwaan torban jalqabaa pirezidaantichi fudhatan kan beeknu kunooti.
1) Mootummaasaa cimsachuuf garee amanamaa ijaaraa jira
Tiraamp battaluma filatametti haalaa jechuun danda’amuun, garee isaa olaanoo ijaaruu kan jalqabe yoo ta’u, filannoowwan kaabinee Seenetii akka raggaasisuuf kaadhimuun gorsitoota Waayit Haawus fi gargaartota olaanoo biroo muudaniiru.
Ta'ullee garuu kun odeeffannoo guutuu kennuu baatus, filannoon isaa mootummaa hundee irraa jijjiiruuf karoorfachuu isaa ifa godha. Filannoowwan namoota muuxannoo qabanii fi beekamoota'anii kanneen isaaf amanamoo ta’anii fi mul’ata isaa marsaa lammaffaa Waashingitan keessatti jijjiiruuf qaban qooddatan akka ta'antu himamaaf.
Fakkeenyaaf, barreessaa ittisaa ta'uuf filachuun isaa hoggantoota waraanaa imaammata "aktiivistii" hordofan akka qulqulleessan gaafate.
Fakkeenyaaf, barreessaa ittisaa ta’uuf filannoo isaa, hoggantoota waraanaa imaammata “hirmaachisaa” tuman akka qulqulleessan gaafateera. Barreessaa fayyaa ta’uuf kaadhimamaa isaanii Roobart F Keeneedii Jr, dhaabbilee fayyaa Ameerikaa keessatti “malaammaltummaa qulqulleessuu” fi Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa (FDA) keessatti “sektara guutuu” kutuu akka barbaadan dubbataniiru.
Sunis kutaa haaraa waadaa galame kan gorsitoota Elon Mask fi Vivek Ramaswamy tiin hoogganamu, kan Traamp dambiiwwan hir’isuu fi baasii seena qabeessa hir’isuu irratti xiyyeeffatan jedhamaniidha
Haalli waliigalaa gareen Tiraamp yaada dhiyeessan akka addunyaatti jechuun ni danda’ama amanamaa ta’uu isaati, akkasumas kutaalee mootummaa isaanii sirreessuu ni deggeru.

Madda suuraa, Getty Images
2) Kongireesii keessaa michuuwwaan qabaachuu
Rippabilikaanonni to’annoo mana maree fi Seenetii injifachuun, filannoo walakkaa barame irratti yoo xiqqaate waggoota lamaan dhufaniif sagalee murteessaa (xiqqoo ta’us) paartii kanaaf kennaniiru.
Kun ajandaa Tiraampiif jajjabina guddaadha. Salphaatti seera baasuu ni danda’a jechuudha, dursa imaammata isaaf seera ta’uuf daandii miijataa kenna.
Kana jechuun Paartiin Dimookiraatotaa irraaa kanneen ajandaa isaas haquu fi mormuu danda'an ni xiqqaata.Akkasumas Tiraamp qorannoo kongireesii amma walakkaa lammaffaa marsaa marsaa jalqabaa isaanii keessatti isaan mudatu irraa fagaachuu danda’uu qaba.
Dhumarratti, to’annoon Rippabilikaanotaa Kongireesii irratti waadaa gurguddaa galame kanneen akka godaantota jumlaan biyyaa ari’uu, qaraxa meeshalee biyya alaa galfamu irra kaa’uu fi eegumsa naannoo duubatti deebisuu dhiibuu keessatti furtuu ta’uu danda’a.
3) Dhiibbaa Seenetiirraa isa eeggatu
Dhiibbaan Tiraamp jalqaba torban kanaa yeroo Rippabilikaanonni Seenetii keessa jiran hogganaa isaanii haaraa filatanii qoratameera.
Kallattiin dorgommiicha irratti madaalamuu, michoota pirezidaantii filataman dhageettii guddaa qaban akkasumallee miidiyaaleen tokko tokko nama Tiraampiif amanamaa cimaa Riik Iskootii akka filatamuuf carraaqqiin cimaan godha turan.
