Yukireen misaa'ela fagootti dhukaafamu US kenniteef Raashiyaa keessatti yoo fayyadamte waraanichi bifa jijjiirrataa?

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan yeroo jalqabaaf Yuukireen misaa'ela fageenya dheeraa deemuun Raashiyaa akka haleeltuuf eeyyamteef.
Yeroon aangoo isaanii xumuramaa kan jiru Joo Baayiden, misaa'ela Ameerikaan hojjette ATACMS iddoowan daanga'an daangaa Raashiyaa keessaa haleeluuf itti fayyadamuu dandeessi jechuun Yuukireenitti himan.
Kana dura Ameerikaan Yuukireeniif eeyyamuu diddee ture.
Jijjiiramni imaammataa kun Tiraampi aangoo qabachuuf torban muraasa yeroo hafanitti mudate.
Ameerikaan maaliif Yuukireen misaa'ela ATACMS akka fayyadamtu eeyyamte?
Yuukireen misaa'ela 'Army Tactical Missile System' jedhamu daangaa ishee keessaa bakkeewan loltoonni Raashiyaa qabatan irratti waggoota tokkoo oliif fayyadamteetti.
Kiriimiyaa keessatti buufata xiyyaaraa Raashiyaa ittiin haleelteetti. Zaporzhiyaa keessaas buufata waraanaa raashiyaa haleeluuf itti fayyadamteetti.
Haa tahu malee, Ameerikaan misaa'ela fageenya dheeraa imaluu danda'u daangaa Raashiyaa keessa galuun akka haleeltuuf hin eeyyamneef ture.
Misaa'elli kun humna baay'ee cimaa kan qabuu fi km300 imaluu danda'udha.
Yuukireen garuu meeshaa kana erga arattee daangaa Raashiyaa keessatti itti hin fayyadamtu jedhamuun harka tokko duubatti hidhanii harka tokkoon akka oluuttan ilaala jettee amanti.
Ameerikaan imaammata ishee jijjiiruun kan eeyyamteef erga loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa gargaaruuf bobbaafamuun barameeti.
Misaa'eloonni kunneen miidhaa akkamii qabu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yuukireen misaa'ela kana fayyadamtee daangaa Raashiyaa keessaa keessumaa naannoo Kuriskii haleeluu dandeessi.
Loltoonni Yuukireen lafa 1,000 kmsq qabatanii jiru. Raashiyaan daangaa ishee kana deebistee qabachuuf jecha humnoota waraanaa Kooriyaa Kaabaa waliin tahuun waraana banuuf jetti.
Haleellaa Yuukireen irratti qiyyeeffate kana qolachuuf biyyattiin misaa'ela ATACMS fayyadamuu akak dandeessu Ameerikaan eeyyamteetti.
Humni waraanaa Yuukireen buufataalee waraanaa Raashiyaa Kuriski keessaa, loltootaa fi bu'uuraalee misoomaa dabalatee haleeluu danda'u.
Dippilomaatiin biyyoota Lixaa akka maqaa hin dhahamneef gafatan tokko murteen kun haala waraanichaa hedduu hin jijjiiru jedhan.
Raashiyaan xiyyaarota waraanaa ishee gara giddugaleessaatti buttee jirti. Garuu murteen kun deeggarsi waraanaa Yuukireeniif kennamaa jiraachuu kan agarsiisudha jedhan.
''Baasii waraanaa Raashiyaa akkaan dabala''a jedhan.
Bulchiinsa Obaamaa jalatti itti aanaa ministeera ittisaa kan turan Eviliin Faarkaas ''gaaffiin jiru Yuukireen misaa'eeloota kana dhukaasuuf meeqan isaanii qabdi'' kan jedhudha jedhan.
''Peentaagon rasaasota misaa'ela kanaa hedduu akka hin qabneefi Yuukireeniif kan kennan baay'ee akka hin taane dhageenyeerra.''
Faarkaas ammoo yoo Yuukireen misaa'eloota kanneeniin riqicha Kerchi kan Kiriimiyaa gidduugala Raashiyaatti hidhu haleeluu dandeesseef xiinsammuu isaaniif injifannoo guddaadha jette.
Murteen Ameerikaa kun akka UK fi Faransaay misaa'eloota isaanii daangaa Raashiyaa keessatti haleeluu danda'an 'Storm Shadow' eeyyamaniif kan hulaa saaqudha.
Misaa'elli kun kan Faransaayii fi Biriiteniin hojjetame tahee akkuma ATACMS fageenya dheeraa furguggifamuu danda'udha.
Gara waraana bal'aatti geessaa?
Baayiden waraanichi babal'achuu danda'a sodaa jedhuun ji'ootaaf itti fayyadama misaa'elaa kana dhorkee ture.
Biyyoonni Lixaa misaa'eloota kanneen akka hin eeyyamneef biyyoota Lixaa akeekachiisaa ture.
Yoo kan eeyyaman tahe Moskoon ''akka NATO'n waraanicha keessatti kallattumaan hirmaateettin ilaala,'' jette.
Xiyyaarota waraanaa fi taankota haaraa Yuukireeniif kennuu irrattis Raashiyaan ''sarara diimaa'' jechuun kan akkeechiifte jira.
NATOtti ambaasadara US kan turan Kurt Volker ''Yuukireen meeshaalee waraanaa Yuukireen fayyadamuu dandeessu fageenyaan daangessuun Yuukireen akka ofirraa hin ittisneef dhorkaa haqa qabeessa hin taane irratti dabarsuudha'' jedhan.
Dabalataan murteen kun ifatti himamuun dogogora kan jedhan dippilomaatin kun Raashiyaan waa'ee haleellaa itti dhufuu maluuf akka dursitee odeeffannoo argattuufi qophooftuuf gargaara jette.
Tiraampi garuu murtoo kana ni fudhatamoo akkuma dhaadatan waraanicha xumuru kan jehdu ammatti hin baramne.
Itti aanaa pirezidaantii tahuun kan filame JD Vaansi deeggarsa waraanaa homaa Yuukireeniif hin kenninu jedhe.
Ilmi Tiraampi osoo abbaankoo aangoo qabatee nagaa hin buusiin waraana adunyaa sadaffaa kaasuuf waan deeman fakkaata jechuun miidiyaa hawwaasaa isaa irratti barreesse.












