Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Netaaniyaahuun UK dhufnaan hidhamuu akka danda’an waajirri MM beeksise
Manni-murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) ajaja hidhaa kan irratti baasee Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu, yoo gara Yunaayitid Kingidam (UK) deeman hidhamuu akka danda’an waajirri Ministira Muummee biyyattii beeksise.
Dubbi-himaan waajira Ministira Muummee UK waa’ee Netaniyaahuu yaada kennuuf fedhii dhabanillee, mootummaan “dirqama seeraa isaa” garuu akka ba’atu dubbataniiru.
Manni-murtii Yakkaa Idil-addunyaa Sadaasa 21, 2024 Gaazaa keessatti yakkawwan waraanaa raawwachuudhaan kan himate Benjaamin Netaaniyaahuu fi ministira ittisaa duraanii Israa’el Yohaav Galaant irratti ajaja hidhaa baaseera.
Ministirri muummee Israa’el Benjaamiin Netaniyaahuu lammilee nagaarratti beela akka meeshaa waraanaatti gargaarameera, ta’e jedhee lammileen nagaarratti haleellaa xiyyeeffate gaggeessuudhaan yakkawwan waraanaa fi yakkawwan namoomaa raawwate jedhamuun himate.
Yunaayitid Kingidam dabalatee miseensonni biyyoota seera ICC kana mallatteessan ajaja hidhaa hojiirra akka oolchaniif waliigaltee fudhataniiru.
Netaanaahuun biyya Yunaayitid Kingidam kana seennaan ni hidhamu? gaaffii jedhu kan gaafataman dubbi-himaan ministira muummee, "akeekaa" irratti hundaa'uun yaada kennuuf hayyamamoo ta'uu akka hin barbaadne dubbatan.
Haata'u malee, "mootummaan dorqamoota seeraa akka ba'atu" jala muranii deebisaniiru.
Akka seera Mana-murtii Idil-addunyaatti, "ministirri erga manni-murtichaa ajaja hidhaa baaseen booda muudame ajaja sana waajira seeraa ilaallatutti dabarsa. Waajirri kunis ajaja hidhaa Yunaayitid Kingidam akka hojiirra oolchuuf raggaasisa," jedha.
Dubbi-himaan Ministira Muummee mootummaan adeemsa mana-murtichaatiin ibsame akka hordofuufi "yeroo hunda seerota biyya keessaafi sadarkaa addunyaarratti tumaman ilaalchisuun dirqamoota seeraa irraa eegamu akka kabaju mirkneessaniiru.
Adeemsa hidhaa kana keessatti waajira mootummaa isa kamitu itti hirmaata kan jedhu mirkaneessuu kan hin dandeenye yoo ta'u, mootummaan dhimmicha waliin walqabsiisee, Abbaan alanagaa Waliigalaa biyyattii Loord Hermer gorsa seeraa gaafachuusaarratti deebii hin kennine.
Walumaagalatti ajajawwan hidhaa guutummaa addunyaarraa dhufaniifi gaaffiiwwan dabarsanii kennuu osoo gara tarkaanfiitti hin seenamiin dura waajira mootummaa keessaa garee addaa dhimma kana ilaallatutti ergamuu qabu.
Seerri Yunaayitid Kingidam shakkamtoota ICC to'annoo jala oolchuu ykn dabarsanii kennuu dhimmoota jedhanirratti manneen-murtii murtee dhumaa akka qaban kaa'ameera.
Ministirri muummichaa Benjaamiin Netaniyaahuu waliin dubbachuuf hayyamamoo ta'uufi dhabuu isaanii kan gaafataman dubbi-himaan kun, "sadarkaa hundatti Israa'el waliin mariyachuun keenya waan bu'uuraadha," erga jedhanii booda Israa'eliin "dhimmoota adda addaarratti michoo ijoo" jechuun ibsaniiru.
Torbanoota muraasa dura Loord Hermer ICCn ajaja hidhaa yoo baase murtee isaaniirratti dhiibbaan siyaasaa gidduu seenuu akka hin hayyamamne BBCtti himanii ture.
"Ajaja hidhaa Netaniyaahuutiif gorsi kiyya kan ta'u xiinxala seeraarratti kan hundaa'e gorsa seeraa ta'a" jedhan.
Sadaasa 21, 2024 ajajni hidhaa ba'uu hordofee mootummaan Yunaayitid Kingidam, walabummaa ICC akka kabajuu fi Gaazaa keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuurra saffisaan akka gahamu dhiibbaa gochuurratti akka xiyyeeffatu dubbateera.