Garuu marsaa jalqabaa irratti kan mo’ame yoo ta’u, Rippabilikaanonni namaTiraamp waliin hariiroo waldiddaa qaba jedhamu Joon Thune filataniiru.
Qormaanni cimaan aangoo Tiraamp Capitol Hill irratti qaban jiraachu mala. Keessumaa yeroo dhaddachi mirkaneessaa filannoo kaabinee isaanii raggasifamutti caalaatti qoqqoodinsa uumamuu danda'a
Fakkeenyaaf, Rippabilikaanonni Seenetii muraasni, Tiraamp kana dura Maatii Geetzi damee haqaa akka hoogganan filatan mormuu isaanii agarsiiftudha
4) Himannaan yakkaa Tiraamp yeroo dhiyootti haqamuu mala
Xiyyeeffannaan baay’een isaa kaadhimamaa fi muudama pirezidaantii filatamaa irratti yoo ta’u, injifannoo isaatiin dhimmoonni seeraa fooyya’uu danda'an akka jiran ifa.
Addatti Niiw Yoorkitti, dhimmi yakka maallaqa kannee yakka hannatin itti murtaa'e yoo xiqqaate guyyoota muraasa dabalataaf kan turu ta'a
Garuu yeroo dhiyootti seenaaf dabarfamuu danda'a. Jalqaba torban kanaa sababa abbaan murtiitin murtee Mana Murtii Olaanaatti kennamuuf ganna keessa pirezdaantichi bilisa ta’uu fi dhiisun isa akka murtee argatu eere utuu hin ibsamin harkiftareera
Murteen sun amma torban dhufu keessa ni kennma jedhamee eeggama. Akkasumas himanni sun haqamuu fi dhiisuu isaa ifa ta’uu baatus, murtiin Tiraamp Sadaasa 26tti beellamame ture haa ta’u malee ammas harkifachuun isaa hin oolu.
5) Xiyyeeffannoosaa Chaayinaarra gochuu

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp addunyaa kana haala bulchiinsa Baayiden irraa adda ta’een ilaaluun isaanii ifa, waggoota muraasa dhufan keessattis imaammata alaa Ameerikaa haalaan jijjiiruu danda’a.
Mata dureen ifa ta'ee guyyoota dhiyoo asitti mul'ate tokko garee inni yaada dhiheesse keessatti hawkoonni Chaayinaa baay'inaan mul'achuu isaaniiti - warra Beejiing olaantummaa dinagdee fi waraanaa Ameerikaatif balaa guddaa ta'a jedhanii amananii fi kana humnaan mormuu barbaadan.
Gubbaa irraa gara gadiittis ni argamu.
Ministira Dhimma Alaa ta’uuf kaadhimamuun isaanii - dippilomaatii Ameerikaa olaanaa - Maarkoo Ruubiyoo, Chaayinaan “mormituu Ameerikaan hanga ammaatti mudate hunda caalaa guddatte” jechuun ibsaniiru.
Gorsaan nageenya biyyaalessaa isaanii Maayik Waaltz, Ameerikaan Chaayinaa waliin “waraana qorraa” keessa akka jirtu dubbataniiru. Kaadhimamtoonni biroo kan akka UNtti ambaasaaddara isaaf yaadame Elise Stefanik Chaayinaan filannoo gidduu seentee jirti jechuun kallattiin himataniiru.
Bara bulchiinsa Tiraamp jalqabaa hariiroon Beejiing waliin ture walxaxaa kan ture yoo ta’u, bara bulchiinsa Baayiden ammoo qabbanaa'aa ture.
qaraxa, to’annoo al-ergii fi dubbii akeekkachiisaa ta’een pirezidaantiin filataman yeroo kana ejjennoo daran cimaa fudhachuuf qophaa’oo ta’anii mul’atu.












