Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beerut haleellaa qilleensarraa Israa’el hamaan rukutamte
Israa’el wiirtuu Beerut irratti haleellaa qilleensarraa hamaa raawwachuufi namoonni baayyeen du’uu miidiyaaleen Libaanos himan.
Magaalaa guddaa kana keessatti kan argamu gamoon mana jireenyaa abbaa darbii saddetii misaa’eloota shaniin rukutamee guutummana guutuutti barbadaa’uu tajaajilli oduu biyyaalessaa Libaanos gabaaseera.
Miidiyaan Hezboollaah Al-Manaar jedhamu gamsaatiin ministeera fayyaa Libaanos eeruun akka gabaasetti, haleellaa kanaan namoonni afur ajjeefamanii 23 madaa’aniiru.
Caccabaa gamoo kanaa viidyoowwan agarsiisanis bahaa jiru.
Humni waraanaa Israa’el haleellaa gara barii jala raawwate kana ilaalchisuun hanga ammaatti yaada hin kennine.
Humni Ittisaa Israa’el Fulbaana keessa Hezboollaah irratti haleellaa jabaa gaggeessuu kan jalqabe yoo ta’u, haleellaawwan qilleensarraa baayyee raawwachuun, loltoota lafoo ammoo Libaanos Kibaatiin galcheera.
Waggaa darbe Onkoloolessa 7 erga Hamaas Kibba Israa'el cabsee seenuun haleellaa raawwateen booda, Iraaniin kan deeggaramu Hezboollaah'n michummaa garee Hamaasiif qabu agarsiisuuf irra deddeebiin rokkeettiiwwan gara Israa'elitti dhukaasaa tureera.
Israa'el ammoo waraana Hezboollaa waliin gaggeessaa jirtu erga xumurameen booda sababa garee kanaatiin lammilee Kaaba Israa'el jiraataa turan 60,000 ta'u jedhamee tilmaamamu deebisuudhaaf yaadaa jirti.
Walitti bu'insa Libaanos keessatti dhalateen namoonni 3,500 ol du'uu isaaniifi miliyoona tokkoo ol kan ta'an ammoo manaafi qabeenya isaaniirraa buqqa'uu aanga'oonni biyyattii himaniiru.
Jalqaba torban kanaarratti gareen jaarummsaa Ameerikaarraa ta'e tokko waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka jiraatuuf Israa'el fi Libaanos daawwateera.
Dippilomaatiin Ameerikaa gara sanatti qajeelan Homsi Hocheesteeyin, fooyya'insi tokko tokko jiraachuu ibsanillee, odeeffannoo bal'aa dhimma kanarratti kennuurraa of qusataniiru.